Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US fi Iraan maalirratti waliigalan, maaltu hafa?
US fi Iraan walqoccolloo fi wal himannaa yeroo dheeraa booda waliigalteerra ga'uu ibsaniiru. Ammoo lameenuu waliigaltee kana akka injifannoosaaniitti labsataa jiru.
Pirezidant Tiraamp waliigalteen kun irra ga'amuu wayita miidiyaa hawaasummaasaa Truth Social irratti ibsu ''Waliigaltee Guddichi kun nagaa fi tasgabbii Baha Giddugaleessaaf argamsiisa,'' jedhe.
Minitsirri dhimma alaa Itti Aanaa Iraan Kazem Garibabadi wayita Waliigaltee Waliigaltee Walhubannaa kanarra ga'uu ibsu, kun milkaa'ina humna waraanaa biyyasaa ta'uu hime.
Ameerikaa fi Iraan walitti fiduun mariisisaa kan jirtu Iraan dabalatee gareen hunduu, Iraan akka Ulaa Hormuuz bantuu fi US akka uggura Iraan irraa dhaabdu waliigalaniiru.
Haata'u malee kun dhimma ammuma raawwatu miti.
Jalqaba waliigaltee kana kan ibsan Ministirri Muummee Paakistaan Shahbaz Shariif ''waliigalteen kun Libaanos dabalatee dirree hundatti dhukaasi dhaabbachuu akka qabu hammata,'' jedhan.
Israa'el torbee darbe kibba magaalaa Beeruut keessatti haleellaa raawwachuun, Iraanis deebii kennitee turte.
Taateen sanaan daran kan mufate Tiraamp, Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu haleellaa ajajuu akka dhaabu akeekkachiise.
Ergasii Iraan haleellaa eegalte kan dhaabde yoo ta'u, Israa'el garuu maqaa Hizboollaa haleeluu jedhuun Libaanos keessatti dhukaasuu hin dhiisne.
Kaleessuma (Dilbata, Waxabajjii 14, 2026) yeroo Tiraamp Iraan waliin waliigaltee mallatteessuuf akka jiran himaa turetti Israa'el Libaanos haleelte.
Tarkaanfii Israa'el fudhatte kana booda Tiraamp ammas Neetaaniyaahuu akeekkachiiseera. ''Haleellaa haa dhaabnu,'' jedheen.
Ejjennoon Israa'el ammas Libaanos keessatti Hizboollaa deeggarsa Iraaniin socho'u haleeluudha.
Iraan ammoo haleellaan Libaanos irraa hin dhaabbatu taanaan waliigalteen kun hiika hin qabu jetti.
Israa'el Libaanos irraa haleellaa dhaabdee, waliigalteen kun milkaa'a moo haleellaa itti fuftee waliigaltee kana gufachiisti kan jedhu ammas gaaffii ijoodha.
Taatee yeroo dhihoo yoo ilaallu Tiraamp tarkaanfii Israa'el Libaanos keessatti fudhachaa jirtuuf deeggarsa tokkollee kennee hin beeku.
Haleellaa Israa'el kaleessa raawwatte booda ''Israa'el haleellaa ofirraa qolachuuf mirga qabdi, garuu wanti haleellaa gurguddaa biyya barbadeessu fudhachuurraan ishee ga'u ammatti hin jiru,'' jechuun Neetaaniyaahuun waraana bobbaasuurraa akka of qusatu akeekkachiise.
Tiraamp waliigaltee US fi Iraan kana akka milkaa'inasaatti waan ilaaluuf akka galma ga'u fedha.
Akkuma waliigaltee kana miidiyaa hawaasummaasaarratti ibseen Ulaan Hormuuz dooniiwwan daldalaaf ni banama, US ammoo uggura dooniiwwan Iraan irra keesse ni kaasti jedhe.
''Boba'aan haa geejjibsiifamu, haa darbu,'' jedhe.
Tiraamp akkuma amalasaa pirezidantonni isa dura turan waliigaltee akkanaarra ga'anii akka hin beeknu qeequun dubbate.
Ofii garuu ''waliigaltee guddaa nageenyaa fi tasgabbii naannawa kanatti [Galoo Galaanaa] mirkaneessu milkeessuu,'' ibse.
Haala kanaan of ibsuun Tiraampiif haaraa miti. Erga marsaa lammaffaaf aangootti dhufee waraana saddeet dhaabuu irra deddeebiin himata.
Bara darbes waraana Gaazaa dhaabsisuun of saadaa ture.
Waliigaltee akkasii keessatti milkaa'inni ykn kufaatiin sirriitti kan baramu wayita bal'inni qabxiiwwan waliigaltecha keessatti hammataman ifoomedha.
Waliigaltee amma US fi Iraan irra ga'uu ibsan keessatti qabxiiwwan muraasarraan kan hafe wanti bal'inaan ibsame hin jiru.
Pirezidantii Itti Aanaa US JD Vaansi waliigalteen kun erga dhagahamee booda haasa Fox News waliin taasise keessatti ''Iraan gonkumaa meeshaalee waraanaa nukilaraa qabaachuu hin qabdu'' kan jedhu waliigaltee kana keessatti hammatamuu ibse.
Ammoo gabbisa nukilaraa Iraan fi kanneen biyyattiin duraan gabbiste ilaalchisee maaltu godhamuu akka qabu irratti wanti jedhame hin jiru.
Kanaafi dhimmoonni ijoon kaan hedduun guyyoota 60 dhukaasi dhaabbatee turu keessatti mariidhaan irra ga'amu.
Biyyoonni lameen waliigaltee dhukaasa dhaabuu Ebla 8, 2026 irra ga'amee ture ammas guyyoota 60f dheeressaniiru.
Kunis waliigaltee walhubannoo irra ga'ame kana mariidhaan qaaccessuun bu'aa qabatamaatti ce'uuf haala mijeessa jedhameeti.
Garuu wanti ifa ta'uu qabu Iraan salphaatti nukilara ishee akka hin dhiisnedha.
Ameerikaan akkaataa waliigaltee kanaan Iraan fedhii nukilaraa ishee ni dhiisti jettee abdattus, dhimma kanarratti garuu wabiin hin jiru.
Iraan ammumarraa eegaluun Ameerikaan waan irraa eegamu hunda kutannoon akka raawwattu akeekkachiisuu eegalteetti.
Qabeenyi jalaa uggurame akka gadhiifamuuf, Libaanos irraa haleellaan akka dhaabbatu, loltoonni US akka naannawa ishee keessaa ba'an.
Ameerikaan ammoo xiyyeeffannaashee nukilaraa fi Ulaa Hormuuz irra keesseetti.
Iraan fi US amma walhubannoorra ga'an malee mari'atanii waan barbaadan irratti walii hin galle.
Mariin kanaan dura eegalanis sababa wal amantaa dhabuutiin gufateera.
Ammas waraanni kun kan qaama sadiiti- US, Israa'el fi Iraan. Kanaafuu US fi Iraan qofti mari'atanii waan waliigalaniif nagaan bu'uu hin danda'u.
Hirmaattuu cimtuun, Israa'el, tarkaanfiin isheen fudhattu, murtoo guddaa geeddara.