Iraan akkamiin waraana isheerratti banameef deebii kennuuf Ulaa Hormuuz gargaaramte?

Madda suuraa, NurPhoto via Getty images
Waraanni Iraan, Ameerikaa fi Israa'el gidduutti guyyoota 40f ture dhimmoota ajaa'ibsiisoo qabatee mul'ateera. Meeshaan Iraan baayyee bu'a qabeessa ta'eefi rakkisaa ta'e humna meeshaa waraanaa nukilaraa ishee osoo hin taane Ulaa Hormuuz ta'uu ifatti mul'ateera.
Yeroo waraanni kun jalqbu Iraan keessatti boombii gurguddaan haleellaa raawwachuun akka jijjiiramni mootummaa dhufu taasisuuf yaaliin akka ture ni yaadatama.
Iraan biyyoota Galoo Galaanaa michuu Ameerikaa ta'an irratti misaa'elootaafi diroonota dhukaasuun deebii kenniteetti.
Waraanni hammaachaa hanguma deemeen garuu xiyyeeffannooshee gara Galoo Galaanaa Faares toora bishaanii dhiphoo gabaa addunyaa walitti fidu gufachiisuurratti naanneeffatte.
Tarkaanfiin kun ammoo hatattamaan ture Yunaayitid Isteetisiifi michootashee boba'aafi gaazii karaa Galoo Galaanaa fayyadamuun bitatanirratti dhiibbaa guddaa kan uume.
Aanga'oonni Eegdota Warraaqsa Islaamummaa (IRGC) keessa jiran daandii doonii kana to'achuun danda'amnaan waraana caalaa faayidaa tarsiimawaa ta'e argamsiisuu akka danda'u hubataniiru.
Iraan dhiyeessii annisaa addunyaa gufachiisuun Waashingiten kallattiishee akka irra deebitee qorattu ishee dirqisiiseera.
Dhumarratti ulaa sana irra deebiyanii bansiisuu fi marii dhukaasa dhaabuuf taasifamuuf haal-duree godhattee dhiyeeffatteetti Iraan.
Iraan haleellaan irratti raawwatamnaan Ulaa kana akka cuftu irra deddeebiin dhaadattus, kanaan dura haala amma goote kanaan guutummaatti cuftee hin beektu ture.
Baroota 1980 hanga 1988 wayita waraanni Iraan-Iraaq gaggeeffamaa turettiyyu dooniiwwan/taankeroota boba'aa baatanirratti haleellaa raawwachaa turte malee Ulaa Hormuuz kana takkaallee hin cufne ture.
Ajajoonnii fi aanga'oonni Iraan tokko tokko to'annoo biyyattiin Ulaa kanarratti qabdu mariyachaa turaniiru.
Paarlaamaan Iraan, keessumaa ammoo Komishiniin Nageenyaa Biyyaalessaa dooniiwwan kanaa Ulaa Hormuuz darbanirra qaraxa kaa'uuf yaada dhiyeesse.
Miseensi paarlaamaa tokko Iraan boba'aa karaa Ulaa kanaa darbu boba'aa barmeela sadiirratti dolaara tokko kaffalchiisuu akka barbaachisu eereera.
Fakkii injifannoo

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sabaa-himaaleen mootummaa Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu hordofee fakkii injifannoo tamsaasaniiru.
"Inijifannoo Allaah yeroo dhufii fi injifannoon yeroo gonfatamu" mata-duree jedhu kan qabatee fi hogganaa waliigalaa duraanii `iraan viidiyoo agarsiisu imbaasii iraan Kuweet keessatti argamurratti maxxanfameera.
Viidiyoon kun biyyattiin dhiibbaa alaa haala milkaa'aa ta'een dandamatteetti kan jedhuu fi yaadama Iraan keessatti bal'inaan rabsamu kan calaqqisiisudha.
Maddi oduu Eegdota Warraansaa waliin hidhata wabu Faares, "karoorri dhukaasa dhaabuu Iraan, qoqqobbiiwwan kaasuu, beenyaa miidhaa waraanaa, loltoota Ameerikaa naannicha keessaa baasuu hammata," jechuun gabaaseera.
Aanga'oonni olaanoo iraanis miiruma kana calaqqisiisaniiru. Pirezidantiin itti-aanaa Iraan ibsa isaatiin, dhukaasa dhaabuu kana guyyaa jalqabaa waraana kanaa kan ajjeefaman hogfganaa waliigalaa duraanii iraan Ayaatolaa Alii Kameenii eeruun "injifannoo doktiriinii Kameenii" gochuun dubbateera.
Itti-gaafatamaa duraanii Eegdota Warraaqsaa gorsaa hogganaa haaraa kan ture Moohisen Reezaay gamasaatiin, humnoonni Iraan "qubni isaanii mlaaciirra ta'ee" of eeggannoo olaanaarra ta'anii akka eeggatan akeekkachiiseera.
Yeroo walitti bu'iinsaa keessa namoonni 13 mootummaa Iraaniin ajjeefamaniiru. Baayyeen isaan basaasummaan kan himataman yoo ta'an, tokko tokko ammoo sababa mormii biyyaalessaa Amajji kessa guutummaa biyyattii tureen kanneen hidhamaniru.
Ibsawwan injifannoo duubaan garuu haala dadhabaa ta'etu jira.
Humni waraanaa Iraan kasaaraan guddaan irra gaheera; dhiibbaa qoqqobbii Ameerikaan durfamuufi waggootaaf itti fufe keessa dinagdeen jiru guddaa gaga'ameera.
Yeroo aanga'oonni to'annoo taasisan itti fufsiisuuf socho'an kana keessa, tarkaanfiin isaanii kun agarsiistuu tasgabbii dhabuu bulchiinsicha keessa jiruuti.

