Pirezidaantiin duraanii Kooriyaa Kibbaa diroonii gara Kooriyaa Kaabatti erguusaaniif hidhaan waggaa 30 itti murame
Pirezidaantiin duraanii Kooriyaa Kibbaa Yoon Suuk Ye'ook diroonii Kooriyaa Kaabatti dhukaasuu isaaf hidhan dabalataa waggaa 30 itti mure.
Yoon Suuk Kooriyaa Kibbaatti humna waraanan bulchuu labsanii waan turaniif aangorraa kaafamuun hidhaman.
Manni Murtii Kooriyaa aanga'aan duraanii kun Kooriyaa Kaabaa dheekkamsiisuuf jecha diroonii itti erguu eeruun hidhaa cimaan adabe.
Yoon Suuk bara 2024 aangoo pirezidaantummaarraa kaafamuun hidhamanii kan ture yoo ta'u, aangoo hin hayyamamneef fayyadamuun bulchiinsa waraanaa labsuun himanni irratti banamee ture.
Dabalataan ammoo Kooriyaa Kaabaa dheekkamsiisuuf jecha dirooniin garasitti akka ergamu gochuunis himannaa biraan himatamuun hidhaan waggaa 30 itti muramee jira.
Qondaalli duraanii kun Kooriyaa Kaabaa dheekkansiisuun yaaddoon waraanaa akka hammaatu godhaniiru kan jedhu himannaa irratti dhiyaate keessati.