Suuraa 1980 'ChatGPT' fayyadamuun qooddeettaa? Balaa akkamiif akka saaxilamtan beektuu?

Madda suuraa, ChatGPT
Suuraakee kan bara 1980 keessaa fakkaatu dandeettii nam-tolchee ykn AO hojjettee miiidyaa hawwaasaa irratti qoodeettaa? Balaa akkamii akka ofitti fiddehoo hubattee?
Rifeensi dheeraa, suuraawwan halluun isaanii xiqqoo dulloomaa fakkaatan, halluuwwan ifaa fi duuba isaan ammoo naannoo gamoo babbareedaa ykn mall fakkaatan mul'atu.
Yoo yeroo ammaa fuulawwan miidiyaa hawaasummaa keessanii irratti suuraawwan akka albamii maatii bara 1980 irraa baafaman fakkaatan argitan, isin qofa miti. Tarii isiniyyuu akkasuma suuraa keessan qooddaniittu tahuu mala.
Namoonni miliyoonaan lakkaa'aman addunyaa mara keessatti ChatGPT fi meeshaalee AI biroo fayyadamuun suuraawwan isaanii gara bifa bara durii yaadachiisutti jijjiirachaa jiru.
Suuraawwan kun rifeensa yeroo sanaa, faashinii uffata durii fi miidhagina suuraa yaadannoo bara sana keessaa nama galchu of keessatti hammatu.
Suuraawwan AI'n uumaman kun yeroo hedduu ajaja (prompt) qophaa'e tokko fayyadamuun hojjetamu.
Ajajni sunis fayyadamtoonni suuraa isaanii akka galchan ajaja. Bu'aan isaan baay'ee dhugaa fakkaata. Kanaafuu namoonni salphaatti miidiyaa hawwaasaa irratti isaaniif qoodu. Adeemsi kun saffisaan Instagram, TikTok fi X irratti babal'achaa jira.
Haa ta'u malee, waan yaadannoo fi bashannana fakkaatu kana duubatti, ogeeyyiin akeekkachiisa tokko kennaa jiru.
Akka isaan jedhanitti, fayyadamtoonni yeroo suuraawwan isaanii qoodan, odeeffannoo dhuunfaa isaanii osoo hin beekiin qaama biraaf dabarsanii kennaa jiru jedhan.
'Odeeffannookee Bashannanaaf'
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Babal'inni suuraa ofii gara bifa bara 1980tti jijjiiruu kanaa jijjiirama bal'aa yeroo ammaa gama jeneretiiv AI (generative AI) keessatti mul'achaa jiru calaqqisiisa.
Waggaa muraasa dura, meeshaaleen AI suuraa uuman irra caalaan isaanii namoota teknolojiidhaan beekumsa guddaa qaban ykn fedhii addaa qaban qofaan fayyadamaa hojjetamu turan.
Har'a garuu jireenya guyyaa guyyaa keessatti bal'inaan seenuu jalqabaniiru. Miidiyaa hawaasummaa irraa kaasee hanga meeshaalee bakka hojii fi appilikeeshinoota fayyadamtootaa irratti bal'inaan tajaajilaa jiru.
Suuraa gara bifa bara 1980tti jijjiiruun kun ammoo adeemsa AI'n gaggeeffamuu keessaa isa haaraa dha.
Kana dura suuraawwan yeroo ijoollummaa nama tokkoo irratti hundaa'an, gara bara ijoollummaa isaa isa yaadachiisuutti jijjiira. Akkasumas suuraawwan yeroo ayyaanaa irratti xiyyeeffatan bal'inaan yaadachiisuuf hojjeta.
Akka ogeettii naamusaa AI, Katarina Dooriyaa, jedhanitti, adeemsonni akkanaa ariitiin beekamtii argatan fayyadamtoota haaraa hawwachuun cinatti, odeeffannoo dhuunfaa isaanii akka qoodan illee ni kakaasa.
"Haalli kun kan uumamu dhaabbileen jenereetiv AI waan kana irraa bu'aa waan argataniif," jechuun ibsiti.
"Namoonni suuraawwan ofii isaanii fi kan namoota biroo yeroo baay'ee akka akka qoodaniif jajjabeeffamu."
