Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eloon Maask tiriiliyeenara addunyaa isa jalqabaa ta'e
Qoodni gabaa kaampaniisaa SpaceX akkaan dabaluu hordofee Eloon Maask abbaa qabeenyaa tiriiliyoonaan horate ta'uun nama jalqabaa ta'e.
Akka gabaasni Bluumbeerg abbootii qabeenyaaf sadarkaa baasu jedhuti abbaan qabeenyaa Teeslaa fi SpaceX Maask dureessa addunyaa kanaa isa tokkoffaa jedhameera. Qabeenyisaas doolaara tiriiliyoona 1.11 ta'a jedhame.
Kaampaaniiwwansaa rookkettii, telekoominikeeshiniifi Hubannoo Nam-tolcheerratti hojjetan maallaqa doolaara tiriiliyoona 2.2 baasuu jedha dhaabbatni jijjiirraa qooda gabaa (Stock exchange) Naasdaaq.
Akka dhaabbatni kun jedhutti abbootiin qabeenyaa biroon kaampaniiwwan Eloon Maask kana waliin hojjechuuf fedha guddaa agarsiisaniiru.
Maask kaampanii SpaceX jechuun hundeesse keessaa qooda dhibbeentaa 42 qaba. Kunimmoo wanta barbaade kophaasaa akka murteessu isa godha. Maallaqa dureeyyiin kaan kaampanii sana keessatti invest godhan dhimma barbaaderra oolchuu danda'a.
Akka Bluumbeer jedhutti qoodni maallaqaa Maask SpaceX keessaa qabu biliyoona 767.1 ta'a. Teslaa keessaa ammoo doolaara biliyoona 168 qaba. Dhaabbilee lamaan irraayyuu qoodni qabu haalli itti dabaluu danda'u kaahameera.
Maask tiriiliyeenara jalqabaa addunyaa kanaa ta'uun saffisaan falmii kaase. Falmiin kun waayee qabeenyi namootaa walqixxaachuu dhabuurratti xiyyeeffata. Qabeenyi Maask kun diinagdee Poolaand ykn ammoo Siwiizerlaandiin qixxeedha.
Qabeenyisaa kun siyaasa addunyaa keessatti nama humna guddaa qabuu fi akkaan murteessaa akka ta'u isa godheera.
Duula filannoo michuusaa duraaniif Maask doolaara miliyoona dhibba hedduu gumaacheera. Filatamuu Tiraamp boodas waajira bu'aqabeessummaa mootummaa hordofu Doge jedhamu hogganeera.
Baasii mootummaa US xiqqeessuuf tarkaanfii fudhatame keessatti Maask cufamuu dhaabbata gargaarsaa guddicha addunyaa USAID keessatti gahee olaanaa baheera.
Dhaabbatni kun bara 2030tti namootni miliyoona 14 akka du'an gumaacha jechuun qeeqa guddaa keessummeeseera.
Maask bulchiinsa UK fi biyyoota biroo qeequunis beekama.
Haata'u malee Maask tiriiliyeenara kan ta'e waraqaarratti qofa. Qooda qabeenyasaa SpaceX waggaa tokkoof gurguruu hin danda'u.
Dhaabbata SpaceX keessa namootni hojjechaa turan ykn hojjetaa jiran 4,400 ta'an miliyeenara ta'aniiru. Sababnisaaas hojii hojjetaniif qooda qabeenyaa dhaabbatichaa akka qabaatan sababa ta'eefi. Sheerii qabuu jechaadha.
Hangi qabeenyaa SpaceX kan shallagame hanga ammaa maallaqa galchu qofaan osoo hin taane fuula duratti hangam galcha kan jedhu tilmaamuuni.
Ammaan tana bu'a buusaa hin jiru. Kana jechuun hanga maallaqaa galchaa jiru caala, baasiisaatu guddaadha.
Kaampaniin kun bara 2025/26 keessa doolaara biliyoona 9 dhabeera. Sababni guddaan ammoo baasii inveestimeentii damee hubannoo nam-tolcheerratti baasedha.