Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Tiraamp haleellaa Iraan irratti gaggeessuuf karoorse haquu beeksise

Ameerikaa fi Iraan haleellaa erga Ebla darbeetii yeroo jalqabaaf walirratti eegalan guyyaa lammaffaaf itti fufaniiru. Biyyoonni kunneen Baha Giddu Galeessaa keessatti iddoowwan adda addaatti wal haleelaa jiru.

Guduunfaa

  • Ameerikaa fi Iraan wal haleeluu itti fufan, haleellaan guyyaa lammataa erga Pirezidant Doonaald Tiraamp Iraanitti dhaadatee dhagahame
  • Biyyoonni lameen erga Ebla 8, 2026 dhukaasa dhaabuurratti waliigalanii amma wal haleeluutti deebi'an
  • Haleellaa US raawwatte booda Iraanis buufataalee US biyyoota Baha Giddugaleessaa kanneen akka Bahreen fi Kuweet keessa jiran haleeluun haaloo baate
  • Tamsaasa kallattii duraan ture asii banachuun dubbisaa!
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok argachuu dandeessu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp haleellaa Iraan irratti gaggeessuuf karoorse haqe

    Tiraamp haleellaa Iraan irratti halkan kana gaggeessuuf karoorse haquu beeksise. Tiraamp akkas jedhe:

    ''Marii Humna Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan 'IRGC' gaggeessanii hoggansa biyyattiif dhiyeessan waan raggaasifameef ani pirezidaantiin Ameerikaa haleellaa boombii halkan kana Iraan irratti gaggeessuuf karoorsee ture haqeera.

    Marii fi qabxiileen marii dhiyaatan qaamolee hundaan raggaasifamaniiru. Ameerikaa, Israa'el, Sawud Arabiyaa, UAE, Kaataar, Tarkii, Paakistaan, Bahaareen, Kuweet, Joordaan, Masirii fi kaaniin raggaasifameera'' jedhe Tiraamp.

    Hamma waliigaltichi mallattaa'utti uggurri sochii galaanarraa itti fufa jedhe.

    Sa'aatii fi bakki waliigaltichi itti mallattaa'u kan ibsamu taha jedhe.

  2. Iraan 'balaa keessaa hin baanetti' galtu jechuun Ameerikaa akeekkachiiste

    Qondaalli Iraan olaanaan tokko Ameerikaan ''balaa dhuma hin qabne'' keessatti akka hin kufne jechuun akeekkachiise.

    Dubbii himaan Paarlaamaa Iraanii fi namoota Iraan bakka bu'uun mari'atan keessaa tokko tahe, Mohaammad Baager Gaalibaaf ''istiraateejii dogogoraa fi murtoo balaa qabu haalicha inumaayyuu itti hammeessa'' jedhe.

    Murtoowwan kunneen ''bu'uuraalee misoomaa dhoosa'' jedhe. Gabaa addunyaas balaarra buusa jedhe.

    ''Iraan gara biraa argitu'' jedhe. Kun erga Tiraamp Iraaniin ''cimsinee haleella'' jedhee doorsiseeti.

  3. Ameerikaan loltoota lafoo Iraan galchuuf yaaddii?

    Tiraamp Iraan irratti haleellaa cimaa gaggeessuun Odola Kaarg qabachuu akka danda'an dubbate.

    Dubbiin Tiraamp kun Ameerikaan loltoota lafoo galchuun waraan jalqabdi shakkii jedhu akka dabalu godheera.

    Kun ammoo Teehraam mufachiiseera. Tiraamp dhuguma isaa dubbachuufi Iraaniin doorsisee akka waliigalticha fudhattu gochuuf tahuu beekuun ulfaataadha.

    Waan beekamu yoo jiraate Kutaan Waraanaa Humna Qilleensaa US 82ffaa naannicha keessa jira.

    Ajajni Gidduugaleessaa Ameerikaa erga xiyyaarri waraanaa US Appaachee jedhamtu haleelamtee kuftee paayileetota baraaruuf hojjechaa ture.

    Humni waraanaa as jiru kun oppireeshinii lafoo barbaachisu hundaa gaggeessuu danda'a.