Dooriyaan haala kana yeroo baay'ee ''bu'aa fi miidhaa isaa sirriitti utuu hin yaadiin, bashannanaaf jedhanii odeeffannoo dhuunfaa kennuu" jechuun ibsiti.

Madda suuraa, Getty Images
Kariisaa Veliiz Yunivarsiitii Ooksfoord keessatti barsiistuu falaasamaa fi Naamusa AI taate, fayyadamtoonni odeeffannoo dhuunfaa isaanii sirnoota AI waliin qooduu dura of eeggannoodhaan yaaduu akka qaban himti.
"Yeroo suuraa keessan AI irra galchitan, odeeffannoo dhuunfaa keessaa isa baay'ee barbaachisaa fi beekamu kennitanii jirtu," jechuun ibsiti.
"Suuraawwan keessatti yeroo baay'ee odeeffannoowwan dabalataa kan akka bakka irraa kaafaman agarsiisan ni jira. Kana malees, odeeffannoo baayoomeetrikii ykn ashaaraa keessan illee kennuu jechuu dha."
Odeeffannoon baayoomeetrikii ykn ashaaraa kan akka haala fuula namaa adda baasu, baay'ee waan murteessoodha.
Sababni isaas, yoo harka nama biraa seene ykn dogoggoraan fayyadame salphaatti jijjiiramuu hin danda'u.
"Yoo namni tokko jecha icciitii (password) keessan cabse isa jijjiiruu ni dandeessu," jechuun Veliiz ibsiti. "Garuu fuula keessan jijjiiruu hin dandeessan."
Akka Dooriyaan jettutti, balaan waan kana keessaa dhufu yeroo tokko tokko isa miidiyaa hawaasummaa idilee akka Instagram ykn Facebook, akkasumas appii wal-baruu (dating apps) irraa maddan caaluu danda'a.
Sababni isaa fayyadamtoonni yeroo baay'ee suuraawwan qulqullina olaanaa qaban, fuulli isaanii ifatti keessatti mul'atu hedduu waan qoodaniifi.
Dooriyaan dabalataan akka jettutti, namoonni hedduun 'chatbot AI' waliin hojii isaanii, hariiroo isaanii fi fedhii dhuunfaa isaanii irratti mari'atanii odeeffannoo bal'aa qoodu.
Odeeffannoon akkanaa yeroo suuraawwan waliin walitti qabamu, eenyummaa fi amala nama tokkoo irratti galmee bal'aa fi gadi fageenya qabu ijaaruu keessatti gahee guddaa taphata.
Beeksisaaf fayyadamuu
Garuu yaaddoon jiru dhimma eegumsa iccitii dhuunfaa qofa miti. Ogeeyyiin akka jedhanitti, odeeffannoon har'a qoodamu gara fuulduraatti akkamitti akka beeksisa barbaadaniif itti fayyadamuuf deeman irratti shakkii guddaa jira.
Akka Kariisaa Veliiz jedhanitti, "Rakkoon guddaan bara dijitaalaa keessaa tokko, odeeffannoon keenya gara fuulduraatti akkamitti akka itti fayyadamamu dursee tilmaamuun baay'ee rakkisaa ta'uu isaati.
Odeeffannoon sun eessa akka ga'us hin beeknu; sababiin isaas dhaabbileen hedduun maal na dhibdeen walitti gurguratu.''
Dooriyaa fi Veliiz lamaan isaanii guddina saffisaa deepfake jechuun suuraawwan sobaa AI'n uumaman akka fakkeenyaatti kaasu.
Isaan akka jedhanitti, teknoolojiileen yeroo gabaabaa keessatti karaa namoonni hedduun hin eegneen guddachuu danda'u. Kanaafuu suuraawwan yeroo ammaa kaayyoo miidhaa hin qabneef qoodaman boru sirna AI isa caalaatti humna qabu ijaaruuf ooluu danda'u.
Dooriyaan, guddina suuraawwan AI'n uumaman kan yeroo ammaa baay'ee dhugaa fakkaatan irratti yoo dubbattu, "waggaa shan yookaan jaha dura wanti akkanaa ni dhufa jennee hin yaadne turre.
Yeroo sana immoo gammachuudhaan suuraawwan keenya interneetii irratti maxxansaa turre," jette.
Dhimmoota yaaddoo uuman keessaa kan biraan ammoo namoota odeeffannoo walitti qindeessanii waa'eekee galmee bal'aa uumuun (profiling) fi beeksisa addaaaf itti fayyadamaniiti.
