Dubartiin tokko al-tokkotti dhiira lamaaf ulfaawuu akkamiin dandeessi?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Bara 2018, samudni DNA daa'imman haadha takkaa laaboraatorii qacceefi fo'insaa sanyii yunivarsiitii Kolombiyaatti ergame. Kaayyoon isaa abbaa daa'imman lakkoolee dhiiraa waggaa lamaa ishee adda baasuuf ture.

Laaboraatorichi qorannoo abbaa daa'immanii barame ni tolche. Irra deebi'ees qorannoo tolche. Bu'aan qorannoo argamee ajaa'ibsiisaa wana tureef mirkaneeffachuu barbaadaniiti. Ilmaan lakkooleen haadha takkaa abbaa lama irraa akka dhalatan barame.

Taateen kun waan addaa daa'imman lakkuu haadha takkaa fi abbootii lamarraa itti uumaman ta'ee galmaaye.

Barreeffamoota saayinsii addunyaa kanaa keessatti taateewwan akkanaa 20 qofatu gabaafame.

Ogeeyyiin yunivarsiitii taateen akkasii akka uumamu tiwooriidhaan ni beeku. Waan akkasii qabatamaan kallattiin uumamee ni argama hin seene. Kun qorattoota baay'ee hawwate.

Akkamiin argatan

Saayintiistonni Inistitiyuutii Jenetiksii Yunivarsiitii Kolombiyaa yaalii kanaaf teknolojii 'maayikiroosaataalaayit maarkers' jedhamu fayyadamanii jiru.

Gabaabumatti, tuuta DNA daa'imaa xiinxaluu, kan haadhaa fi abbaa jedhame waliin madaalchisuu dha.

"DNA namoota lamaan irraa fudhanna, achi booda qabxiilee 15 fi 22 gidduu jiran kan maayikiroosaatalaayit jedhaman tokko tokkoonsaanii waliin madaalchifna," jedhu daayireektarri laaboraatorii Profeesar Wiiliyaam Oosaakan gaaffii fi deebii BBC waliin tolchaniin.

Adeemsi kun garuu DNA maayikirooskooppii cimaa jalaa kaayanii ilaaluu ol wal xaxaa akka ta'e himu.

Samudni dhiiigaa fiixee qubaarraa erga fuudhamee booda, saayintiistonni DNA qabiyyeewwan kaanirraa adda baasuuf adeemsa keemikaalawaa hordofu.

Achii booda DNA fudhachuun guddisanii laaluuf meeshaa laaboraatorii addaarra kaawu. Achi booda dhangal'aa argatta. Itti aansee saayintiistonni keemikaala akka malee ibsu itti dabalu, kun qabxiilee maaykiroosaataalayitii 15 hanga 22 xiinxaluufi.

Ammas, itti aansee maashinii biraa keessa darba, maashinni kun maayikiroosaatalaayitii tokkoon tokkoon samudawwanii dubbisa, waan dubbise kana immoo gara tartiiba lakkoofsaatti jijjiira-adeemsi kun 'elektiroofooresis' jedhama.

Dhumarra, tartiibawwan lakkoofsaa sana fayyadamuun, qorattoonni namni qoratame sun abbaa daa'ima sanaa ta'uu fi ta'uu dhabuu isaa murteessu.

Yoo walakkaan eenyummaa qaccee daa'ima sanaa kan haadhaa ta'ee walakkaan immoo kan abbaa daa'imaati jedhamuun wal sime abbummaan mirkanaaye jechuu dha.

Bu'aa laaboraatorii addaa

Lakkoolee Kolombiyaa kan ilaaleen, saayintiistonni maayikiroosaatalaayitii DNA haadhaa, daa'imman lakkoolee fi namicha abbaadha jedhamee 17 kan qorannoof dhufe xiinxalan.

DNA'n abbaa kan daa'ima tokkootiin yoo wal simu, kan daa'ima kaaniin garuu wal hin simne. Bu'aa qorannoo addaa ti.

"Ani waggoota 26'f daarektara laaboraatoriin ture, kun taatee addaa arginee hin beekne dha. Taatee tokkicha yeroo duraaf arginedha'' jedha Oosaakan.

