Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gorsaan Tiraamp mariin Kaayirootti taasisan ''farra Itoophiyaa'' miti jedhan
Gorsaan olaanaa Pirezidant Tiraamp Ameerikaan ejjennoo farra Itoophiyaa ta'e tarkaanfachiisaa hin jirtu jechuun dubbatan.
Gorsaa olaanaa dhimma Arabaafi biyyoota Kaaba Afrikaa Pirezidant Tiraamp kan ta'an Maasaad Buloos dhihoo Kaayiroo keessatti ministiroota dhimma alaa Masrii, Ertiraafi Somaaliyaa waliin mari'ataniiru.
Mariin kuni erga taasifamee torban tokko booda miidiyaa hawaasummaa isaanii X irratti ergaa kaa'aniin mariin ministiroota dhimma alaa biyyoota kanaa waliin taasisan ''hiika gaarii hin taane kennameef gabaafameera'' jechuun barreessan.
Angawaan kuni Ministira Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saalah, Ministira Dhimma Alaa Masrii Baadir Abdallaatii akkasumas Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Abdisaalaam Abdi Ali waliin Kaayirootti qofa qofaan mari'atan.
Marii kana irrattis waa'ee ''nageenyaafi tasgabbii'' Gaanfa Afrikaa mari'achuu isaanii yeroos ibsanii turan.
Tibba sana ministiroonni dhimma alaa Masriifi Ertiraa Kaayirootti erga wal argan booda dhimmi ''nageenyaafi bulchiinsa Galaana Diimaa biyyoota qarqara galaanichaa jiran qofa'' ilaallata jechuun gaaffii Itoophiyaan ulaa galaanaarratti kaafte irratti ejjennoo isaanii ibsanii turan.
Masriin dhimma Hidha Abbayyaa Itoophiyaa ijaarte waliin walqabatee Itoophiyaa waliin dhibdee qabdi.
Ertiraanis gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan kaaftun walqabatee gammachuu hin qabdu, Itoophiyaa waliinis muddamatti jirti.
Waliigaltee Hubannoo Itoophiyaan ulaa galaanaa barbaacha bulchiinsa Somaalilaand waliin mallatteessite waliin walqabatee Itoophiyaa waliin muddama kan seente Somaaliyaan Itoophiyaa waliin araara buusteetti.
Ministiroonni dhimma alaa biyyoota sadan Kaayirootti wal arguu isaanii hordofee dippilomatiin olaanaa US Masaad Buloos aangawoota kanneen waliin wal arguu isaani eeruun mariin kuni ''faallaa Itoophiyaa'' taasifame gabaasonni jedhan dhagahameera.
Haa ta'u malee, gorsaan olaanaa Pirezidant Tiraamp ergaa X gubbaa kataban irratti gabaasonni kuni ''sobaafi dogongorsiisaa'' jechuun dippilomasii Ameerikaa ''haala sirrii hin taanen'' dhiheessaniiru jedhaniiru.
Gabaasonni bahan ''Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti 'tumsa farra Itoophiyaa' akka deeggaruuf akka yaaltu'' jedhamee dhihaachuun isaanii dogongora ta'uu ibsan.
Kunis, ''sirrii kan hin taaneefi dubbii hammeessuu'' akka ta'e barreessan.
Dabaluunis, Ameerikaan ''Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaatti akkasumas biyyoota hunda Galaana Diimaafi naannichatti argaman waliin dhimma waloorratti'' akka hojjetu ibsaniiru.
Kanaanis, hariiroon michuu biyya naannicha keessa jirtu tokko waliin taasifamu kaan waliin faallaa dhaabachuu akka hin taane ibsaniiru.
''Dippilomasiin Ameerikaa gartuuwwan wal morkatan uumuu yookiin garaagartee jiru bal'isu osoo hin taane walitti bu'iinsa dhabamsiisuun nagaafi tasgabbii waaraa uumuuf''' hojjechuu akka ta'e ibsaniiru.
Dipploomatiin olaanaa US kuni mariin ministiroota dhimma alaa biyyoota sadan waliin taasisan ''bu'aa qabeessa'' ta'uu yeroos ibsaniiru.
Eenyu waliin maal mari'atan?
Ministira Hajaa Alaa Somaaliyaa waliin waa'ee ''nageenya'' naannichaa marii'achuu eeruun tumsi biyyoota lameeniii naannichatti ''nagaa buusuufi walii wajjiin hojjechuuf,'' dubbachuu isaanii ibsaniiru.
Haasaa ministara hajaa alaa Ertiraa waliin taasisaniin ammoo ''haala naannichaa qormaata tahee jiruu'' kaasuu isaanii dubbataniiru.
''Daldalaan, guddina diinagdee naannoofi dhimmoota nageenyaa irratti walitti hidhaminsa keenya cimsuuf carraa jiru ilaallerra,'' jechuunis dabalanii dubbataniiru.
Gorsaan Olaanaa Ameerikaa kuni yeroo kamiyyuu caalaa ''tattaaffiin waloo'' yerootti barbaachisu tahuu himuun ''haala ijaaraa taheen waloomaan hojjechuun bu'aa inni qabu ni hubanna,'' jedhaniiru.
Marii ministara hajaa alaa Ertiraa waliin haasaa taasisaniin ''walitti bu'insa naannoo Gaanfa Afrikaatti mudatu furuuf, nagaan waaraafi tasagabbii fiduun akkasumas Galaana Diimaa irratti badhaadhinni akka dhufu waliin hojjechuuf dubbachuu'' himaniiru.
Marii ministara hajaa alaa Masrii waliin taasisaniin ammoo dhimma hariiroo tarsiimawaa biyyoota lameenii jabeessuu kaasaniiru.
''Waloodhaan dhimmoota dursi kennamuuf'' haasaa isaanii keessatti galchuu kan ibsan gorsaan olaanaa Ameerikaa kuni ''Baha Gidduugalaa fi Gaanfa Afrikaatti nagaa fi nageenya buusuufi badhaadhina fiduuf Masriin michuu ijoodha,'' jedhaniiru.
Masrii fi Ameerikaan Gaanfa Afrikaa dabalataan Liibiyaa, Sudaaniifi dhimma Libaanos irratti ''fedhii waloo'' akka qaban akeekaniiru.