Waloo Jaarsoo Waaqoo: 'Namni kun osoo Oromoo fi Oromiyaaf boowuu itti wareegame'

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

Walaloowwan dhama addaa qaban barruun osoo hin taane afaaniin walaleessaa tureen beekama. Walaloowwan isaa kaassettiitti waraabaman dhoksaatti dhaggeeffatamaa akka turan hawaasni Oromiyaa kibbaa ni yaadatu. Ergaawwan siyaasaa, diddaa cunqursaa, gaaffii haqaa fi birmadummaa biyya Oromiyaa qabiyyeewwan isaa walaloowwan isaati.

Barnoota ammayyaa homaa akka hin baranne dubbatama. Jaarsoo Waaqoo Oromiyaa gam- kibbaa dachii Booranaatti dhalate.

Ijoollummaatti Adda Bilisummaa Oromootti kan makamee fi loltuu Waraana Bilisummaa Oromoo akka ture kan himamuuf Jaarsoo Waaqoo boodarras lola mootummaa fi WBO jidduu turerratti wareegamuu seenaan isaa ni hima.

Seenaafi eenyummaa, tokkummaa uummata Oromoo, diddaa abbaa irree irratti godhamuu qabu, gootummaa, faayidaa barnootaa, barmaatilee babbadaa irraa of seeruu dabalatee ergaawwan qabiyyee akka akkaa walaloon dhaame.

Baroota murni TPLF siyaasaa Itoophiyaa olaantummaan dursaa ture walaloowwan isaa ifatti dhaggeeffachuun nama hiisisaa akka tures kanneen BBC'n dubbise ni himu.

Namni ergaawwan aartii walaloowwan isaa hanga har'aatti hin moofofnee fi dhageettii guddaa horate Jaarsoo Waaqoo nama akkamii ture?

BBC'n kanneen waayee isaa itti dhiyeenyaan beekan fi ragaalee barreeffamaa waayee isaa irratti gabaasa itti aanu qopheesseera.

Dhiyaadhaa:

'Namni gama Booranaa qabsoo Oromoo yayyabee isa'

Jaarsoo Waaqoo nama Oromiyaa kibbaa Boorana naannawa Mooyyalee iddoo addaa Tuqaa jedhamutti dhalate. Barri dhaloota isaa 1966 ta'uu ragaaleen arganne ni mul'isu.

Barnoota ammayyaa akka hin qabne kanneen barreessitoonni waayee isaa qoratan katabaniiru. Umriisaa ijoollummaatti Adda Bilisummaa Oromootti dabalame. Miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ture.

Walaloowwan ergaa hedduu inni ittiin beekamus wayita qabsoo kana keessa ture kan dhiyeessee fi waraabaman turuu himama.

Walaloowwan Jaarsoo Waaqoo ergaawwan gosa garaagaraa hedduun beekamu. Seenaa fi eenyummaa Oromoo, diddaa bulchiinsa abbaa irree, gootummaa, tokkummaa Oromoo fi birmadummaa Oromiyaatiin kan walqabatan qabiyyeewwan ijoo walaloowwan isaa turan.

Gadaa dammaqiinsa sabboonummaa Oromoo 1980 asii keessatti hojiiwwan isaa gumaata olaanaa qabaachaa akka turan kanneen waayee Jaarsoo barreessanis ibsanii jiru.

Gumaacha isaa kana ilaalchisee qorannoowwan namoota bebbeekamoon godhaman jiru.

Galgaloo Guyyoo Waaqoo Ilma Obboleessa Jaarsoo Waaqooti. Keeniyaa kutaa bulchiinsa Wajiir keessatti barsiisaa Kolleejjii leenjii barsiisotaa Tarjab barsiisa. Seenaa fi gumaata Walaleessaa Jaarsoo Waaqoo irratti kitaaba barreessaa jira.

Jaarsoo Waaqoo ganamumaa isaa daa'ima xiqqaa nama aartiin dhangi'ame ture jedha.

