'Bu'aan filannoo diraamaa dursee hojjetamedha yaadi jedhu dhugaarraa kan fagaatedha'

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Waajjirri Ministeera Muummee Itoophiyaa haala yeroo irratti ibsa baasuun Facebook isaarratti maxxanseen dhimma filannoorratti xiyyeeffateera.

Filannoon waliigalaa Itoophiyaa marsaa torbaffaan Wiixata darbe (Waxabajjii 1, 2026) kan gaggeeffame yoo ta'u bu'aan filannoo eegamaa jira.

Ibsi kun lammiilee biyyattii kumaa kitilaan ba'anii sagalee kennuun mirgaa fi dirqamasaanii, kan ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti akkaan murteessaa ta'e raawwachuusaaniif galateeffateera.

Filannoo kanaaf lammiileen biyyattii miiliyoona 54 galmaa'anii kan turan yoo ta'u ''filannoon kun qaamolee dhugummaasaarratti gaaffii kaasan kamiifuu deebii qajeelaa fi ifa ta'e kenneera,'' jedha ibsi kun.

Akka ibsa kanaatti Boordiin Filannoo Itoophiyaa buufataalee filannoo kuma 52 keessaa kuma 50 fi 188 yeroodhaan ganamarraa banamuun guyyaa guutuu filattootaaf tajaajila kennuu mirkaneesseera.

Kaadhimamtoonni paartilee 42 irraa dhihaatan kuma 10 fi 438 fi dhuunfaan ammoo kaadhimamtoonni 80 ta'an teessoo mana maree bakka bu'oota uummataa fi mana maree naannoleef dorgomaniiru.

''Kun seenaa biyyattii keessatti isa guddaa fi gama bulchiinsaan akkasumas gama murtee kennuun kan gita hin qabne, sirna dimokiraasii ijaaruu keessatti hojii murteessaa hojjetamedha,'' jedha ibsi kun.

Filannoon kun diraamaa ta'uu fi bu'aansaa dursee kan beekame ta'uu qaamoleen ibsaa turan jiraachuu kan eere ibsi kun, garuu xiinxalli akkanaa dhugaarraa kan fagaatedha jedhe.

''Xiinxaltoonni idiladdunyaa filannoo kana akka waan ittiin mootii ta'uuf godhameetti ibsuun kan xureessan yoo ta'u, bu'aansaas diraamaa dursee tureedha jechuun dhiheessaa turan.

Ibsoonni akkanaa gonkumaa dhugaatti kan hin dhihaanne, qorannoo fi xiinxala irratti kan hin hundoofne akkasumas uummata biyyattii miiliyoonaan ba'uun filannoo bilisaa fi dimokiraatawaa ta'e filatan kan kabaja dhorku waan ta'eef Waajjirri Ministeera Muummee gonkumaa yaada kana akka hin fudhanne ibsa.''

Osoo bu'aan filannoo dursee kan murtaa'e ta'ee taajjabdoonni walabaa biyyoota Afrikaa 37 irraa dhufan 83, taajjabdoonni hawaasa siivilii biyya keessaa kuma 65 fi 299 ta'an akkasumas gaazexeessitoota idiladdunyaa 1,100 ta'an affeeruun hin barbaachisu ture jedha ibsi kun.

''Ministirri Muummee Abiy Ahmad lammiilee filannoo kanarratti hirmaatan, Boordii Filannoo fi hoggantoota isaan bobbaasan kuma 350 ol, qaamolee nageenyaa eegumsarratti hirmaatan akkasumas garee Afrikaa fi naannawa kanarraa hirmaachuun Itoophiyaan sirna dimokiraasii milkeessuuf kutannoo qabdu mirkaneessan galateeffataniiru,'' jedha ibsi mootummaa Itoophiyaa kun.

Akka ibsa kanaatti gareen taajjabdoota walabaa Afrikaa Pirezidantii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan durfamu filannoon kun ''bulchiinsa dimokiraasii cimsee kan deeggaru, seera qabeessaa fi jaarmiyaa gurmaa'e jalatti kan gaggeeffame ta'uu mirkaneesseera.''

Gareen taajjabdoota IGAD Pirezidantii Itti Aantuu duraanii Yugaandaa Dr Ispeesiyoozaa Kaaziibiween durfamu gabaasa jalqabaa baase keessatti ''bakka taajjaban hundatti korojoowwan filannoo sirriitti kan saamsaman ta'uu, bakka bu'oonni paartii adeemsa filannoo hunda keessatti hirmaachuu fi filannochi gama jaarmiyaa, bulchiinsaa fi teeknooloojiin milkaa'ina agarsiisuu ibsaniiru,'' jedha gabaasi kun.

Akka ibsa Waajjira Ministeera Muummee kanatti Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa adeemsa filannoo kana keessatti dhiittaan mirga namoomaa tokkollee akka hin mudanne mirkaneesseera.

Gamtaa dhaabbilee siivilii boordiin filannoo eeyyama kenneef 55 irraa taajjabdoonni kuma 65 fi 299 kutaalee biyyattii adda addaatti kan ramadaman yoo ta'u, buufataalee filannoo taajjaban keessaa dhibbeentaa 99 kan ta'an rakkoo fi gufaata tokko malee xumuramuu ibsaniiru jedha ibsi mootummaa kun.

''Adeemsi filannoo Itoophiyaa haala kanaan milkaa'uu jaarmiyaaleen ardittii fi biyyattii wayita ibsanitti, jaarmiyaalee sirni dimokiraasii Afrikaa ulaagaa biyyoota alaan ijaaramuu qaba jedhanii falmaniif xiyyeeffannaan hin kennamu,'' jedha ibsi kun.

