Waayee dhukaasa Tiraampiin sagantaa irbaataarraa baqachiisee maal beekna?

Madda suuraa, Reuters
Sambata galgala affeerraa hirbaataa gaazexeessitoota dhimmoota Masaraa Mootummaa Ameerikaa 'Waayit Haawusif ' gabaasaniif qophaa'erratti yaaliin ajjeechaa ammas Pirezidaantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraampi irratti raawwatameera.
Hoteela sagantaan kuni keessatti qophaa'e keessatti sagaleen dhukaasaa akkuma dhaga'ameen qaamoleen nageenyaa pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Traamp fi Giiftii Duree Melaaniyaa Tiraamp hattamaan achii baasaan.
Tajaajilli nageenyaa Ameerikaa "taatee dhukaasaa" kanaan namni miidhame akka hin jirre ibseera. Akkasumas namni dhukaasa kana banuun shakkamu tokko to'annoo jala ooleera. Namni shakkame kun qawwee hidhachuun qondaala odeeffannoo addaa Ameerikaa irratti dhukaasa banuu qondaalli FBI Rooyitarsitti himaniiru.
Taatee kana booda, Tiraamp Waayit Haawusitti ibsa gaazexeessitootaf kennaniin taateewwan akkanaa yeroo hunda kan nama rifachiisan ta'uu ibsan.
Akkasumallee toora miidiyaa hawaasaa Truth irratti Tiraamp akkas jechuun barreessaniiru: "Namni dhukaase to'annoo jala ooleera, ani immoo "saganticha itti haa fufnu '' kan jedhu yaada dhiyeesseen jira. Garuu, Qaama Seera kabachiisuun waan hin fudhatamneef guutumatti waan isaan jedhaniin qajeelfama" jedhan.
Itti dabaluunis innifi giiftii dureenis qaamolee nageenya eegsisaniin bakka sanaa akka gadhiisan taasifamuu ibsan.
Waan Tiraamp dhukaasa sana booda jedhe maali?

Madda suuraa, Getty Images
Taateen dhukaasaa suni raawwatee gara sa'aatii tokkoo fi sanaa ol booda Waayit Haawusitti ibsa gaazexeessitootaf kenneen namni tokko meeshaa waraanaa cimaa qabate wayita gara hoteela Waashingitan Hiltanitti fiigee seenu, qondaaltonni nageenyaa isa ittisuun to'annaa jala oolchaniiru jedhan.
Tiraamp viidiyoo kaameraa CCTV Tirraa argame miidiya hawaasaa Truth irratti qoodan akka agarsiisutti namni tokko buufata sakatta'iinsa nageenyaa keessa ariitiin fiigee seenuu agarsisa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp nama taate sana raawwateen ''nama nagaa hin qabne ykn dhukkubsataa (very sick man)jedhan.
Traamp akka jedhanitti qondaalli Tajaajila tikaa tokko fageenya baayyee dhihootti rasaasaan rukutameera. Qondaalli kun garuu hidhannoo rasaasa qolatu waan uffateef baraarameera. Amma nagaa fi haala gaarii irra jira jechuun ibsan.
"Ani qondaalicha waliin haasa'eera, nama waan guddaa hojjateedha. Kaka'uumsa baayyee ol'aanaa qaba, akka isa jaallannuu fi akka isa kabajnu itti himeera, gurbaa baay'ee itti boonuudha."
Traamp akka jedhanitti, ergamtoonni federaalaa mana nama haleellaa kanaan shakkamee Kaalifoorniyaa sakatta'aa jiru.
Erga shakkamaan kun to'annoo jala oolee sagantichi akka deebi'ee jalqabu akka barbaadan cimsanii dubbachuu kan eeran Tiraamp garuu qamoleen nageenya dhorkuu himan.
Sagantaan kun irra deebiin kan beellamamu ta'uu fi inummaa kanarra ''guddaa fi fooyya'aa akkasumas daran miidhagaa'' akka taa'us dubbataniiru.
Pirezidaantichi yaaliiwwaan ajjeecha kanaan dura Pennesiylavaniyaa fi Filooriidaatti wayita goolfii taphachaa turan irratti raawwatame dabalatee yaaliiwwan ajjeechaa isaanii irratti kanaan dura raawwatame eeraniiru.
''Yeroo hunda yeroo kun ta'u nama rifachiisa, sun gonkumaa hin jijjiiramu'' jedhan.Akkasumallee taatee ammaa kanaan giiftii dureenillee baay'ee rifachuu ibsan.
Shakkamaan eenyu, maaliin himatame?