"Namni sun nama jajjabaa beektaa, Walaloon isaatuu seenaa isaa cufa ni himti. Ganamumaa nama aartii ture. Siidaa abbaa isaa sibiilaan bocee midhaasse. Isaa xiqqaa kan ganna shanii muka akka dhaddachaa fa'irraa waan akka leencaa, gafarsaa soofuu ture."

Barsiisaa Galgaloon jalqaba haadhaa fi abbaa ofiirraa waayee waloo Jaarsoo Waaqoo dhagahe.

"Akka nama mirga biyyasaa falmuu, akka nama daangaa Oromoo eeguu, akka nama Oromoo walbarsiisuutti ture qabsoon isaa" jechuun waayee isaa kan odeeffate yaadata.

Dargaggoo Gaayoo Kootee Adii immoo barsiisaa fi barreessaa dha. Nama walaloowwan isaa faana dhawu. Ijoollummaatti waayee isaa dhagahaa guddachuu kan dubbatu Gaayoo Kooteen Jaarsoon nama tokkoo miti jedha.

"Nama addunyaa tana ykn ardii torbanuu seenee keessa jiraatee arge. Garuu yoo akkanatti laaltu ardaa tokko ykn lama malee arguuf hin carroomini. Ammoo bakkuma sun taa'ee awurooppaa arge, Booranuma taa'ee Oromiyaa arge, Itoophiyaas arge, Afrikaa, Eeshiyaa, Ameerikaa arge" jedha.

Nama barnootaan baay'ee fagaate ta'uu baatullee wanni inni dubbatee darbe waan addunyaan kun qabdu dursee arguusaa mul'isa jedha Gaayoo Kooteen.

Dhimmoonni Jaarsoo Waaqoo walaloon hime maal maal akka turan bifa asii gadiin dhiyeessina:

Seenaa fi eenyummaa Oromoo

Maqaa irra jijiiran,

Guddayyoo biyya isaa

Gubbaat maqaan dhokate,

Oromoo tuuta kanniisaa..

Walaloowwan Jaarsoo Waaqoo uummatni Oromoo saba guddaa, biyya bal'aa ta'uu fi eenyummaan isaa fi biyyisaa kun dhokfamuu ittiin hime keessaa kun tokko.

Aadaa Oromoo daawwata,

Gurraacha fi adii faayata

Seera fi haqaan deddeebi'aa,

Gadaan dhalootaaf tikfama!..

...Kun immoo ergaa walaloo akka alagaan fageenyarraa dhufee bareedina aadaa Oromoo ilaalee dinqisiifatu bifa raagaan hime dha.

"Namni gama Booranaa kanaa qabsoo Oromoo yayyabee isa" jedha barsiisaa Galgaloon. Uummataan mirga keessanii falmadhaa, gabrummaa didaa wal qabadhaa jedhee uummata gorsaa ture.

Akkanaan qabsoo jalqabe, maal jennaan gaaf san Afaan Oromoo kana Itoophiyaa keessatti namni seerayyuu hin dubbatu, Afaan Oromoo, aadaa Oromoo kana balleessanii uummata wal ficcisiisanii, uummata kana cunqursanii jennaan mirga keessan falmadhaa jedhee qabsoo biyya Soloolootti eegale, ijoollees leenjisaa ture," jedha.

Hammeenya sirnootaa fi diddaa

Jaarsoo Waaqoo walaloowwan hammeenya sirnoota darbanii, kan sirna inni jalatti guddatee fi isa boodaallee walaleesssee darbe. Abbaa irree jalattis uummatni Oromoo dammaqina isa barbaachisurratti gorse walaloodhaan.