    Tiraamp erga miidiyaa hawwaasaa isaa irratti maxxansee Fox News irratti yeroo dhiyaatu garuu dubbii isaa duraanii waliin kan wal dhahu fakkaatu dubbate.

    Tiraamp Odola Kaarg Ameerikaaf qabeenya guddaa argamsiisa jedhee garuu Ameerikaanonni garaa ittiin kana godhan waan qaban natti hin fakkaatu jedhe.

  4. Halkan kana Iraan irratti haleellaa jabaa gaggeessina- Tiraamp

    Doonaald Tiraamp halkan kana Iraan irratti ''haleellaa akkaan jabaa tahe gaggeessine'' jedhe.

    ''Ameerikaan halkan kana haleellicha raawwatti kan jedhe Tiraamp, [humna galaanaa, humna qilleensaa, raadaarii, farra xiyyaaraa, fi meeshaalee ittisaa kamiyyuu barbadaa'aniiru.]

    ''Dhiyootti Odola Kaarg ni qabanna. Bu'uuraalee misoomaa boba'aa to'achuun gabaa boba'aa fi gaazii isaanii guutummaan of harka galfanna jedhe.

    Akkuma Venezuweelaa goonee Ameerikaafis Venezuweelaafis hojjete sana goona'' jedhe.

    Tiraamp erga waraanni jalqabee irra deddeebiin odola Kaarg kana to'achuu akka barbaadu ibsaa ture.

    Odolli Kaarg kun gidduugala terminaala daddabarsa boba'aa Iraanidha.

  5. Iraan buufataalee waraanaa Ameerikaa Baahaaren jiru haleelte

    Iraan dirooniidhaan ganama kana Bahaaren haleelte. Haleellaa kanaan shamarreen waggaa 11 miidhamteetti jedhan qondaalonni mootummaa biyyattii.

    IRGC buufataalee waraanaa Ameerikaa Bahaaren, Kuweetii fi Joordaan jiran irratti qiyyaafachuu hime.

    Joordaan misaa'eloota Iraan 20 haleeltee buusuu ibsite.

    Kuweet haleellaa qilleensarraan irratti gaggeeffame qolachaa ooluu ibse.

    Bahaareen keessa buufata waraana galaanarraa Ameerikaatu jira. Haleellaa buufaticha irratti gaggeeffameen konkolaattotaa fi manneen manca'uu qondaalonni mootummaa biyyattii ibsan.

  6. Paakistaan, Raashiyaa fi Chaayinaan haleellaa Ameerikaan gaggeessaa jirtu irratti ibsa baasan

    Paakistaan walitti bu'insi Baha Gidduugaleessaa hammaachaa deemuu isaan akkaan yaadda'uu ibsite.

    Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Paakistaan, ''dippiloomaasii fi mariin qajeeltoo marii Ameerikaa fi Iraan tahuu qaba'' jedhe.

    Ministirri Dhimma Alaa Hindii ammoo haleellaa dooniiwwan daldalaa irratti gaggeeffamaa jiruun ''baay'ee yaaddofne'' jedhe.

    Raashiyaan ammoo Ameerikaa fi Iraan marii nagaa irra deebiin akka jalqabaniif waamicha goote.

    Haleellaa haaraa jalqabuun dinagdee addunyaa miidha jette Raashiyaan.

    Dubbii himaan waraana Chaayinaa tarkaanfii waraanaa fudhachuun furmaata hin fidu, dubbii hammeessa malee jedhe.

    Ministerri Dhimma Alaa Tarkii, Hakaan Fidaan Iraanii fi Ameerikaan haleellaa akka haaraatti jalqaban dhaabuu qabu jedhe.

    Ministerri Dhimma Alaa Sawud Arabiyaa haleellaan dhaabbatee mariin bifa haaraan jaarsummummaa Kaataarii fi Paakistaaniin itti fufuu qaba jedhan.

  7. Ameerikaan doonii sadaffaa Galoo Galaana Omaan keessatti haleeluu ibsite

    Ameerikaan Galoo Galaana Omaan keessatti doonii sadaffaa haleeluu mirkaneessite.

    Doonii Ameerikaan haleeluu ibsite kun alaabaa Giinii Bisa'oo akka of irraa qabdu ibsameera.

