KALLATTIIN, Iraan waraana dhaabuuf qabxiilee isheen dhiyeessitetti hin gammanne jedhe Tiraamp

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Iraan waraana dhaabuuf qabxiilee isheen dhiyeessitetti gammachuu akka hin qabne qondaalonn US ibsan.

Guduunfaa

Iraan waraana dhaabuuf qabxiilee isheen dhiyeessitetti hin gammanne jedhe Tiraamp

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Bidiruun qaaliin Raashiyaa osuma US Ulaa Hormuuz cuftee jirtuu akkamiin achirra dabarte?

    Bidiruu bashannanaa abbaa qabeenyaa Raahsiyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Bidiruun qaaliin Raashiyaa Pirezidaant Puutiin waliin hidhata qabdi jedhamtu osoodhuma US uggura keessee jirtuu Ulaa Hormuuz qaxxaamurte.

    Bidiruun kun superyacht Nord jedhamuun kan beekamtu yoo ta'u, dheerina meetira 142 kan qabduufi akkaan qaalidha.

    US dooniiwwan kamuu Ulaa Hormuuz qaxxaamuruun gara buufataalee doonii Iraan akka hin seennefi achii akka hin baaneef humna galaanaa bobbaasuun uggura erga keesssee torbee lamaa ol ta'eera.

    Haa ta'u garuu bidiruun bashanannaa baay'ee qaalii taatefi Pirezidaant Puutiin waliin hidhata qabdi jedhamte kun uggura US cabsuun Ulaa Hormuuz keessa qaxxaamurtee jirti.

    Bidiruun kun kan abbaa qabeenyaa Raashiyaa Aleeksii Mordaashoov yoo taatu, Dubaayi irraa ka'uun gara Omaan erga deemtee booda, achirraan Ulaa Hormuuz qaxxaamurte.

    Aleeksii Mordaashoov biliyeenara Raashiyaa qoqqobbii US jala jiruufi pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin hidhata qabuudha.

    Bidiruun qaaliin uggura US cabistee Ulaa Hormuuz qaxxaamurte kun dolaara miliyeena 500 akka baastutu himama.

  2. Waraana dhaabuuf qabxiilee Iraan dhiyeessitetti Tiraamp gammachuu hin qabu- qondaala US

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waraana dhaabuuf qabxiilee ijoo Iraan dhiyeessiterraa gammachuu akka hin qabne qondaalli US tokko madda oduu Rooyitarsitti himan.

    Iraan yaadaa amma dhiyeessite keessatti hanga waraanni dhaabbatuufi dhimmi Ulaa Hormuuz furamutti waa'ee nikularaa mariyachuun akka hin barbaachifne kaaste.

    Yaadi Iraan amma dhiyeessite kun ammoo Tiraampiif hin liqimfane jedhan qondaalli US. Sababni isaa US jalqabumarraayuu dhimmi nikularaa qabxii ijoo irratti walii galamu ta'uu akka qabu fedha qabdi.

    Biyyoota lamaan gidduutti abdiin mariin ni eegala jedhu Sambata darbe Tiraamp jilli marii gara Islaamaabaad akka hin deemne haquu hordofee dhaamee jira. Iraan US waliin qaaman wal-argee hin mariyadhu jechuu hordofee jilli marii US gara Paakistaan deemuuf ture hafuun dhagahame.

    Tiraamp yoo marii barbaadaan "nuuf haa bilbilan" jechuun jilli marichaa akka hin imalle dhorke.

    Gama biraan ammoo Iraan torban kana ministiira dhimma alaashee Abbaas Araagchii gara biyyoota sadiitti ergiteetti: Paakistaan, Omaanifi Raashiyaa.

    Abbaas Araagchii Raashiyaatti imaluun Pirezidaant Puutiin waliin erga mariyatanii booda, Raashiyaa waliin wal-ta'iinsa tarsiimawaa tolfachuu ibsan.

  3. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya kan har'aa eegalleera.

    Tiraamp waraana dhaabuuf yaada Iraan dhiyeessitetti akka gammachuu hin qabne ibse.

    Gam biraan ammoo Iraan Raashiyaa waliin hariiroo tarsiimawaa tolfadhe jette.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Dhihyaadhaa!