"Gabaasaalee kaanirraa taateen akkanaa akka uumamuu danda'u dhageenyee beekna. Garuu akka addunyaatti carraan deddeebi'ee mul'acchuu isaa baay'ee xiqqaadha,"jedha Inistitiyuutii Jenetiksii Yunivarsiitii Kolombiyaatti ogeessi fi qorataan jenetiksii Andiriyaas Kaasas.

Pirootokolii kana hordofuun gareen qorattootaa kunneen qorannaa kana jalqabarraa keessa deebin qoratanii jiru. Kun dogoggora kamillee hanqisuu fi tarii samudni wal make akka hin jiraanne mirkaneeffachuufi.

Maaliif carraan mudachuu isaa gad aanaa ta'e?

Artiikiliin bara 2014 saayintiistota laaboraatorii Baaltimoor biyya Ameerikaatiin maxxanfame, qorannoo abbummaa daa'imaa daataabeezii 39,000 keessaa sadi qofti abbaa garaagaraa irraa dhalachuu mul'isa.

Oosaakan carraan taateen baayolojikaalaa akkasii mul'achuun maaliif gad aanaa akka ta'e hima.

''Jalqaba, dubartiin hiriyaa saal qunnamtii waliin raawwattu lama qabaachuu qabdi. Lammaffaa, lamaan isaanii faana hariiroo yeroo baay'ee gabaabaa qabaachuu qabdi. Dabalata, poolii ooviyuleeshiniin jiraachuu qaba,'' jedha.

Pooolii ooviyuleeshiniinmarsaa laguu tokkotti hanqaaquu lamaa fi sanaa ol ovaarii keessaa gadlakkisuu dha.

''Taatee carraan mudachuu isaa daran gad aanaa ta'e taatee biraa carraan mudachuu isaa daran gad aanaa ta'etti dabalamee, ammas daran gad aanaa, daran ammas gad aanaa kan biraa waliin mudachuudhani. Akka carraa ta'ee, lotarii taphachaa hin jirru,'' jechuu qoosa Oosaakan.

Lakkooleen akkasii abbaa garaagaraarraa dhalatan tasuma lakkoolee wal fakkaatoo (identical twins) ta'uu akka hin dandeenye hubachuun barbaachisaa dha. Lakkooleen wal fakkaataan hanqaaquu takkaa fi isparmii tokko irraa uumamu.

Iccitii dhuunfaa

Yeroo hedduu dubartiin takka hanqaaquu tokkoo ol yoo qopheessitu, tokko qofti yoo faartilaayizeeshinii raawwate, kan biraa ykn kanneen biraa-ni tura ykn dafee du'a.

Kun sababa biraa hiree hanqaaquuwwan ispermii namoota garaagaraatiif saaxilamuu baay'ee xiqqaa godhu dha:fertilaayizeeshiniin lammeessoo osoo hanqaaquun fertilaayizd hin taane hin du'ini dura ta'uu qabu.

Akkaataa Laayibirariin fayyaa biyyaalessaa US agarsiisutti, hanqaaquun tokko gadhiifamee sa'aatii 24 gadi jiraata.

Akka , Andriyaa Kaasas ibsitutti hanqaaquuwwan yeroo hunda yeroo wal fakkaatatti gadhiifamuu dhiisuu malu.

"Yeroo tokko tokko ovaariin tokko hanqaaquu tokko gad lakkisa, guyyaa lama ykn sadi booda kan biraa gadhiisa," jetti.

Kun carraa fertilaayizeeshiniin wayita garaagaraatti raawwachuu dabala jetti.

Sababni kan biraa, hiree baay'ee xiqqoo ta'e immoo, namoonni irra caalaan qorannoo abbummaa daa'ima ofii hin godhan.

Qorattoonni Inistitiyuutii taateen akkanaa ''sababa tooftaan molakiyularii hojiirra oolaa jiruufi qorannoon abbummaa baramaa waan dhufeef fuulduraaf itti fufuun isaa gad aanaa ta'uu danda'a'' jedhu.

Saayintiistonni carraawwan ulfi dhiirota garaagaraarraa itti uumamu qorachuuf kaka'umsa horachaa dhufanis, naamusni qorannoo garuu dhimma jireenya nama dhuunfaa qorachuu irraa isaan daangessa

"Qorannoon abbummaa daa'immanii yeroo heddu naamusa ogummaa fi iccitii namootaa giddu-galeessa godhachuun qoratama," jedha Oosaakan.