    Ajajni Gidduugalaa Ameerikaa doonittiin ''uggura cabsuun'' boba'aa Iraan karaa Galoo Galaana Omaan feetee darbuuf turte jedhe.

    Kun torbanuma kana keessa haleellaa sadaffaa Ameerikaan gaggeesite yoo tahu duraan dooniiwwan Maareviksii fi Setebeloo jedhaman irratti gaggeeffameera.

  8. US fi Iraan guyyaa lammaffaaf wal haleeluu itti fufan

    Biyyoonni lameen Ebla 8, 2026 dhukaasa dhaabuurratti waliigalanis ergasii darbanii darbanii wal qoccolloo fi walitti dhukaasaa turaniiru.

    Garuu guyyoota lamaan kana kallattiin haleellaa walirratti bananii jiru.

    Amma Baha Giduugaleessaa keessatti waraanni US fi Iraan deebi'eera.

    Ajaji Giddugalaa US (Centcom) kibba Iraanitti buufata waraanaa, basaasaa fi raadaarii irratti xiyyeeffachuun haleellaa haaloo ba'uu raawwachuu ibse.

    Haleellaan kun erga Pirezidant Doonaald Tiraamp ''haleellaa hamaa'' Iraan irratti raawwachuuf dhaadatee mudate.

    Tiraamp yoo Iraan waliigaltee hin mallatteessine haleellaa hamaan akka ishee eeggatu ibsee ture.

    Iraan haaloo ba'uuf qabeenya US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdurratti haleellaa raawwatteetti.

    Akka ibsa Eegdota Warraaqsa Islaamaa biyyattiitti buufataaleen waraanaa US kanneen Bahreen, Kuweet, Jordaan keessa jiran haleelamaniiru.

    Akkasumas Ulaa Hormuuz irratti taankariiwwan boba'aa lama rukutuu ibseera.

    Kunis erga mootummaan Iraan Ulaa Hormuuz guutummaatti cufuu ibseeti.

  9. US'tti waggaa sadii keessatti gatiin akkaan dabalus Tiraamp 'qaala’insicha jaaladheera' jedhe

    Baatii darbe gatii Ameerikaatti waggaa sadii keessatti saffisaan dabalus Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp garuu ‘’qaala’insicha jaaladheera,’’ jedhe.

    Waajirri Istaatistiksii Humna Namaa biyyattii akka jedhutti baatii Caamsaa keessa qaala'insi gatii %4.2'n dabale. Kunis isa Ebla %3.8 ture irraa lola Ameerikaa-Israa’el fi Iraaniin gatiin boba’aa dabaluun booda dha.

    ‘’Jaaladheera. Lakkoofisis gaarima dha. Maal akkaan jaaladhu beektaa? Qaala’insicha jaaladheera,’’ jedhe Tiraamp Waayit Haawusitti.

    Tahus gatiin ol ka’aa jiru kuni yeroo waraanni Iraan dhaabbatu ‘’akka dhakaatti gad konkolaataa,’’ jedhe. Kana jedhee sa’atii booda waraanni Ameerikaa Iraan haleele.

    Roobii kaleessaa yaada kenneen oppireeshinii galgala raawwateen humnooti US‘’boba’aa barmeela miiliyoonaan’’ Iraan iraa fudhataniiru, kanaan gatiin boba’aa xiqqoo gad bu’e jedhan.

    ‘’Yeroo waraanni kuni dhaabbatu ni argitu gatiin boba’aa iddoo duraaniitti deebi’a,’’ jedhan.

    Haa tahu malee boba’aan jikitaa waraanaan dura isa turerraa gatii akkaan olaanaa taheen gurguramaa jira.

    Tiraamp boodarra waan inni jedhe akka malee jalaa hiikamuu himuun ‘’isa tilmaamameen gaditti,’’ jechuusaa akka tahe hime.

  10. Akkam bultan?

    Ameerikaa fi Iraan Ebla darbe erga waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga'anii booda amma wal haleeluu eegalan.

    Dhimma kana hordofnee kallattiin isin biraan geenya.

    Odeeffannoo kaanis gola addunyaa hundarraa hordofnee isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!