Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UN Loltootni Ertiraa Itoophiyaa keessa seenuu irratti ibsa kenne
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterres, walitti bu'iinsi Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti hammaataa jiru dhaabuuf biyyootni lamaan hatattamaan gara marii dippiloomaasiitti akka deebi'an waamicha dhiyeessan.
Waamichi kun kan dhihaate, Itoophiyaan humnootni Ertiraa daangaa ishee keessa seenuun weeraruu himattee, ofirraa qolachuufis tarkaanfii akka fudhattu akeekkachiisuu hordofeeti.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa xalayaa Onkoloolessa 8, 2026 Mana Maree Nageenyaa UN'iif erganii, gochi Ertiraa kun weerara seeraan alaa ta'uu fi Itoophiyaan ofirraa ittisuuf tarkaanfii fudhachuuf mirga akka qabdu ibseera.
Haa ta'u malee, Eertiraan himannaa Itoophiyaa kana ni haalte.
Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yemane Gebremeskel, Itoophiyaan waggoota sadii oliif waraana Ertiraa irratti kakaasaa akkasumas doorsiaa turte jechuun himatan.
Akkasumas, fedhiin Itoophiyaan galaana Diimaa argachuuf qabdu, keessumaa buufata doonii Assab, yaaddoo nageenyaa biyyoota lamaan gidduu jiru hammeessuu ibsan.
Barreessaa olaanaan UN Antooniyoo Guterres, walitti bu'iinsa haaraa dhalate kanaan keessumaa haala naannolee Tigraay, Affaar fi Amaaraa keessa jiru irratti yaaddoo guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Guterres, qaamoleen walitti bu'iinsa kana keessatti hirmaataa jiran hundi lola hatattamaan akka dhaaban gaafatan.
Akkasumas waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa bara 2022 mallatteeffame jalatti gara marii nagaatti akka deebi'an waamicha dhiyeessaniiru.
Itti dabaluunis gabaasota humnoonni Ertiraa Itoophiyaa keessa galuu ilaalchisee ba'e hordofee yaddoo guddaan uumamuu ibsaniiru.
Biyyi kamuu heera Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kabajuun, daangaa fi walabummaa biyyoota biroo kabajuu,doorsisa ykn humna fayyadamuu irraa of qusachuu, akkasumas dhimma keessoo isaanii keessa seenuu irraa akka of qusachuu qaban cimsanii akeekan.
Guterees tasgabbiin akka bu'uuf biyyoonni gurguddoon qaamolee walitti bu'an kana irratti dhiibbaa akka cimsanis gaafatan.
''Tarkaanfii walitti bu'iinsa hammeessuu danda'u irraa hunduu of qusachuu qaba.''
UN marii fi araara ta'uu qabu deeggaruuf qophii ta'uu isaas ibsan.
Akkausamallee Qondaalootni Ameerikaa tokko haalli Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru gara walitti bu'iinsa waraanaa guddaatti ce'uu danda'a jechuun akeekkachiisan.
Miseensa Mana Maree Ameerikaa Joorji Meeksi fi Bakka Bu'aan Uummataa Sara Jacobs, himanni sodaachisaa biyyoota lamaan irraa bahan walitti bu'iinsa jiru gara waraanaa guddaatti jijjiiruu danda'a jedhu.
Lolli kun Gaanfa Afrikaa caalaatti tasgabbii dhabsiisuu fi ummata biyyoota lamaanii miidhuu akka danda'u eeran.
Qondaalotni kunneen Bulchiinsi Pirezidaantii Ameerikaa Donald Tiraamp nagaa fi tasgabbiin naannawa kanaa akka kabajamu mirkaneessuuf dhiibbaa akka godhu gaafachuu isaanii ibsaniiru.
Itoophiyaan fi Ertiraan waraana Tigraay bara 2020 hanga 2022tti ture keessatti mootummaa federaalaa Itoophiyaa waliin ta'uun,humnoota TPLF 'n lolaa turan. Waraanni sun waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa bara 2022 mallatteeffameen dhaabbate.
Haa ta'u malee, hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru yeroo sanarraa eegalee hammaachaa dhufe.
Sababoota walitti bu'iinsa kana hammeessan keessaa tokko fedhii Itoophiyaan galaana Diimaa argachuuf qabdu dha.
Haala kana keessatti, waamichi UN fi qondaaltonni Ameerikaa dhiyeessan, mootummoonni Itoophiyaa fi Ertiraa waraanaa irraa of qusatanii karaa marii dhibdee isaan gidduu jiru akka furatan kan akeekudha
Hanaga yoonatti walitti bu'iinsa Tigraay keessatti jiru akkamitti itti fufetti jira. Mallatoon gara marii fi araaratti deemuu waanti mula'ataa jiru ammatti ifa miti.