MM Abiy Ahimed Warshaa Qulqulleessa Albuudoota Biyyaalessaa hojii eegalsiisan
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Warshaa qulqulleessa Albuudoota Gatii Jabeeyyii Biyyaalessaa, naannoo Zoonii Dinagdee Addaa Boolee Lammiitti ijaarame hojii jalqabsiisaniiru.
Warshaan kun doolara biliyoona 50 oliin ijaarame.
Warshaan akkasii Itoophiyaatti kan jalqabaa yoo tahu, dhaabbata Invastimanti Hooldingii Itiyoophiyaa fi Saam Pireeshiyaas Meetaalsi jedhmutu waliin tahee ijaare.
Warshichi waggaatti albuudoota gatii jabeeyyii (qaalii) toonii 600 qulqulleessuuf dandeettii kan qabu ta’uu MM Abiy Ahimed ibsaniiru.
Itoophiyaa gidduugala warsshaa albuuda qulqulleessuu akka ishee godhuu fi carraa hojii uumuu, al ergii fi damee albuuda Itoophiyaa kan guddisu tahuu mm Abiy himaniiru.
Kanaaf, Itiyoophiyaan oomisha dheedhii biyya alaatti erguun oomisha qophaa’e, gatii qaaliin deebitee fudhachuu bilisa of baasuuf, akkasumas galii sharafa alaa ishee dabaluuf hojjechaa jirti jedhan.
Hojii warshaa xaa’oo keessatti jalqabne warshaa warqee qulqulleessuun irra deebinee itti fufuu kaasaniiru.
Warshaan kun dhaabbata Itiyoophiyaan Aksiyoona % 51, kan dhaabbata michuu immoo % 49 qabuun kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas, warshaan kun waggaatti oomisha doolaara biiliyoona 80 tti tilmaamamuu gara biyya alaatti erguu akka danda’u eeraniiru.