KALLATTIIN , Naannawa daangaa Itoophiyaatti muddamni hammaachuu hordofee US akeekkachiisa imalaa kennite

Ameerikaan, gabaasa Itoophiyaa fi Eertiraan naannawa daangaa isaanii irratti humnoota waraanaa qubachiisan jedhu hordofee, lammiileen ishee gara kaaba Itoophiyaatti hin imalle akeekkachiifte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Bakka bu'aan Rippablikaanii US Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti nagaa buusuuf wixinee dhiyeesse

    Jiim Baayidar

    Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti nagaan akka bu'u gochuuf Ameerikaan nyaata alatti ergitu, meeshaaleen qonnaa fi dhiyeessii ogummaa akka meeshaatti akka fayyadamtuuf bakka bu'aan Rippablikaanii yaada dhiyeesse.

    Paartii Rippablikaaniirraa kan ta'e Jiim Baayidar wixinee seeraa inni dhiyeesse Itoophiyaa fi Ertiraan hariiroo Chaayinaa waliin qaban akka laaffisanis kan kaayyeffatedha.

    Wixineewwan 'Ethiopia The SPARK Act' fi 'Eritrea The PILLAR Act' jedhaman Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti nageenya waaraa fiduudhaaf kan kaayyeefatan ta'uu isaa fuula X irraatti barreffame baaseen ibseera.

    Nageenya waaraa akka jiraatu gochuun fayyadamummaa mirkaneessuuf, akkasumas omishaalee qonnaa, meeshaalee qonnaa, akkasumas ogummaa Ameerikaa alatti ergamu guddisuu akka fedhan eereera.

    Wixineen bakka bu'aan ummataa miseensa koree hariiroo dhimma alaa Ameerikaa-Afrikaa ta'e dhiyeesse kun biyyoota lamaan gidduutti sochii nagaa buusuu qonnaa olatti erguu waliin kan walitti hidhedha.

    Ameerikaan boqqolloo, atara, nyaata loonii, meeshaa fi deeggarsa tekinikaa qonnaa kennitu akka meeshaa ittiin dhiibbaa gootuutti fayyadamuun biyyoota lamaan gidduutti nagaa buusuu akka qabdu akeekeera.

    Itti dabaluun, Ameerikaan Chaayinaa caalaa michuu biyyoota Afrikaa gochuu eereera.

    Albuudota Afrikaa Bahaa argaman warra akka warqii, Kopparii, Zinki, boba'aa uumamaa fi Pootaash baasuun, akkasumas bu'uuraalee misoomaa ulaa galaanaa hojiirra oolchuun Ameerikaan deeggarsa kennuu akka qabdu ibseera.

    "Afrikaan Bahaa dinagdeen fayyadaa ta'uu dandeessi. Kunis nageenyaa fi badhaadhina waaraaf bu'uura kaa'a," jedheera.

    Biyyoonni Afrikaa tumsa nagaa kan hordofan taanaan guddina dinagdee mirkaneessuuf Ameerikaan deeggersa akka gootu ergaa dabarsuu akka danda'amus itti dabaluun himeera.

    Odeeffannoo kana waliin deemu biraa:

  2. Miyaanmaar Rohinjaarratti duguuggaa sanyii dalaguu ICJ murtoo dabarse

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Miyaanmaar Rohinjaarratti duguuggaa sanyii dalaguu ICJ murtoo dabarse

    Manni Murtii Idil-Addunyaa (ICJ) Miyaanmaar hawaasa hagoo Rohinjaa irratti duguuggaa sanyii raawwachuudhaan yakkamtuu ta'uu ishee murteesseera.

    Murtiin kun yeroo jalqabaatiif manni murtii idil-addunyaa biyyi tokko duguuggaa sanyii raawwachuu ishii kan itti murteessedha.

    Pirezidantiin mana murtii olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Yuji Iwasawa, Miyaanmaar uummata Rohinjaa gara caalu "balleessuuf akeeka" akka qabduufi yakka ishii dhoksuuf "ragaalee hedduu balleessuu" irratti akka hirmaatte dubbataniiru.

    Tarkaanfiin waraanaa bara 2017 fudhatame uummata Rohinjaa kumaatamaan lakkaa'aman ajjeesee, namoota 700,000 ol ta'an immoo biyya Miyaanmaar (kan duraan Barmaa jedhamuun beekamtu) fi hordoftoonni amantii Budihaa itti baay'atan keessaa akka buqqa'an dirqisiiseera.

    Miyaanmaar himannaa irratti dhiyaate haalte. Humnoonni ishee haleellaa gareelee hidhataniin raawwatameef deebii kennaa turan jetteetti.

    Manni murtichaa UN kun Kamisa darbe akka laaletti, ragaa dhiyaate irraa ka'uun "yaadni duguuggaa sanyii raawwachuu dimshaasha sirrii tokkicha irra gahamuu danda'udha.

    "Murtiin kun sagalee caalmaa abbootii seeraa addunyaa irraa walitti babbahan sagalii fi ja'aan (9-6) murtaa'e.