Odeeffannoon dhaabbileen teknoolojii walitti qaban fedhii, amala, filannoo fi hojii guyyaa guyyaa fayyadamtootaa irratti hubannoo gadi fageenya qabu ijaaruuf ni gargaara.
Kunis dhaabbilee beeksisaa fi mootummaa biroon nama tokko tokko irratti sirriitti akka xiyyeeffatan isaan dandeessisa.
Haa ta'u malee, dhaabbileen AI gurguddoon hedduun fayyadamtoonni odeeffannoo isaanii to'achuuf filannoowwan adda addaa akka qaban ibsu.
Filannoowwan keessaa tokko, odeeffannoon isaanii moodeelota AI gara fuulduraatti fooyyessuuf akka hin fayyadamne murteessuu dandeessisuudha.
OpenAI gamasaaniitiin, amanamummaan fi eegumsi iccitii dhuunfaa bu'uura tajaajila isaanii ta'uu ibsaniiru.
Fayyadamtoonni odeeffannoo isaanii irratti to'annoo ni qabu; yoo barbaadanis odeeffannoo isaanii haqachuu ni danda'u. Kana malees, 'Temporary Chat' jedhu yoo fayyadaman, odeeffannoon isaanii hin kuufamu, hin yaadatamu, akkasumas moodeelota AI fooyyessuuf hin oolu jedhe Open AI.
'Icciitiin aangoodha'
Dooriyaan jechuun, namoonni adeemsota yeroo gabaabaa keessatti beekamtii argatan akka suuraa gara bifa bara 1980tti jijjiiruu irraa fagaatan filatti.
Haa ta'u malee, ogeeyyiin eegumsa iccitii dhuunfaa hedduun namoonni meeshaalee AI guutummaatti akka dhiisan jechuun hin gorsan.
Qooda kanaa, odeeffannoo isaan qoodan maal akka ta'e fi akkamitti akka qoodan sirriitti akka yaadan ni jajjabeessu.
Suuraa daa'immanii olkaa'uu irraa of qusadhaa. Daa'imman odeeffannoo isaanii qooduu irratti murtii beekumsaa irratti hundaa'e kennuu hin danda'an. Kanaaf, warri isaanii isaan bakka bu'anii galmee dijitaalaa yeroo dheeraaf turu uumuu dura of eeggannoodhaan yaaduu qabu.
Yoo danda'ame suuraawwan qulqullina gad aanaa qaban fayyadamaa. Suuraawwan qulqullina olaanaa qaban amaloota ashaaraa ykn baayoomeetrikii, kan akka fuula namaa gadi fageenyaan mul'isuu danda'u.
Tajaajiloota beekamoo fi amanamoo filadhaa. Waltajjileen bal'inaan beekaman yeroo baay'ee imaammata eegumsa iccitii ifaa ta'e fi sirna to'annoo gaarii qabu. Aappoonni yeroo adeemsa beekamaa kana keessatti haaraa uumaman garuu yeroo mara akkas ta'uu dhiisuu danda'u.
Qindaa'ina eegumsa iccitii (privacy settings) ilaalaa. Tajaajiloonni AI hedduun odeeffannoon fayyadamtootaa moodeelota gara fuulduraa fooyyessuuf akka hin fayyadamne murteessuuf carraa ni kennu. Filannoowwan kana yeroo hunda sakatta'aa fi akka barbaachisummaa keessaniitti sirreessaa.
Amaloota 'memory' isin hin barbaachisne dhaamsaa. Chatbot AI muraasni deebii keessan ykn waan waliin barreessitan ni kuusu. Tajaajila kana dhaamsuun odeeffannoon dhuunfaa keessan kuufamu akka hir'atu ni gargaara.
Akka ogeeyyiin jedhanitti meeshaaleen AI jireenya guyyaa guyyaa keessatti caalaatti dabalaa yeroo jiranitti, qormaanni guddaan faayidaa isaanii fi balaa isaan waliin dhufu madaalanii hubachuudha.
Akka Veliiz jettutti, "Iccitiin dhuunfaa humna dha; sababni isaas namni tokko aangoon isaaniin akka hin miidhamne isa eega."


























