'Dirooniwwaan balleessaanii badan tapha waraanaa jijjiraniiru'-Jawaar Mohammad

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Waraanan Kaaba Itoophiyaatti irra deebiin ka'e ilaalchisee xiinxalaan siyaasaa obbo Jawaar Mahaammad, dirooniiwwan Itoophiyaan fayyadamaa jirtu waraana kana irratti olaantummaa akka qabaattu gargaaru ibsu.

Walitti bu'iinsi humnoota mootummaa federaalaa fi garee TPLF gidduutti uumame gara waraana bal'aatti ce'uu akka danda'u sodaatama ture.

Garuu Raayyaan Ittisa biyaa Itoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti bakkaeewwan humnoonni TPLF qabatan harkaa baasuun, magaalootni Tigraay tokko tokko akka sochii idileetti deebi'aan taasifamaa jira.

Balaliin Xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gara magaalaa Maqaleetti deebi'ee akka jalqabus ibsameera.

Humnootni mootummaa garee TPLF Naannoo Tigaraay iddoowwaan to'aannaa issaanii jala ture irra caalaa keessaa baasuu gabaasaaleen ba'aa jiru

Kunneen haala waraanaa naannichaa irratti gaaffiiwwan haaraa kaasaniiru.

Haalli kun humnoonni waraanaa gama mootummaa Itoophiyaan jiru olaaantummaa qilleensaa fi lafoo mirkaneessuun,nageenya naannawa Maqalee fi Kaabaa Itoophiyaa to'achuu mul'isa jedha Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahaammad.

''Kana jechuun haleellaan lafarraas ta'ee qilleensarraa dhufee balaa qaqqabsiisuu hin jiru jechuudha. Yoo jiraates ammoo qolachuuf qophii ta'uu kan agarsiisudha.''

Akka obbo Jawaar jedhutti, tarkaanfiin kun erga waggaa ja'aatii yeroo jalqabaaf mootummaan federaalaa to'annoo isaa naannoo Kaabaa Itoophiyaatti mirkaneeffate.

''Raadarii fi farraa haleellaa qilleensarraa kan diroons ta'ee misaa'elaa Maqaleetti dhaabuu danda'aniiru jedheen yaada'' jedhan.

Kana keessatti ga'een diroonii mootummaan humnoota kana itti rukutuuf fayyadame shoora gudda akka taphate eeramaa jira.

Akka Jawaar jedhutti, mootummaan Itoophiyaa dirooniiwwan gosa lamaa fayyadamaa jira.

Isaanis Dirooni fageenyarraa misaa'ela dhukaasan akkasumas dirooniwwaan balleessanii badan ta'uu hima.

Lotootni Itoophiyaa olaantummaa akka argatan dirooniin lachuu bu'aa guddaa ba'aniirus jedhe.

''Keessayyuu dirooniwwaan balleessanii badanii 'Mishigii' diiguu keessatti ga'ee guddaa taphataniiru.''

Tessuumni naanoo Tigraay lafa gaaraa fi dakee baay'atu waan ta'eef, waraanni tokko dursee 'Mishigii' qabachuun ga'ee murteessaa qaba ture. Waraana dursee gaara keessaa dhokate achii baasuun rakkisaa ture. Kessumaa yeroo waraana Tigraay duraa kun mul'ataa ture jedhe Jawaar.

Amma sun jijjirameera. Dandeettiin dirooniiwwan ammayyaa odeeffannoo walitti qabuu fi haleellaa rawwachuu haalaa waraanaa dura ture sana jijjiruu danda'eera.

Itoophiyaan dirooniiwwan xixiqqoo badanii balleessan hedduubiyya keessatti oomishaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Haa ta'uu malee dandeettiin diroonii qofti bu'aa waraanaa tokko murteessu jechuu miti.

