Biyyoonni Arabaa fi Islaamaa Saddeet tarkaanfii Israa'el Yerusaalemitti fudhatte balaaleffatan

Madda suuraa, Xinhua
Biyyoonni Arabaa fi Islaamaa saddeet yaada Filisxeemota Gaazaa keessaa buqqisuu balaaleffachuun ibsa baasan.
Biyyoonni Islaamaa saddeet karoora Israa'el lammiilee Filisxeem Gaazaa keessaa baasuuf qabdu balaaleffachuun, karoorri kun karoora nagaa Gaazaa deebisanii ijaaruu Ameerikaan deeggaramu balaaf saaxila jechuun morman.
Ministiroonni Dhimma Alaa Qatar, Saudi Arabia, Jordan, UAE, Indonesiyaa, Paakistan, Masrii fi Turkii kannnen ibsa waloo baasan keessaati.
Biyyootni kunneen, yaada Ministira Nagaa Biyya Keessaa Israa'el Ben-Gevir fi Ministirri Raayyaa Israa'el Israel Katz, Filisxeemota Gaazaa irraa buqqisuuf dhiyaate cimsanii balaaleffatan.
Ministiroonni kunneen ibsa isaanii keessatti Filisxeemota lafa isaanii irraa dirqamaan buqqisuuf karoorri ykn malli kamiyyuu dhiyaachuun seera idil-addunyaa, keessumaa seera namoomaa idil-addunyaa kan faallaassuu jedhan.
Biyyoonni kunneen, Filisxeemota lafa isaanii irraa buqqisuuf yaalii ykn karoora kamiyyuu fudhatama akka hin qabne ibsan.
Tarkaanfiin akkasii kan hojiitti jijjiramu yoo ta'e rakkoo guddaa akka fidus akeekkachiisan.
Akkasumas, tarkaanfiin akkanaa carraa nagaa fi tasgabbii naannichaa caalaatti hammeessu akka danda'u eeraniiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Itti dabaluudhaan karoora nagaa Onkoloolessa bara 2025 Ameerikaan deeggaramu kan kallattiin tattaaffii idil-addunyaa nagaa buusuuf godhamu, keessumattuu karoora Pirezidaanti Doonaald Tiraamp walintti bu'iinsa Gaazaa xumuruuf qaban, kan faalleesuu jedhan.'
Ministirri Raayyaa Ittisa Israa'el Israa'el Katz Roobii darbe mootummaan lammiilee Falasxeem Gaazaa keessaa baasuuf karoorfateera garuu bakka itti godaansisu Ameerikaan hayyama akka kennitu eegaa jira jedhan.
Guyyaa itti aanutti, Ministirri Nagaa Biyyaalessaa Israa'el, karoorri kun waggaa jalqabaa keessatti lammiilee Filisxeemota heddu Gaazaa keessaa baasuu, achiis waggoota jahan dhufan keessatti ummata gara miliyoona lamaa biyyaa baasuuf kan akeeke ta'uu ibsaniiru.
Israa'elitti ambaasaaddara Ameerikaa fi deeggaraa cimaa Israa'el kan ta'an Maayik Huckabee karoora Israa'el Falasxiinota Gaazaa keessaa baasuuf qabdu kamiyyuu haalaniiru.
Biyyoonni Islaamaa saddeettan garuu Gaazaan qaama guutummaa naannoo Filisxeemaa qabatamaa jirtu ta'uu fi Gaazaa, Lixa Qarqara Laga Yordaanosii fi Yerusaalem Bahaa akka walitti hidhamiinsa tokko qaban eeguun barbaachisaa ta'uu ibsan.
Isaan akka jedhanitti, haqaa fi nagaa waaraa fiduuf karaa sirrii ta'e furmaata barbaaduu qofsa.
Kunis mootummaa Filisxeemaa walaba ta'e, daangaa bara, 1967 irratti hundaa'e, Yerusaalem Bahaa immoo magaalaa guddoo isaa taasisuun hundeeffame akka eegamuudha
Biyyoonni saddeet kunneen hawaasa idil-addunyaa, keessumaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, itti gaafatamummaa isaa akka bahu gaafatan.
Yaalii lafa Filisxeemaa keessatti haala uummataa ykn daangaa jijjiiruuf godhamu akka dura dhaabbatuu fi seerri idil-addunyaa akka kabajamu waamicha dhiyeessan.
Ministiroonni biyyota 8 kunneen deeggarsa isaanii uummata Filisxeem fi mirga isaan lafa isaaniirra jiraachuu itti fufsiisuuf qaban mirkaneessan.
















