Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoo addunyaarratti mudataa jiruun diinagdeen Ameerikaa maaliif gadi hin bu'u?
Bara darbe gara xumuraa konkolaattonni hedduun wayita tooraan kubbaaniyyaa oomisha konkolaattotaa Volkswagen ''Transparent Factory'' keessaa gadi yaa'an, humni indastirii Awurooppaa hangam akka cime mul'isanii turan.
Kun kan ta'e lixa Jarmanii, Dresden bakka jedhamu keessatti.
Bakka kanarraa kiilomeetira kumaatamaan lakkaa'amu fagaatee ammoo Kibba Kaarolaayinaa, Ispaartaanbarg keessatti konkolaataan Jarmanii kan biraan, BMW, warshaa addunyaarratti isa guddaa ta'e qaba.
Warshaalee gurguddoo lameen wal dorgomsiisuun hibboo ogeeyyiin diinagdee yeroo dheeraaf irratti wal falmaa turan hiikuuf waan gargaarudha.
Hibboon isaanii: Ameerikaan osoo rakkoon addunyaa mudatu ishees mudataa jiru akkamiin dorgomtoota ishee caalaa diinagdee jabaa qabaachuu dandeesse? kan jedhu.
Waggoota muraasa darban biyyoonni diinagdeensaanii cimaa ta'e rakkoo adda addaaf saaxilamaniiru, diinagdeensaanii rakkoo keessa galeera.
Hundaa ol ammoo qaraxi Tiraamp biyyootarra kaa'u diinagdee addunyaa guddoo miidhe.
Baqattoonni hedduun gara biyyaatti deebifamuun gabaa humna namaa baayyee jijjiire, waraanni Baha Giddugaleessaa gatiin boba'aa akka ol ka'u sababa ta'e.
Ogeeyyiin diinagdee hedduun sababoota kunneeniin hunda caalaa diinagdee Ameerikaatu miidhama kan jedhu eegu.
Haata'u malee diinagdeen Ameerikaa akkaataadhuma eegamuun guddina itti fufe malee kufaatiif hin saaxilamne.
Qaala'iinsi jireenyaa addunyaa raase Ameerikaa keessattis mudateera. Garuu akka eegame- guddinni diinagdee harkifataa ta'ee fi gatiin meeshaalee walitti fufiinsaan dabaluun Ameerikaa keessatti dhiibbaa hamaa hin qaqqabsiisne.
Jaarmiyaa RSM jedhamutti ogeessa diinagdee gameessa kan ta'e Jooyi Biruusuwelas waldibdee fi qoccolloon daldalaa Ameerikaa fi biyyoota addunyaa gidduu ture mataansaa diinagdeen Ameerikaa hagam akka cimaa ta'e mul'isa jedhe.
''Daldalaa fi godaantota ilaalchisee tarkaanfiin bulchiinsi Tiraamp fudhataa ture qofti diinagdeen Ameerikaa dandamataa ta'uu namatti mul'isa,'' jedhe.
Kubbaaniyyaawwan Ameerikaa qaraxa dabalataa bulchiinsi Tiraamp osoo hin eegamin kaa'uun osoo hin gufatin investimentii bu'a qabeessa gaggeessaa jiru.
Indastiriiwwan biyyattii oomisha ga'aa oomishuun ykn investimentii ga'aa taasisuun dhiibbaa mudate dandamachiisuu danda'aniiru.
Haala kanaan diinagdeen Ameerikaa waliigalatti kan silaa duubatti deebi'a jedhamee eegamu, waggaatti dhibbeentaa 2n babal'ataa jira.
Gabaan daldalaas dhimma ibsa bal'aa barbaadu, dhimma ijoo irratti dubbatamuu qabu.
Waraanni Baha Giddugaleessaa gatiin boba'aa akkaan akka dabalu taasiseera, taateen kun guddina diinagdee Ameerikaatti balaa guddaa ta'a jedhamee sodaatamee ture.
Inumaa warraaqsi damee anniisaa kun gabaan boba'aa Ameerikaa kan duraa caalaa akka ho'u taasise.
Waggoota kurna lama US addunyaarratti biyya boba'aa fi gaasiin oomishuun gita hin qabne taateetti.
Garaagarummaan US fi Awurooppaa ammoo ifa. Ameerikaan qaala'iinsa jireenyaas ta'u gatiin meeshaalee wayita dabalu akkaatuma gabaan deebii quubsaa kennuu filatti.
Imaammati Awurooppaa ammoo galma yeroo dheeraa fi amansiisaa ta'erratti fuulleffata.
Imaammati akkasii wayita Raashiyaan sababa waraana Yukireen sarara boba'aa kuttu biyyoota Awurooppaa hedduu miidhe.
Yeroo ammaa muddamni Baha Giddugaleessaa keessatti dhalatee jiru ammoo rakkoo warra Awurooppaa kana daran hammeesse.
Jaarmiyaa Biraaselsi jiru Bruegel jedhamu keessa kan hojjettu Rebekaa Kirstii, adda addummaa guddaan kun kan mudate sababa imaammataa qofa osoo hin taane, aadaa rakkoo dura dhaabbachuu biyyoota lamaanii irratti hundaa'a jette.
''Warri Ameerikaa rakkoo sodaatanii irraa dheessu osoo hin taane furmaata itti barbaadu. Faayidaa yeroo dheeraa argachuuf jecha rakkoo yeroo gabaabaaf aarsaa kaffalanii furmaata barbaad. Aadaan Awurooppaa ammoo akkana miti, rakkoo dheessuudha,'' jechuun adda addummaasaanii ibsite.
Wayita komishinarri Gamtaa Awurooppaa dhimma diinagdee ilaallatu, ''waa'ee rakkoo diinagdee ofitti fudhachuun furmaatasaarratti xiyyeeffachuu haasa'uurratti uummanni Awurooppaa hagas mara miti,'' jedhan achi jiraachuu ibsite Rebekaa Kiristii.
Akkaataan biizinesii fi adeemsi soorama ba'iinsi itti caaseffama mataansaa adda addummaa kana calaqqisiisa jette.
Awurooppaa keessatti kubbaaniyyaawwan liqaa baankiin socho'u, sooramni hojjettootaa dhaabbilee inshuuraansii waliin wal qabata.
Dhaabbileen kunneen buufachuus kasaaruus waan danda'aniif sooramni hojjettootaa yaaddoo keessa gala jechuudha.
''Wayita liqaa baankiin diinagdee kee sochooftu, bu'aan ati argattu akka isa qooda maallaqaa keen hojjettuu hin ta'u,'' jette Rebekaa Kiristii.
Kubbaaniyyaawwan Ameerikaa maallaqa investerootaa fi qooda gabaa irratti hundaa'a malee liqaa baankii irratti miti.
Kunimmoo yoo bu'es, yoo ka'es liqaan (idaan) waan irra hin jirreef kisaaraa hin fidu.
Haalli diinagdee kun kubbaaniyyaawwan Ameerikaa, kanneen Awurooppaa (mootummaadhaan tumsaman) caalaa akka guddatan taasiseera.