'Dogongora guddaa raawwatan'

Walitti bu'iinsi mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi humnoota TPLF gidduutti deebi'ee ka'e, amma rakkoo keessoo Itoophiyaa qofa ta'uurra darbee, Ertiraa fi Itoophiyaa gidduutti muddam cimseera.

Torban kana keessa Loltootni Ertiraa daangaa Itoophiyaa keessa seenuun erga ibsamee boodaa humnootni Mootummaa Itoophiyaa haleelaa diroonii irratti rawwachuun gabaafameera.

BBC'n jiraattota naannaawa magaalaa Adgiraat jiran irraa akka odeeffannoo argatetti loltootni Ertiraa konkolaattoota fe'umsaa gara 40 ta'uu fi lafoon gara Tigraay seenuu himanii ture.

Akkasumas Miidiyaaleen akka Rooyitersii fi AFP loltoonni Eertiraa naannoo Tigraay keessa, magaalaa Adigiraat dabalatee, mul'achuu isaanii ragaa jiraattotaa fi maddoota biroo wabeeffachuun gabaasanii ture.

Odeeffannoowwaan as dhihoo ba'an ammoo loltoota kana humnoonni Itoophiyaa haleellaa qilleensaa irratti rawwatachuun ibsameera.

Jawaar Mahaammad humni TPLF karaa Affaar, Soqotaa fi Qobboo dabalatee kallattii hedduun 'mishigii ' yeroo dheeraaf tolfate keessa kan seene, guyyoota lama sadii keessatti kan achii buqqisuun danda'ame dirooniidhaani jedha..

''Kanatu waraanni Ertiraa muddamaan akka gara daangaa Itoophiyaatti seenu taasise.''

Waranni TPLF salphaatti haleelamee gaafa bakka qabate gadi lakkisu, waraanichi hanga Ertiraa fulla'uu danda'a jedhamee waan sodaatameef , akeekkachiisa biyyoota hedduu didanii daanga Itoophiyaa seenan jechuunis ibsa.

''Kanaanis dogongora guddaa raawwatan. Konkolaataa 38 isaan ittiin Itoophiyaa seenan keessaa 14 qofatu baraaramee kanneen hafan gara 24 ta'an ni barbadaa'an. Kun waraanni Ertiraa hanguma kan TPLF illee diroonii irratti qophii fi hubannaa ga'aa akka hin qabne mul'isa''.

BBC'n halellaan qilleensaa rawwatamuu fi konkolaattootni hedduun barbaada'anii mul'achuu mirkaneeffateera, garuu lakkoofsa obbo Jawaar eeran kana ofiin hin mirkaneeffanne.

''Jaarraa diroonii kana keessatti konkolaataa gurguddaa akkasiitiin loltoota walitti qabanii oofuun waan yaadamu miti. Hangam tokko akka hin qophaa'inii fi kisaaran irra gahe akeeka.'' jedhe Jawar.

Guyyoota itti aanaan keessatti maaltu eegama?

Waraanni Itoophiyaa hanga yoonatti daangaa Ertiraa keessa seenee tarkaanfii qilleensaas ta'ee lafoon fudhachuun hin gabaafamne.

Haa ta'uu malee, loltootni Itoophiyaa gara daangaa Ertiraatti dhiyaatanii jiru.

Gaaffiin guddaan amma ka'u, humnoonni mootummaa Itoophiyaa tarkaanfii waraanaa kana daangaa Ertiraa keessa seenanii fudhachuu danda'uu kan jedhuudha.

Jawaar Mahaammad akka jedhutti Itoophiyaan hanga ammaatti waraana gara daangaa Ertiraatti geessuu dhiisuun dandeettii dhabuu irraa kan ka'e osoo hin taane, dhiibbaa dippiloomaasii fi bu'aa siyaasaa argattu shallaguudhani.

''Dhiibbaan guddaan biyyoota lixaa Itoophiyaarra ture.