    ICJ'n sagalee caalmaadhaan Miyaanmaar kutaalee biroo Waliigaltee Duguuggaa (Genocide Convention) bara 1948 hedduus cabsuu ishii mirkaneesseera.

    Himannaan Gaambiyaadhaan dhiyaate kun "duula lafarraa haxaawuu" (clearance operations) jedhamee kan waamamuufi bara 2017 kutaa bulchiinsa Raakhiin —iddoo hawaasni Musliimaa xiqqaan Rohinjaa bal'inaan jiraata keessatti jalqabame irratti kan xiyyeeffate ture.

    Baqattoonni gandootni guutuun gubachuu isaaniifi ajjeechaa jumlaa lammiilee nagaa irratti raawwatame himaniiru; akkasumas lubbuun kan hafaniifi raga-baatonni hedduun waraanni Miyaanmaar dubartootaafi shamarran Rohinjaa gudeeduufi miidhaa irraan gahuu isaa ragaa bahaniiru.

    ICJ'n yeroo duula uummata lafarraa haxaawuu sanaan uummanni Rohinjaa gara 10,000 ta'an "haalota sukkanneessaan ajjeefamuu" isaanii kan murteesse yoo ta'u, namoonni 700,000 ol ta'an immoo miilaan ykn galaana irraan gara Baangilaadeeshitti baqataniiru jedhamee yaadama.

    Manni murtichaa namoonni gara 815,000 ta'an karaa ta'e tokkoon xiyyeeffannoo haleellaa kanaa ta'uu isaanii bira gaheera.

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Koolugaltoota Rohinjaa
  3. Naannawa daangaa Itoophiyaatti muddamni hammaachuu hordofee US akeekkachiisa imalaa kennite

    -

    Ameerikaan, gabaasa Itoophiyaa fi Eertiraan naannawa daangaa isaanii irratti humnoota waraanaa qubachiisu hordofee, lammiileen ishee gara kaaba Itoophiyaatti hin imalle akeekkachiifte.

    Imbaasii Ameerikaa Itoophiyaa jiru, ibsa baaseen, walitti bu’iinsi naannoo baadiyyaa Tigraay, keessumaa naannawa daangaa Ertiraa bira jiru itti fufuu eeruun, lammiileen Ameerikaa gara naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar imala akka hin taasifne akeekkachiiseera.

    Keessumaa gara naannawa kaaba Affaar akka hin imallee jedhe.

    Itti dabaluunis haalli nageenyaa naanawa kanaa yeroo kamuu jijjiramuu danda'aa jedhe Imbaasichi

    Lammiileen Ameerikaa naannolee kanneen keessa jiran, haalli nageenya isaanii osoo hin miidhiin achii bahuu danda'u yoo ta'e, achii akka bahanis gorseera.

    Gabaasaaleen tibbana Rooyitarsii fi AFP ba’an, akka mul'isanitti humnoonni waraanaa Itoophiyaa fi Ertiraa daangaa biyyoota lamaanii fageenya wal haleeluu danda'an irratti akka argaman gabaasanii turan.

    Haleellaan meeshaalee waraanaa ulfaataa fi daangaa ce’anii seenuun walitti bu’iinsa biyyoota lamaan gidduu jiru hammeessuu akka danda’u gabaasaaleen kun kan mul'isan.

    Haa ta'uu malee hanga ammaatti dhimma kana ilaalchisee Itoophiyaa fi Ertiraa irraa waantijedhame hin jiru.

    Akeekkachiisni Imbaasii Ameerikaa kun yeroo walitti bu’iinsi daangaa biyyoota lamaan gidduutti uumamuu danda’a jedhamee sodaan dabalaa jirutti kan ba’e yoo ta’u, lammiileen Ameerikaa naannolee balaa nageenyaa keessa jiran irraa akka fagaatan gorseera

    Lammiileen gara naannolee kanneenitti imaluuf yoo karoorfatanis murtee isaanii "irra deebi'anii akka ilaalan" akeekkachiise.

  4. Hogganaan Moosaad Iraanirratti haleellaa waloo waaman - Wall Street Journal

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaan Moosaad Iraanirratti haleellaa waloo waaman

    Gaazexaan Ameerikaa The Wall Street Journal hogganaan tikaa Israa'el, Moosaad, Romaan Gofmaan, Iraanirratti haleellaan waloo US fi Israa'el akka dabalamu waamicha gochuu gabaase.

    Qondaalli kun kana kan jedhan torban darbe wayita Ameerikaa daawwatanitti.

    Gaazexaan kun namoonni marii kana quba qaban natti himan jedhee akka gabaasetti, yaadni kun kan dhiyaate yeroo Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp tarkaanfiiwwan Tehraan irratti fudhachuu danda'an irratti yaadaa jiranitti jedhameera.

    Roomaan Goofmaan, hoogganaan tikaa Israa'elii fi michuun dhihoo Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu, Jimaata darbe Waashingitan keessatti qondaaltota bulchiinsa Tiraamp waliin wal arganiiru.

