Qubattonni Israa'el Weest Baankitti masjiida, lafa qonnaafi konkolaataawwan guban

Jaarsa masjiida gubate agarsiisu

Madda suuraa, Issam Rimawi/Anadolu via Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Qondaaloti Filisxeem qubattoonni Israa'el Weest Baank keessatti lafa qonnaa, masjiida lamaafi konkolaataawwan guban jedhan.

Haleellaan boodanaa kuni lola qubattoota Israa'eliifi warra Filisxeem gidduu ganda Taal keessatti dhalateen booda dhagahame. Lola kanaan warra Filisxeem keessaa namooti afur yoo du'an, lammiileen Israa'el lamas du'aniiru.

Gamni lamaanuu dubbii kaasuun wal himatu.

Miseensonni mootummaa Israa'el ilaalcha rincicaa qabaniin ataakaaroon Weest Baank keessatti uumamu dabalee qubattoonni Israa'el warra Filisxeem irratti haleellaa qaqqabsiisaa jiru.

Gabaasni warra Filisxeem akka himutti kaleessa galgala Weest Baank qubattoota Israa'eliin haleelamaa bulte. Konkolaataa mancaasaa, meesha hataa, keenyan manneenii irratti jechoota jibbaa barreessaa turan.

Kantiibaan magaalaa Qusraa "qubattoonni masjiida ijaaramaa turetti ibidda qabsiisan" jedhe.

Abduul Aziim Waadii jechoota jibbaa ''haaloo baasuu'' jedhu qubattoonni kunneen barreessaa turan jedhe.

Waraanni Israa'el loltoonni gara Qusraa ergamuu himuun poolisiin waan mudate qorachuun ragaa walitti qaba jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaaloti Filisxeem taatee biraan qubattoonni Israa'el masjiida biraa ganda Koor keessa jirutti ibidda qabsiisuun keenyan irratti dhaadannoo barreessa turan.

Jimaata darbe ganda Taal keessatti haleellaa namoota galaafateen booda warri Filisxeem Weest Baank keessatti irra deddeebiin haleelamuu himaniiru.

Humni Waraanaa Israa'el oppireeshinii farra shororkeessummaa jedhuun sambbattanirra namoota 130 to'annoo jala oolchuu himeera.

Ministarri Mummees Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu taatee Taalitti mudateef ''tarkaanfii jabaa'' fedhachuuf dhaadateera.

Kunis mana warra Filisxeem gochaa shororkeessummaa keessatti hirmaatan jedhan mancaasuu dabalachuu danda'a.

Sambattanirra Weest Baank keessatti waraanni Israa'el baayyee qubateera.

Ji'oota muraasaan as haleellaan qubattoonni Weest Baank keessatti raawwatan dabaleera.

Tarkaanfiin kuni hawaasa idiladdunyaarraa balaaleffannaan guddaa isa mudatus waan duubatti deebi'u hin fakkaatu.

Haalli Weest Baank keessa jiru Onkololeessa 7,2023 waraanni jalqabuun durayyuu hammaataa ture.

Akka UN jedhutti Filisxeemonni 1,114 Weest Baank keessatti ajjeefamaniiru baayyeen isaanii ammoo waraana IDF'n ajjeefaman. Kanneen 35 tahan ammoo qubattoota Isaraa'eliin ajjeefaman.

Israa'el Weest Baankii fi Baha Yeruusaaleem weeraruun booda mana jireenyaa warri 700,000 keessa jiraatan ijaarteetti. Qubannaan Israa'el taasiftu adeemsa seera idil addunyaa kan cabsu dha.