Godina Waagimraatti ayisuuzuu midhan fe'erratti balaa qaqqabeen namootni 19 du'an
Naannoo Amaaraa godina Waagimraa keessa konkolaataan ayisuuzuu midhaan fe'etti dabalataan hanga namoota 80 fe'ee osoo deemuu balaa mudateen yoo xiqqaate namootni 19 lubbuu dhabuu Poolisiin godinichaa ibse.
Konkolaataan fe'isaa kun magaalaa Kibba Gondar Aabinnetirraa ka'e gara Saqoxaa imalaa osoo jiruu naannoo Naggaasii jedhamutti garagaluun namoota 19 du'aniin alatti 60 kan ta'an miidhamaniiru jedhame.
Hogganaa Olaanaa dandii tiraafikaa kan ta'an Komaandara Itti aanaa Malaakuu Ashaagree midhaan fe'ame irratti namootni 80 fe'amanii akka turan ragaa argachuu himan.
Warra miidhaman keessa daa'immaniifi miseensotni maatii tokkoo hedduun akka jiran ibsaniiru.
Uummata naannoo tokkootu baayyinaan du'ee kan jedhan hoogganaan kun reeffa 17 gara naannoo tokkootti erginee jedhan.