Amma garuu erga Ertiraan ifatti loltoota daangaa Itoophiyaa keessa galchitee booda dhiibbaan sun Itoophiyaarraa hir'ateera jedheen yaada.''

Itti aaneehoo maaltu ta'uu danda'a?

Tarii yoo Isaayyas Afawarqii loltoota Ertiraa Itoophiyaa keessaa baasee, loltootni TPLF ille akka achi hin ceene dhorkee akka harka kennatan godhee fi karaa dippiloomaasiitiif karaa saaqe waraannii itti fufuu dhiisuu danda'a jechuun ibsa.

Garuu yoo haalli kun hin uumamne, humnoonni Itoophiyaa tarkaanfii waraanaa humnoota TPLF irratti fudhataniin gara daangaa Ertiraatti dhihaatan kanneen daangaa Ertiraa ce'uun garee TPLF achii baqatan akka haleeluu danda'an xinxala.

Akasumalee ''Waraanni Itoophiyaa loltoota Ertiraa TPLF'f tumsa bahanillee rukutuutti waan deemu ta'a jedheen yaada'' jedha Jawaar.

Waraanni Ertiraa hangam tokko jabaatee dura dhaabatee ofirraa dhorkuu danda'aa inni jedhugaa murteessa ta'a jechuunis ibse.

Haa ta'uu malee daangaa Ertiraa ce'anii haleellaa raawwachuun ijjannoo mootummaa Itoophiyaa moo miti inni jedhu waanti mootummaarraa ifatti ibsame hin jiru.

Garuu minsitirri dhimma alaa Itoophiyaa xalayaa mana maree nageenyaa UN'f barreesseen Ertiraan Itoophiyaa weeraruu fi ofirraa qolachuuf tarkaanfii akka fudhattu ibseera.

Ministeerri beeksisaa Ertiraas himannaa Itoophiyaa kana haaluun, Itoophiyaan ulaa Asab narraa fudhachuuf waraana banuuf qophoofti jechuun himate.

Biyyootni Michuu Ertiraaf tumsuu danda'uu?

Xinxalaan Siyaasaa Jawaar Mahaammad, biyyoonni Eertiraa waliin hariiroo siyaasaa fi waraanaa qaban, keessumaa Masrii fi Sudaan, haala walitti bu'iinsichaa keessatti gahee qabaachuu akka danda'an eera.

''Warri Ertiraaf daboo ba'an akka Masrii fi Sudaan dhiyeessii meeshaa taasisaa akka jiran beekama. San bira darbanii humna lafoo fi qilleensaan mootummaa Isaayyaas Afawarqii tumsuudhaf ni erguu inni jedhu gaaffidha.'' jedhe.

Akka xiinxala isaatti yeroo ammatti fedhii fi murannoon biyyoota Michuu Ertiraa loltoota erguu ''waan qaban natti hin fakkatu'' jechuun eere.

Tibbana dureewwan biyypoota Masirii, Sudaan, Ertiraa fi Somaaliyaa walta'iinsa waggoota dura biyyoonni sadi- Masirii, Ertiraa fi Somaaliyaan uummatan irratti mari'achuun waliigaluun gabaafamee ture

Tumsi kunis dhimma hidhi haaromsaa irratti himannaan Masirii deeggaruu akkasumas dhimma ulaa galaanaan walqabatee gaaffii Itoophiyaan kaastu dura dhaabachuu ta'uun ibsameera.

Walitti bu'iinsi Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti uumamuu danda'u, nageenya gaanfa Afrikaa, daangaa biyyoota naannichaa fi karaa daldalaa Galaana Diimaa irratti dhiibbaa qabaachuu akka danda'u biyyootni garaa agaraa akeekkachiisaa jiru.

Jawaar Mahaammad akka jedhutti, filannoowwan fuulduraa keessaa tokko, Ertiraan humnoota ishee gara biyya isheetti deebisuun walitti bu'iinsa bal'achuu danda'u ittisuu dha.