Paakistaan marii qopheessaa jirti, qophiin US fi Iraan maal fakkaata?

Madda suuraa, Getty Images
Mariin US fi Iraan akkaan eegamaa jira. Paakistaan qophii hunda xumurtee warra mari'atan, US fi Iraan, eegaa jirti.
Gama lamaan qophii fi kutannoon mari'achuuf jiru garuu abdachiisaa miti.
Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii Paakistaan ga'eera, US ammoo ergamtoota addaa Istiiv Witkof fi Yaared Kushinar ergaa jiraachuu ibsite.
Waayit Haawus yoo warri Iraan marii kallattii (qondaalota US qaamaan arguun) mari'achuu barbaadan jechuun akka qondaalota kunneen erge ibseera.
Ammoo gama Iraaniin ergaan biraa dhagahamaa jira.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Ismaa'el Baqaayi akka jedhutti Abbaas Araagchii gara Paakistaan kan imale jila Ameerikaa arguuf osoo hin taane ''qondaalota olaanoo Paakistaan waliin mari'achuuf.''
''Mariin kallattii Iraan fi US gidduutti karoorfame hin jiru. Iraan xiyyeeffannaa marii ishee Paaksitaan faana taasisteetti,'' jedhe qondaalli Iraan kun.
Duratti Tiraamp qondaalonni US qaamolee dhimmi Iraan ilaallatu waliin mari'ataa akka turan ibsee ture.
''Iraan waan dhiistu irratti yaada kenniteetti, sana ilaaluu qabna,'' jedhe. Garuu waan Iraan dhiheessiteef hin ibsine.
Paakistaan keessatti marii kanaaf jecha eegumsi akkaan cimeera, daandiiwwan ijoo ta'an eegumsaan guutamaniiru.
Sababa kanatti imalli geejjibaa hedduun adda citeera.
