Siwiizarlaand baay'inni uummataashee miliyeena 10 akka hin caallef karoora dhiyaaterratti sagalee kennuufi
Siwizarlaanditti baay'inni uummataa miliyeena 10 akka hin caalle gochuuf karoora qophaa'erratti sagaleen kennamuufi.
Karoora kana paartiin biyyattii Paartii Uummata Siwiis jedhamu deeggaree jira. Paartichi akka ibsetti, kaayyoon karoora kanaa dhiibbaa mana jireenyaa argachuu, tajaajila uummataafi dhiibbaa naannorra gahu hir'isuuf akka ta'e ibse.
Godaantonniifi baqattoonni gara Siwizarlaand dhufan lakkoofsi isaanii akka hir'atu gochuun kaayyoo ijoo lakkoofsa uummataa miliyeena 10 hin caalle gochuu kan ibse paartichi, yaadi paartichi dhiyeesse falmii kaasee jira.
Haa ta'u garuu mootummaa Siwidiin dabalatee paartileen biroofi hawaasi daldalaafi uummanni biyyattii kaan, karoorri Paartiin Uummata Siwiis jedhamu qopheesse balaa baatee kan deemu ta'uu ibsuun morman.
Karoorri lakkoofsa uummataa akka miliyeena 10 dabarre gochuu kun dhaabbileen tajaajila uummataa kennan kanneen akka hospitaalotaafi dhaabbileen daldalaa kanneen akka hoteelotaa fa'aa hojjattoota dhabuu akka danda'an gamanumaa yaaddoo uumee jira.
Gama biraan ammoo karoorri paartiin biyyattii akka sagaleen irratti kennamuuf dhiyeesse kun, Siwiizarlaand miseensa Gamtaa Awurooppaa ta'uusheen, dhimmoota akka godaantotaan wal-qabatee hariiroo gamticha waliin qabdusa balaarra buusuu danda'a jedhamee sodaatama.
Baay'inni uummata Siwiizarlaand bara 2002 miliyeena 7.3 kan ture yoo ta'u, yeroo ammaa baay'ee dabaluun miliyeena 9.1 galee jira.
Namoota biyyattii keessa jiraatan miliyeena 9 ol keessaa keessaa harka 27 kan ta'u lammiilee biyya biraati.