Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maallaqni callaa pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa soofaa keessa dhoksan dubbii tahe
Akkuma salphina Watergeet Ameerikaatti mudachuun Richaard Niiksan aangoo irraa fonqolche salphinni lafa qonnaa Afrikaa Kibbaatti mudate ammoo pirezidaantii biyyattii Siiril Raamaafoosaaf yaaddoo taheera.
Siiril Raamaafoosaan aangoo irraa kaafamuu malu. Miseensonni paarlaamaa biyyattii koree dhimma isaa ilaalu hundeessuun kaafamuu moo aangoorra turuu qaba kan jedhu irratti hojjechuu jalqabaniiru.
Dhimmi kun gara bara 2022 paarlaamaa keessatti ka'e. Ji'a darbe garuu mannui murtii olaanaa biyyattii miseensonni paarlaamaa biyyattii akka Raamaafoosaan aangoo irraa hin kaafamne danquun heera biyyattii cabsaniiru jedhee murteesse.
Yeroo sana paartiin Raamaafoosaa ANC paarlaamaa keessaa teessoo caalmaa waan qabuuf ture.
Garuu filannoo bara 2024 gaggeeffameen paartiin isaa teessuma caalmaa paarlaamaa keessaa hin qabu.
Raamaafoosaan maaliin himatame?
Dhimmi kun bara 2020 saamicha lafa qonnaa dhuunfaa Siiril Raamaafoosaa Faalaa Faalaa jedhamu bulchiinsa Limpooppootti jalqabe.
Hattoonni mana cabsanii maallaqa callaa soofaa keessa dhokfameeru doolaa 580,000 hatan.
Garuu kun mudachuu kan barame waggaa lama boodadha. Kunis yeroo hogganaan basaasaa biyyattii Artuur Fireezar hanni gaggeeffamuu ragaalee waliin poolisiif yeroo ergedha.
Fireezar michuu dhiyoo pirezidaant Jaakoob Zuumaati. Hogganaan basaasaa kunis hanna gaggeeffame kana qorannoo poolisii fi abbootii taayitaa gibiraa jalaa dhoksuu isaaf himate.
Raamaafoosaan yeroo sana hanna gaggeeffame kan jedhu kun oduu sobaafi bu'uura hin qabne jechuun haale.
Maallaqni callaan hatame kun doolaaraan tahuun isaa seera jijjiirraa biyyattii cabseera.
Baankiin biyyattii haala jijjiirraa maallaqa kanaa ilaalee seera cabse hin qabu, pirezidaantichi aangoo isaa fayyadamuun balleessaan hojjete hin jiru jedhe.
Paarlaamaan garuu adeemsa aangoo irraa fonqolchuu jalqabuun dhimma kana akka qorataniif koree addatti hundeesse.
madda maallaqicha ailaalchisee madda isaa irratti shakkiin waan jiruuf Raamaafoosaan deebii gahaa kennuuf dirqameera.
Pirezidaantichi maal jedhe?
Raamaafoosaan balleessaan hojjedhe tokkollee hin qabu jechuun ejjennoo isaan itti fufeera.
Garuu maallaqichi hatamuu fi hammi isaas akka hogganaan tika biyyattii doolaara miliyoona afur jedhan osoo hin taane 580,000 tahuu hime.
Raamaafoosaan maallaqni kun gafarsa lafa qonnaa isaarraa gurguratee achuma kaawwachuu hime.
Adeemsi aangoorraa fonolchuu akkamiin hojjeta?
Akkaataa seera Afrikaa Kibbaatti pirezidaantiin kan aangoo irraa kaafamu:
- Heera mootummaa ykn seera biyyattii yoo cabse
- Amala hamaa yoo agarsiise
- hojii isaa hojjechuu yoo dadhabe
Raamaafoosaan seerota jalqabaa lamaan cabseera jedhamuun himatame. Seerri paarlaamaas adeemsa seeraa kanneen hordofee gaggeeffamaa jira.
Koreen dhimicha akka qoratu paarlaamaa keessaa filame balleesera jedhee yoo gabaasa isaa dhiyeesse paarlaamaan sagalee akka itti kennuuf dhiyaata.
Garuu akka heera mootummaa biyyichaatti sagalee harka sadii keessaa harka lama argachuu qaba.
Raamaafoosaa oolchuu kan danda'u sagalee harka sadii keessaa harka lama jettu tahuu mala. Raamaafoosaan aangoo irra akka ture sagalee 133 yoo argatedha. Paartiin isaa ANC ammoo paarlaamaa keessaa teessoo 159 qaba.