Madda suuraa, Donald Trump/Truth Social
Shakkamaan rasaasaan rukute jedhame kun Kool Toomaas Alen, nama ganna 31, kan magaalaa Tooraans, Kaalifoorniyaa, michuu oduu BBC Ameerikaa Kaabaa, CBS tiin gabaafameera.
Tiraamp akka jedhanitti qaamoleen nageenyaa Federaalaa fi Tajaajilli Iccitii mana jireenyaa isaa Kaalifoorniyaa sakatta'aa jiru.
Hogganaan poolisii yeroo Waashingitan DC Jeffery Carroll shakkamaa to'atameen ala namni biraa taatee kana keessa jira jedhanii amanuuf sababni akka hin jirre dubbataniiru.
Qaamni seera kabachiisan dhukaasni banamuu yoo mirkaneessan, meeqa akka ta'e garuu ifa miti. Qondaaltonni nageenyaa fi namichi dhukaasa wal jijjiiraniiru jedha poolisiin.
Hogganaan Poolisii kun shakkamaan kun ''qawwee , shuguxii fi meeshalee qara qaban hedduhidhatee ture'' jedheera.
Abbaan seeraa Ameerikaa Waashingitan Jenine Pirro akka jedhanitti shakkamaan kun yakka jeequmsaa qawwee raawwachuu fi qondaaltota federaalaa meeshaa balaafamaa fayyadamuun haleellaa raawwachuu isaatiin himannaa lama isa eeggata. Wixata himanni kun kan irratti banamu ta'a jedhameera.
Poolisiin ammallee maaliif akka kana godhe qorachaa jira.
Sagantaa Irbaata sana irratti maaltu ta'e?

Madda suuraa, Getty Images
Sagantaan Irbaata kana kan geggeeffame Waashingitan Hiltonitti ture.
Kutaa guddicha biratti dhukaasni erga dhaga'ame booda Tiraampiifi Giiftii duree dabalatee namoonni kutaa sana keessa turan burjaajjii fi yaaddoo keessa turan.
Pirezidaantichi galgala sana irbaata booda haasaa ni taasisa jedhamee eegama ture, yeroo sanatti dhukaasni qawwee naannoo galma baalaa sanaatti dhaga'ame.
Gaazexeessitoonni BBC hedduun, kanneen achitti argaman, sagalee dhukaasaa hordofuun haalaa burjaajjii achi keessa ture gabaasaniiru.
Ergamtoonni Tajaajila tikaa Ameerikaa pirezidaantichaa fi giiftii duree kutaa sana keessaa eeggachaa kan turan yoo ta'u, ministeera fayyaa Roobart F Keeneedii Juuniyeerii fi Ministira Ittisaa Piit Heegseet dabalatee qondaaltonni bulchiinsa olaanoo ibsa nageenya isaaniitiin ''walitti qabamaniiru''.
Sagantaan Irbaata Waayit Haawus Korrespondents jedhamu kan gaazexeessitoota dhimmoota Masaraa Mootummaa Ameerikaa 'Waayit Haawusif ' gabaasaniif waggaa waggaan qophaa'u kun bara 1921 eegale yoo ta'u, yeroo baayyee pirezidaantiin Ameerikaa kan irratti hirmaatudha.
Taateewwan hawaasummaa gurguddoo Waashingitan keessaa tokko fi kan miseensonni kaabinee Tiraamp fi qondaaltonni olaanoo bulchiinsa Tiraamp hedduun irratti hirmaatan ture.












