Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Humni waraanaa US haleellaa cimaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

Iraan humnoota Ameerikaa irratti yaalii haleellaa gaggeessite jechuun waraanni US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu ibse.

Guduunfaa

Humni waraanaa US haleellaa cimaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp fi Neetaaniyaahuun walarguun Iraan irratti karoora baafatan

    Qondaalli olaanaan mootummaa Israa'el Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuuu walga'ii isaanii irratti tarkaanfii Iraan irratti fudhatamu karoorfachuu ibse.

    Iraan akka niwukilara hin gabbisne gochuuf tarkaanfiiwwan akka dippiloomaasii, dhiibbaa diinagdee uumuu fi humna dabalatan akka fudhachuu danda'an waliigalaniiru jedhe qondaalli eenyummaasaa dhoksuun odeeffannoo kenne kun.

    Qondaalli Israa'el kun akka jedhetti Neetaaniyaahuun erga Waayit Haawusitti Tiraamp waliin mari'atee booda wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennu ammatti Iraan haleeluun filannoo biyyisaa qabdu ta'uu Tiraapitti hin himne.

    ''Dhumarratti hunduu murteesaati,'' Tiraampiin jechuu qondaalli Israa'el himeera.

    Pirezidantiin US filannoowwan sadi qabaachuu fi hunduu bal'inaan irratti mari'atamuu kan kaase qondaalli Israa'el kun, filannoowwan kunneen mariif dhihaatan ''waliigaltee mariin taasifamu, uggura galaanaa fi dhiibbaa diinagdee itti fufuu akkasumas haleellaa cimaa raawwachuudha,'' jedhe.

    Tiraamp walga'iisaanii kana dura yeroo garagaraatti Neetaaniyaahuutti mufatee, ittis dheekkamaa ture.

    Keessattuu dhiheenya kana karoorri tikaa fi iccitii guddaa aanga'oonni Israa'el gaara Pickaxe jedhamurratti qaban saaxilamuurratti guddoo mufatee ture.

    Iddoon lafa jalaa kun bakka gabbisa niwukilaraan wal hidhatu yoo ta'u Tiraamp boombiidhaan barbadeessuuf itti dhaadataas tureera.

    Garuu aanga'oonni lameen muddama gidduusaanii ture dagachuun, odeeffannoo tikaa akka waliif qoodan dubbachuu ibse qondaalli Israa'el waan qondaalonni lameen mari'ate hime kun.

  2. Waraanni Ameerikaa haleellaa cimaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

    Iraan misaa'ela bilaastikaan humnoota US Baha Giddugalaa jiran irratti haleellaa gaggeessuu hordofee waraanni US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise.

    US haleellaa kan gaggeessite Roobii halkan yoo ta'u, haleellaa Iraan raawwattee turte haaloo bahuuf akka ta'e ibsite.

    Iraan Kibxata darbe buufata waraanaa US Yordaanositti argamuufi dooniwwan Ulaa Hormuuz irratti haleellaa gaggeessuunshee ni yaadatama.

    Ajaji Giddugaleessaa US (CENTCOM) ibsa baaseen, haleellaa Iraan Kibxata darbe raawwatte haaloo bahuuf jecha, buufataalee waraanaa Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) heddurratti haleellaa "cimaa" gaggeesse jedhe.

    Biyyoonni lamaan walitti dhukaasuu kan eegalan, mariitti deebi'uu ibsanii guyyoota muraasaaf walitti dhukaasuun erga dhaabbatee boodadha.

    USfi Saawudiinis waliin ta'uun hidhattoota Iraanin deeggaramaniifi Iraaq keessa socho'an irratti haleellaa gaggeessanii turan.

    Haa ta'u garuu, Saawudii Arabiyaan dubbiin akka tasgabbaa'u barbaaddi jechuun Axios gabaase.

    Haleellaa Roobii halkan Iraanirratti gaggeeffame ilaalchisee Ajaji Giddugalaa US ibsa baase keessatti, haleellichi sa'aatii tokkoof kan ture yoo ta'u, yaalii haleellaa Iraan taasiftee "deebii cimaa" taasifame ta'uu beeksise.

  3. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Waraanni US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise. Iraan humnoota waraanaa koo haleeluu yaalte jechuunis US himatte.

    Netaaniyaahuufi Tiraampis Waayit Haawusitti wal-arganii mariyataniiru. Waa'ee Iraan waan mariyataniifi odeessawwan garaa garaa isinii dhiyeessina.

    Dhiyaadhaa!