Qawwee qabatee gad dhufee ilmaan Oromoo hin fixnee

Oromoon teenna fardaan haatee bara hedduu akkanaan hin dhibnee

Nama adiin mala dhawatee yaad dhibii nutti hin fidnee

Goobana jaarsa nuuf mataa sobee besseen nutti hin binnee

Goobanaan nut gargalee Oromoo addaan hin fillee

Asumat walta gargalee sabi Oromoo wal hin didnee

Oromiyaa maqaa jijjiiree Itoophiyaa jedhee hin himnee

Oromoonni gaallaa jennaan jalaa owwaachuu hin didnee

Ijoollee dhiiraa qabanii gurmuut harka irraa hin cirree?

Dubartii Arsii qabanii harma irraa hin cirree?... walaloo jettuun hammeenya bulchiinsa mootii Minilik jalatti Oromoon dabarse dubbate.

Sirni mootii Haylasillaasee kufee dargiin aangotti dhufuu hordofee, mootummaan dargii lafa qabatee cunqursaa saba oromoo itti fufuurratti walaloo itti aanu gumaache:

Warri Ihaappaafi dargii akkana akkisaa

Wayaa dansaa filee of naqachiisaa

Mataa waaqa diimaan of katabsiisaa

Dhahee nama ajjeesee kan nam-agarsiisaa

Nami qabu in jiruu hundaan baqachiisaa

Shibbirii jedhee nama garafsiisaa jedhe.

Cunqursaa afaanii fi eenyummaa Oromoo mudate, loogii birookiraasii, jallachuu haqaa illee ni hime. Kana qofaa miti, sabni dammaqee abbaa irree buqqisu waamicha tolchee.

Namni walii gumaachan lafteenya malee jiraa?

Koot jedhanii nu waamanii dhufuu baannan lubbuut jiraa

Nu gadhufnu nu dhaananii jireenninuu nuu jiraa?

Adoo inni nu ijjeesee namni lakkii jedhu jiraa?

Yoo ani himadhaa dhufe biiroollee warrat kees jiraa

Ani afaan Amaaraa hin beeku namni na dhagahu jiraa?

Ijoolle koot afaan naa deebisaa aabbo birriin shantamaa in jiraa?

Iyyoo eccc.. deem asii nam duwwaa dubbatut jiraa..." jedhe.

Jaarsoon, hariiroo sirnoota Itoophiyaa fi Oromiyaa uumama Itoophiyaarraa kaasee xiinxaluu fi darbeellee hanga sirnoota of duraa dhufanii nama dursee argee hime ta'uu dubbata.

Kun immoo amala qabsaawaa ti jedha. "Jaarsoo Waaqoo qabsaa'aa ture. Namni qabsaa'aa ta'u nama ila boruu fi ila galchuu gargar beeku. Nama bahaa fi dhiha gargar beeku jechuunis nama waan darbee fi dhufu beeku, waan keessa jirullee quba qabu. Nama dhugaa ti. Hin kijibu. Aadaa fi dhugaaf qabsaawa."

Tokkummaa Oromoo

Jaarsoo Waaqoo nama tokkummaa Oromoo irratti gorsaa, leenjisaa ture dha. Ergaawwan kanaan wal qabatan hedduutu walaloowwan isaatiin dhiyaate.

Nu Oromoon gargari hin jirru

abbaaf obbolleessa firaa

Baale Hararii duri fagoo

Amma Mooyyaleen wal bira

Nagaa Nageellee Booranaa

Hararii Baaletu nuu himaa...

....jechuun dammaqinni siyaasaa uummata walirraa fageenya jiru akka walitti dhiyeessu barsiise.

Walaloo biraatiin:

Yaa Gabraa, Garrii, Boorana

Isin jaala soddeessan

Oromiyaa moggeessan

Wal haatanii gowwaa isin

Wallaalaa keessan dhowwaa isin

Kan walhaasisuu fedhu waliiqabaa hordaa isin... jedhee Oromoon kutaa, amantaa fi ilaalchaan walk qooduu seere.

"Akka rakkoon uummata Booranaa fi waliin jiran gidduu hin uumamne gorse, maal jennaan hojjaa rakkoon akkasii uumamte uummanni sirna hamaa ofirraa fonqolchuu hin qabu" jedha Galgaloon.

