Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Maqaleetti balalii jalqabuuf qophii maalii taasise?
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara maqalee adda kutee ture deebisee akka jalqabu ibse.
Itti aanaan hojii gaggeessaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Lammaa Yaaddechaa garee tokko Sanbata har'aa gara Maqaleetti erguun qorannoo gaggeessina jedhan.
Haala jiru erga garee kana irraa mirkaneessinee Dilbata boruu balalii gara Maqaleetti jalqabna jedhan.
Humnoonni TPLF, Buufata Xiyyaaraa Alulaa Abbaa Naggaa kan Maqaleetti argamuu fi kan biroo lama naannicha keessaa to'atanii ture.
Obbo Lammaan buufata xirraayaa kana keessaa wantoota hanqatan meeshaalee mana kuusaa achii keessaa qabnuun guunnee hojii eegalla jedhe.
Dabalataan balalii gara Aksumii fi Shireettis balalii jalqabuuf mootummaa irraa wabii nagaa qofa eegna jedhan.
Kan Aksumii fi Shiree balalii jalqabuuf haga ammaatti haalli jiru hin qulqulloofne jedhan.
Gara Maqaleetti balali'uuf maamila hedduutu eeggataa jira jedhan.
Daandiin qilleensichaa guyyaatti gara balalii afuruu gara Maqaleetti gaggeessuuf karoorfachuu himan Obbo lammaan.
Haa tahu malee, gaaffiin maamilootaa baay'ee waan taheef guyyaatti gara balalii jahaa gaggeessuuf karoora akka qaban himaniiru.
Maamiloonni daandii qilleensichaa gara biiroo isaanitti dhihoo jiru deemuun ykn lakkoofsa bilbilaa 6787 fayyadamuun dabaree imalaa qabachuu danda'u jedhe.
Daandiin qilleensichaa Fulbaana 23 Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqaleetti argamu to'achuu booda balalii gara Tigraay ''yeroof adda kutuu'' ibsee ture.
Yeroo sana ibsa baaseen magaalota sadii Naannoo Tigraay keessa jiran- Maqalee, Aksuum fi Shireetti balaliin adda cituu ibseera.
TPLF waraanicha jalqabuun buufataalee xiyyaaraa naannoo Tigiraay keessa jiran to'achuu guyyaa waraanni eegalu ibse.
Yeroo gabaabaa keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa deebisee haleeluun Maqalee galee jira.
Mootummaanis caasaa bulchiinsaa haaraa akka diriirsu ibseera. Itaamajoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa kan turan Jeneraal saamooraa Yuunus TPLF harka kennachuu malee carraa biraa hin qabu jedhan.
Waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun humnoonni TPLF bakkeewwan qabatan keessaa saffisaan bahan. Jeneraal Saamoraan akka jedhanitti waraanichi saffisaan kan gaggeeffameefi yeroo gabaabaa keessatti bu'aa argamsiisedha.
Raayyaan Ittisa Biyyaa waraanicha saffisa TPLF hin eegneen kan gaggeesse ta'uu ibsuun kanaaf kan gumaache sababoota ijoo lama tarreessan.
"Waraanichi saffisaani kan gaggeeffame; sababa saffisaan gaggeeffame bifa lamaan ilaaluu dandeenya. Inni jalqabaa qophiifi gahuumsa Raayyaa Ittisaa keenyaa [olaanaa] ta'uusaati.
Kan lammataa ammoo uummanni Tigraay waraana hin barbaadu, nuffeera. Loltoonnis [humnoonni Tigraay] loluu hin barbaadan," jechuun waraanichi yeroo gabaabaa keessatti TPLF bakkeewwan Tigraay heddu keessaa baasuun mancaatii lubbuu namaafi diinagdeerraan gahu akka hir'isu himu.
"Dandeettii deebisanii haleeluu Raayyaa Ittisaa keenya dura dhaabbatu, ofirraa ittisu jedhee duraanuu hin amanun ture. Garuu kanin eegee olitti waraanichi ni saffise," jedhu Jeneraal Saamoraan.
Akka isaan jedhanitti TPLF saffisaan rukutamee duubatti kan deebi'e deeggarsa uummataa dhabuufi kaayyoo uummataa loluuf kan hin qabne ta'uudha.
"Waraanichi ajandaa uummataa [Tigraay] of keessaa hin qabu. Fedhii humnoota Itoophiyaa jeequu barbaadaniitu duuba jira," jedhan.
Itoophiyaan waraana kana keessatti kallattin hirmaachuun Eertiraan walabummaakoo sarbiteetti jechuun UNtti himatteetti.
Kanaafis tarkaanfii ofirraa ittisuu akka fudhattu ibsite. Eertiraan deebii kenniteen gochaa kana haaluun Itoophiyaatu maqaa hulaa galaanaa argachuu jedhuun waggoota sadan darban waraana narratti labsaa ture jechuun deebiste.