Madda suuraa, Getty Images
Marii nagaa dura Ulaa Hormuz irra deebiin banuun gaaffii Ameerikaa ijoo ture. Garuu kana milkeessuun salphaa waan ta'u hin fakkaatu.
Iraan Kamisa darbe dooniiwwan hayyama Eegdota Warraaqsaa malee achi keessa darban "xirratti xiyyeeffatamee akka barbadaa'an" akeekkachiifteetti.
Pirezidaant Tiraamp gabaasa "fudhatama hin qabne" kana ni beeku jechuun, garuu kun waan dhuunfaan dubbatan irraa adda ta'uu dubbi-himtuun Waayit Haawus Kaarooliin Liiveet himteetti.
Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Iraan Sa'id Katibzaadeh Kamisa darbe BBC'tti akka himetti, Iraan "dabarsaa kanaaf nageenya amanamaa ni kenniti"; hanga waraanni Iraan waliin ka'utti "waggoota kumaaf banaa" ture.
Hormuz kan deebi'ee banamu "erga Ameerikaan weerara kana dhaabdee booda" qofa jechuun, weerara Israa'el Libaanos irratti raawwatte eeruun dubbateera.
Katibzaadeh itti dabaluudhaan Iraan "seeraa fi dambii idil-addunyaa" akka kabajju dubbateera. Itti dabaluudhaanis, Galoo Galaanaan qaama bishaanii idil-addunyaa akka hin taanee fi karaan nageenya qabu "fedhii gaarii Iraan fi Omaan" irratti kan hundaa'e ta'uu dubbataniiru.
Galoo Galaanaan seera galaanaa idil-addunyaa fi Konveenshinii Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin kan bulfamu yoo ta'u, kunis tajaajilli siiviilii nagaan akka darbu gargaara.
Haal-duree hamaa

Madda suuraa, Getty Images
Iraan itti aansee maal gochuu dandeessi? Yaadni paarlaamaa Iraan duratti Ulaa Hormuuz to'achuuf dhiyaate qabxiilee sagal of keessatti qabata.
Qabxiilee ijoo keessaa tokko "dooniin diinaa kamiyyuu akka keessa darbu hin hayyamamu." Gama biraatiin Iraan tajaajila geejjibaa ni kenniti.
Kunis dhaabbileen maallaqa Iraan kaffaluu fi herrega baankii Iraan qabaachuu gaafata. Dooniinis fe'umsa isaanii labsuun dirqama ta'a ture.
Karoorri haaraan Iraan yaadotaa fi qabxiilee baay'ee walxaxaa ta'an kan of keessaa qabu Strait of Hormuz hojiirra oolchuuf qabdu ammallee sagalee hin arganne.
Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darban irratti kaffaltii yoo gaafatte Ameerikaa fi michoonni ishee naannoo tarkaanfii akkanaa ni fudhatu kan jedhu ta'a.
Deebiin tibbana kenname akka agarsiisutti yaadni dhihaate kun mormii cimaa kan isa mudate ta'uu ibsameera.
Bilisummaan doonii Ameerikaa fi michoota isheetiif qajeelfama ijoo yoo ta'u, sirni kaffaltii kamiyyuu akka gocha balaa qabuutti ilaalama.
Iraan yoo milkaa'e dandeettii daandii bishaanii addunyaa irratti murteessaa ta'e tokko to'achuu agarsiisuudhaan injifannoo tarsiimawaa fi fakkeenya ta'e guddaa galmeessitee jirti.
Tarkaanfiin akkanaa kun michoota Ameerikaa, miseensota NATO fi humnoota Galoo Galaanaa walitti harkisuun Iraan irratti tarkaanfii fudhachuuf balaa qaba.
Kunis deebii dippilomaasii, dinagdee ykn waraanaa qindoomina qabu argamsiisuu danda'a jedhamee yaaddoo uumeera.











![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)