    Qondaaltota inni wal arge keessaa Joon Raatkiliif, daayirektarri Ejensii Basaasaa Giddugaleessaa (CIA), ni argamu.

    Akka maddoonni gaazexaan The Wall Street Journal wabeeffate ibsanitti, Goofmaan odeeffannoo basaasaa sagantaa niwukilaraa Iraan ilaalchisee Israa'el argatte dhiheesseera.

    Maddoonni kunneen, hoogganaan Moosaad kun duula haleellaa qilleensaa haaraa guyyoota hedduuf turu Iraan irratti akka banamu gaafachuu isaanii ibsaniiru. Iraan gama isheetiin waraanni biraan akka hin jalqabamne akeekkachiisteetti.

    Barreessaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Olaanaa Iraan kan ta'an Moohsan Rezaayii dabalatee, qondaaltonni siyaasaa fi waraanaa biyyattii, yoo waraanni ammas ka'e, Iraan waraanicha Giddugaleessa Bahaa guutuutti akka babal'iftu dubbataniiru.

  5. Biyyoonni Awurooppaan waraana Yukireen dhaabuuf Raashiyaa waliin mari'achuuf qophii ta'uu ibsan

    Hoggantoonni biyyoota Awurooppaa waraana Yukireen dhaabuuf Raashiyaa waliin mari'achuuf qophii ta'uu ibsan.

    Kunis marii nageenyaa keessatti Awurooppaan hirmaachuu akka qabduufi deeggarsa cimaa Kiiviifi qaban agarsiisuuf ta'uun himameera.

    Raashiyaan garuu haala mariin itti gaggeeffamuu fi wabii nageenyaa Yukireen irratti yaada adda addaa qabdi.

    Hoggantoonni Awurooppaa kun yaada isaanii kan ibsan walgahii biyyoonni Yukireen deeggaran, 'Coalition of the Willing' jedhamu, magaalaa Berliinitti gaggeeffame irratti.

    MM UK, Andii Burnham, Awurooppaan marii kanaaf ejjennoo ifa, wal irraa hin cinneefi waliinii qabdi jedhan.

  6. 'Richitiitu dhuka'a jedheen daa'ima kootti hima': Maatii waraana Yaman keessatti danqaman

    Yamanitti magaalaan Ta'iiz, tulluuwwan qara qabaniifi loltoota finciltoota Huutiitiin marfamtee kan jirtu Ashwaaq, ilma ishii sodaate tasgabbeessuuf karaa tokko qofa qabdi. Innis sobuu.

    "Ilmi koo waggaa 11 yeroo sagalee guddaa dhaga'u, 'Hin sodaatin, kun richitiidha' jedheen itti hima," jetti.

    "Akka inni na'u hin barbaadu, garuu keessa kootti wanta naannoo isaatti ta'aa jiru hubachuuf ga'eessa ta'uu isaa nan beeka. Jireenya isaa irra caalaa waraana keessa jiraate."

    Ta'iiz walwaraansa Yaman keessatti yeroo dheeraaf iddoo barbaadamtuufi adda waraanaa taatee turteetti. Humnoonni Huutii ji'a darbe marsanii cimsanii, magaalaa mootummaadhaan to'atamtu kanaafi uummata ishii kan 600,000 hanga miliyoona 1 gidduutti tilmaamamu guutummaatti marsaniiru. Gabaasicha asiin dubbisaa. 'Richitiitu dhuka'a jedheen daa'ima kootti hima': Maatii waraana Yaman keessatti danqaman

  7. 'Hiriyootashee dhiiraa caalaa onnattuudha" Dubartii jalqabaa fakkiiwwan qullaa fi miira kakaasan kaaste

    Laaviniyaa Fontaanaa dubartii fakkii kaastuu fi fakkii nama qullaa kaaste jalqabaati. Fakkiiwwan qullaa isheen kaaste ammoo kan hiriyoonnishee warra dhiiraa kaasan caalaa ifatti kan mul'atan ture.

    Fakkiiwwan kuni abbaashee irratti finciluuf, filannoo daldalaa moo agarsiituu jireenya keessoosheeti?

    Hojiiwwan Fontaanaa bifa lama qabu. inni tokko A.L.A bara 1577 suura mataasheerratti mul'ata. Uffata dubartii dansaa ta'e uffattee, faaya babareedaan faayamtee, koomeesheerra gadteessee dubartii Xaaliyaanii safuu qabdu.

    Fakkiini isheen kaastee ittiin beekamte biraan bara 1613 du'ashee waggaa lamaan duratti Kardinaal Ispiyoniif kan kaastedha. Namni fakkii sana duubaan ilaalee dubartii ta'uushee hubate hunduu safuu cabsuu akka ta'e inuma hubata taha.

  8. Ashamaa! Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Tamsaasa kallattii kana keessatti odeessa gurguddaa Itoophiyaa keessaa fi idil-addunyaa irraa argattu.

    Nu hordofaa! Oolmaa gaarii