'Farsoo hin dhuginaa jedhe'

Jaarsoo Waaqoo dhugaatii akka malee balaaleffachuun beekama. Dhugaatiin waa heddu hawaasaa akka balleessitu barsiisaa ture.

Farsoo itti bitanii gowwoomsanii dachii sabichaa akka saaman, walaleessee, farsoo irraa nama seeraa turuu kanneen hojiiwwan isaa ammallee jiran ragaadha.

Surrii mataa nam yakkita

Ejjetu miila nam dabsita

Jaarsaa jaallaba yakkitaa

...jechuun dhugaatiin akka surrii mataa nam yakkitu, akka nama wa qabullee qolleessitu, akka isiin horii sirraa fixattu,akka isiin maatii gargar baasiftu himee uumata Oromootiin farsoo lakkisaa hin dhuginaa jedhee dhaame.

"Kan inni farsoo hin dhuginaa jedhee dabarse kana waan si ajaa'ibsiisu, Oromiyaa keessa warra mana farsoo ciisee walaloo inni farsoo hin dhuginaa jedhu kana caqasut jira. Yaada sun hanga ammaa uummanni keenya hin fudhanne. Ni caqasaniin ni mirqaananiiyyu."

'Baradhaa ilmaan keessan barsiifadhaa'

Wanni ilmaan tan tee sirraa dhaaltu loonii fi ooyruu osoo hin taane barnoota jechuun faayidaa barnootaa fageessee kan dhalootaaf dhaamee darbe turuus Galgaloon ni dubbata.

"Eenyummaa teessan baradhaa, afaan teessan baradhaa, of ulfeessaa, laf teessan jabeessaa, ilmaan keessan barsiifadhaa, farsoo irraa fagaadhaa… namni kun osoo Oromoo fi Oromiyaaf boowuu itti wareegame. Akkasiin lubbuu isaa dhabe, "jedha Galgaloon.

"Gaaf mootummaa abbaa irree hanga uummanni kun waa baratu waa sadi naa baradhaa jedhe. Yoo dhageessee siin jedhan hin dhageenye, beektaa yoo siin jedhan hin beeku, agartee hin agarre hagan callaa naa baradhaa jedhe."

Ergaa kanaan Akka Oromoon lafa ofii, waan ofii tiksitu, wal jaalattu, hanga misooma cimsan gorse.

Gootummaa fi Diddaa

Akka loltuu fi gaggeessaatti jaallan isaa akkasumas uummata onnachiisuuf, gootomsuufis ergaawwan adda addaa dhiyeessaa ture. Kanneen keessaa kan ittiin dhaaba isaa leellisaa tureen walaloo kana:

ABO'n hin jirtu jettee bitamtuun oduun keessaa yaatii,

Wayyaaneen jireenya keenya beektii kanaaf lubbuun keessaa baatii

Bitamaat gad-hoowwe malee guyyum hedduu baqaa kaatii

Silaaftuu ofii hin haatuu Oromoo waliin haatii

Oromoon amma wal hin haatuu hin beekti waan walii taati...

Jaarsoon waayee kufaatii sirna TPLF dursee walaloon raagee ture, Oromoon Itoophiyaa bulchuuf hiree akka argattus dursee himee darbuu fi kaan waan heddu raagee akka ture walaloowwan isaa ragaa dha.

Jaarsoo Waaqoo abbaa ijoollee dhiiraa lamaa ture. Bara 1994 lola mootummaa Itoophiyaa fi WBO jidduu turerratti madaayee wareegamuu ragaan arganne ni mul'isa.

Nama Oromoof hagas gumaache kana ilmaan isaa dagatamanii iyyaafannoo dhabuu fi yaadannoon maqaa isaa gitu hojjetamuufii dhabuun akka isaan gaddisiisu kanneen waayee isaa BBC'tti himan yaada qoodanii jiru.