Ji'a tokkoof walitti bu'iinsaan raafamaa kan turte Moyyaaleetti Kibxatarraa kaasee dhukaasni dhaabbachuu jiraattonni himan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Walitti bu'iinsi ji'a tokkoof itti fufee gaggaafamaa ture Kibxata waaree boodarraa kaasee dhaabbachuu isaa jiraattonnii fi dameen Fannoo Dimaa magaalattii keessa socho'u BBCf ibsaniiru.

Humnoonni nageenyaa Federaalaa bakka sanatti bobbaafamuu fi walitti bu'iinsa kana furuuf, "mariin jalqabamuu" Fannoo Diimaa damee Moyyaaleetti qindeessaa kan ta'e Tsagaayee BBCtti himeera.

Moyyaaleetti walitti bu'iinsi kan ka'e Onkoloolessa keessa alaabaa naannoo fannisuun wal qabatee atakaaroo dhalateen ture. Wayita sanatti Kantiibaan magaalaa Moyyaalee Obbo Galmaa Korophichaa akka BBCtti himanitti daangaa Oromiyaatti ce'uun alaabaa naannoo Somaalee fannisan.

Alaabaa seeraan ala daangaa darbamee fannifame kana kan mormite shamarreen umuriin ishee waggaa 13 ajjeefamte. Kunis walitti bu'iinsi ji'a tokkoof itti fufe akka ka'uuf sababa ta'eera.

Hidhattoota hawaasa Oromoo fi Somaalee naannawaa sana jiran gidduutti dhukaasni deemaa tures meeshaa waraanaa gurguddaatiin kan deeggarame ta'uu jiraattonni yeroo gara garaatti BBCtti dubbataniiru.

Sababa walitti bu'iinsa kanaanis lubbuun namootaa darbuu jiraattonnii fi maddeen hospitaalaa ibsanillee, lakkoofsa namoota du'anii inni sirriin hanga ammaatti hin baramne.

Walitti bu'iinsa kana baqatanii jiraattonni kuma 50 olitti tilmaaman Keeniyaa kutaa bulchiinsa Marsaabeet keessatti kan argamu Moyyaalee gama Keeniyaatti ce'aniiru. Walitti bu'iinsi kun torban darbe xiqqoo tsgabbaa'ee kan ture ta'ullee dhuma torban darbeerra deebiyee ka'eera.

Kamisa har'aa Sadaasa 19, 2026 jiraataan magaalaa Moyyaalee tokko, "Wixataa fi Dilbata dhukaasa hamaatu ture. Mannillee; naannoon buufata konkolaataa gubateera; baayyee cimaa ture," jechuun haala ture ibseera.

Jiraataan kun akka dubbatutti, dhukaasni kun hanga Wixata waaree boodaatti itti fufee booda dhaabbateera. Jiraataan biraa gaafa Roobii gara magaalaa Yaaballoo deemes kanuma mirkaneesse.

Jiraataan Moyyaalee jiru, "sagaleen dhukaasaa amma hin jiru, dhaabbateera. Kibxata sa'aatii 10 irraa kaasee hanga ammaatti sagaleen rasaasaa hin jiru, nagaadha," jechuun boqonnaan jiraachuu ibseera.

Roobii galgala BBC waliin turtii kan taasise Fannoo Diimaa Itoophiyaatti qindeessaan damee Moyyaalee Tsaggaayee Dastaas haaluma walfakkaatuun dhukaasni dhaabbachuu ibseera.

Akka qindeessaan Fannoo Diimaa kun dubbatutti, dhukaasichi kan dhaabbate, "qaamoleen nageenyaa Federaalaa" gara naannoo sanaatti waan seenuu isaanii hordofeeti.

"Qaamoleen nageenyaa Federaalaa warra walitti bu'e gidduu seenuu isaanii dhaga'eera. Kaleessa [Kibxata] waaree boodarraa kaasee hanga ammaa dhukaasni dhaabbateera. Amma mariin jalqabuu isaa dhaga'eera," jedheera.

Akka qindeessaan kun ibsutti, mariin kun kan taasifamu "akkamitti akka gara nageenya duraan turetti deebisuu dandeenya" dhimma jedhurrattidha.

Jiraattonni lama BBCn dubbise haaluma walfakkaatuun waa'ee marii kanaa dhaga'uu ibsaniiru. Jiraataan tokko "jaarsoliin hawaasa Oromoo fi Somaalee gara magaalattiitti galaniiru," odeeffannoon jedhu akka isa qaqqabeeru eereera.

BBCn humnoonni nageenyaa Federaalaa gara magaalaa Moyyaalee galuu isaaniis ta'e mariin jalqabamuu isaa addatti mirkaneessuu hin dandenye.

Walitti bu'iinsa ji'a tokkoof ture ilaalchisee hanga ammaa gama mootummaa Federaalaatiin yaadni kennameeru hin jiru.

Moyyaaleen guyyoota lamaan darban dhukaasa keessummeessuu batullee ammas taanaan sochiin akka hin jirre jiraataan tokko dubbateera.

Qindeessaan Fannoo Diimaa Tsaggaayeen gamasaatiin, "isa guddicha dabalatee daandiiwwan cufaman hin banamne, tajaajilli geejjibaas hin deebiyiin jira," jedheera.

Akka Tsaggaayeen ibsutti, sababa walitti bu'iinsa ji'a tokkoof tureen magaalaa Moyyaalee fi gandoota ollaa keessaa "jiraattonni guutummaan guutuutti" buqqa'aniiru.

Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa abbootii warraa kuma tokko gara naannoo ollaa Moyyaaleetti buqqa'aniif gargaarsa yeroo gochuu kan dubbate qindeessaan kun, "ta'us garuu deeggarsa baayyee isaan barbaachisa. Naannoo kana fedhiin gargaarsa namoomaa jiru guddaadha," jedheera.

Itti dabaluun, "deeggarsa nyaataa, dahoo guddaatu barbaachisa. Warra buqqa'an keessa qaama miidhamtoonni, deessuun keessatti argamu. Gaaga'amni namoomaa mudate guddaadha," jechuun hubachiiseera.

Jiraattonni harki caalan magaalaa Moyyaalee keessaa buqqa'an kan baqatan gara Keeniyaa, Kaawontii Marsaabeetittidha.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa dameen Keeniyaa ibsa Kibxata baaseen buqqaatonni 30,000tti dhiyaatan gara Moyyaalee, Keeniyatti baqachuu isaanii beeksiseera. Ragaaleen biroon lakkoofsa namoota buqqa'anii 60,000 akka ta'an tilmaamu.

Kannene keessaa hangi ta'an firoota isaanii achi jiran ykn maatii isaanii isaan simatan waliin kan jiran yoo ta'u, kanneen biroon ammoo manneen barnootaa fi wiirtuuwwan hawaasaa keessatti buufataaleen yeroo fqophaa'an keessatti dahatanii jiraachuu Sagantaan Naaya Addunyaa beeksisseera.

Dhaabbanni Godaantotaa Idil-addunyaa odeeffannoo torban darbe jalqabarra baaseen, buqqaatota 50,000 akka ta'an tilmaaman keessaa dhibbentaa 71 hanqinni nyaataa akka isaan mudate beeksiseera.