''Filannoo gufachiisuuf sochiin hidhattootaa tureera''

Ibsi Waajjira Ministeera Muummee kun haleellaawwan tibbana lammiilee nagaa fi dhaabbilee amantii irratti xiyyeeffachuun raawwataman biyyattiin akka hin tasgabboofnee fi filannoo gufachiisuuf karoora hedame kan hordofe ta'uu eere.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad Godina Arsiitti haleellaa ABO-Shanee namoota nagaa fi iddoowwan amantii irratti raawwatan jedhaniin namoota lubbuunsaanii darbe, kanneen miidhamanii fi qabeenyi jalaa manca'eef gadda qaban ibsaniiru.

Ibsi mootummaa Itoophiyaa kun irra jireessaan filannoo kanaan walqabatee milkaa'inni guddaan argamuurratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, taatee Arsiitti mudate fi gocha finciltootaa ilaalchisuun tarkaanfiiwwan mootummaan fudhataa jiru ibsaniiru.

Gochi kun ''qaamolee guddina biyyattii gufachiisuu barbaadan, finciltoota naannoo Amaaraa keessa socho'anii fi humnoota alaa guddina Itoophiyaa hin feene waliin qindoominaan kan raawwatamedha,'' jedha ibsi kun.

ABO-Shanee tarkaanfii humnoota nageenyaan irratti fudhatameen ''fedhiisaa galmaan ga'achuu waan dadhabeef qiyyaafannoowwan akka iddoowwan amantii fi saboota walitti buusuurratti fuulleffachuun'' Godina Arsiitti haleellaa raawwachuu eere ibsi kun.

Godina Arsii aanaalee lama keessatti gaafa Waxabajjii 1 fi 2, haleellaa gaggeeffameen namoonni 13 ajjeefamuufi bataskaanni tokko gubachuu BBCn jiraattotaafi Kutaa Lallabaa Bataskaana Ortodoksii irraa odeeffateera.

Haleellaa kanaan kan qubi itti qabame Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu ajjeechaa raawwate keessaa akka quba hin qabne ibse.

Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan ta'an Obbo Jireenyaa Guddataa haleellaa Godina Arsitti gaggeeffame keessaa hidhattoonnisaanii qooda akka hin qabaanne BBCtti himaniiru.

''Mootummaan hidhattoota ofii bobbaaseen ajjeechaa raawwate, jedhan.

"Waraanni Bilisummaa Oromoo gochaa fokkataa akkasii keessaa qooda hin fudhatu," jechun filannoon wal-qabatee uggurri WBOn kaa'een aarii keessa galee mootummaan maqaa balleessiif jecha namoota nagaarratti tarkaanfii akka fudhate himu.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ammoo ajjeechaa namoota nagaarratti raawwate ilaalchisee hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) himate.

Biirooon Kominikeeshinii Oromiyaa ibsa baaseen, hidhattoota WBO kan "humnoota badii" jechuun ibse, filannoon marsaa 7ffaa akka danqamuufi lammiileen nagaan amantaafi sabummaan akka walitti bu'aniif ajjeechaa raawwataniidha jedhe.

"Humnoonni badii kunneen [hidhattoonni WBO] filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa danquuf ergama fudhatanii hojjechaa kan turan ta'us, ... filannoo danquuf karoorri qopheessan dambalii uummataa uumameen kasaaraan irra ga'uu hordofee, uummata nagaa irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo ba'annaarratti bobba'an," jedhan hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa.

Ibsi waajjira MM humnoonni biyyattii keessa socho'an tokko tokko sochii Ertiraa faana ta'uun uuman jedhe 'Tsimdo' jedhamu keessatti hirmaannaa taasisaa jiraachuus eereera.

''Humnoota badii'' jechuun maqaa osoo hin dhahin kan eere ibsi kun ''gareen kun orma faana hariiroo cimaa uumuun ergamasaanii walfakkaataa raawwachuuf qophii taasisaa turaniiru,'' jedhe.

Gareen kun qindaa'uun filannoo alanaa gufachiisuuf sochiiwwan adda addaa taasisaa akka ture ibse waajjirri MM.

''Jeequmsaa fi hookkara kakaasuuf, magaalota keessatti haleellaa banuun goolii uumuuf, daandiiwwan irratti riphanii haleellaa raawwachuun sochii daangessuu fi bakka wayiirratti xiyyeeffachuun dahatanii haleellaa raawwachuuf socho'aniiru,'' jedha ibsichi.

Garuu humnoonni nageenyaa karoora isaanii fashalseera jedha.

Ibsi kun garee tumsa hidhannoo argatan akka fakkeenyaatti wayita kaasu ''iddoowwan kibba Tigraay naannoo Amaaraa waliin wal daangessanitti'' haleellaan raawwachuu, akkasumas Baahirdaar, Gondar, Dabrabirhaan fi Waldiyaa akkasumas magaalaa Finfinneetti goolii uumuun xiyyeeffannaasaa akka turee fi garuu akka fashale ibse.

''Naannoo Oromiyaatti gareen shororkeessaa Shanee hidhattoota Faannoo waliin qindoomuun'' daandiiwwan cufuuf yaaluu fi yaaliinsaaniis fashaluu ibse waajjirri MM.

Gareen hidhattootaa lameenuu guyyaa filannoo dursuun akkasumas filannoo boodas naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti uggura sochii labsanii turan.