'Amma naa ta'e': Taanzaaniyaatti namoota yaala fayyaatiin qunxurroo bakka buufatan

Madda suuraa, BMKH
Dhiirota tokko tokkoof qunxurroon dhangooguu diduun dhimma saalqunnamtii qofa miti. Ofitti amanamummaa, hariiroo jaalalaa fi jireenya gaa'elaa isaaniirratti dhiibbaa waan qabu dha.
"Amma naa ta'eera, kan duraarra fooyyee dha. Lammata na jalaa bada jedhee tasa hin yaadu."
Kun jecha Tiitiin dubbate dha, Tiitiin dhiirota jalqabaa Taanzaaniyaa hospitaala mootummaatti yaalli qunxurroo bakka buusuu godhameef keessayi.
Waggaa sadi dura Tiiitii fi Diidiin (maqaan isaanii kan jijjiirame) rakkoo dhangooguu qaama saalaa isaan mudateef Dodomaatti kan argamu hospitaala Benjaamin Mkaappaa deeman.
Isaanii yaala baqaqsanii godhachuun salphaa hin turreef. Waldhaansa biraa fala ta'a jedhamu yaalameef booda yaalli kun godhameef. Rakkoo kana dhiironni biyyattii himachuuf ni saalfatu.
"Inni qoricha hin danfifamne biraa tasuma hin barbaadu ture, waldhaansa baqaqsanii yaaluu hedduutu godhameef. Garuu homaa hin buufne" jetti haati warraa isaa.
Tiitiin sababa balaa tasaatiif rakkoo dhangooguu qunxurrootif saaxilame, biyya alaa dabalatee waldhaansa hundaa yaaleera. Garuu rakkoon koo hin furamne jedha.
Amma garuu waldhaansi baqaqsanii yaaluu godhameefii waggaa sadi booda muuxannoo isaa qooduu barbaade. Sababa dhimma kana namni himachuuf saalfatuuf eenyummaa isaanii dhoksuu filanne.
'Meeshaan koo guutumatti ciisee ture'

Madda suuraa, Titi and Didi
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Tiitiidhaaf dhangooguu diduun qaama saalaa, waayee qunnamtii saalaa qofa miti. Miira nan qaba, qaamni koo garuu tasuma naaf hin dhaabbatu jedha.
"Miira nan qaba, miira qabaadhus garuu meeshaan koo guutuumatti ciisa."
Yaala godhameef booda garuu waa hundatu jijjiirame. Qunnamtii saalaa nan godha. Ofitti amanamummaas horadheera jedha.
Tiitiin dhiirota jalqabaa Hospitaala Benjaamin Mikaappaatti waldhaansi baqaqsanii yaaluu godhameef keessayi.
Diidiin illee garee kana keessayi. Yoo waldhaansi kun godhamuuf hospitaala mootummaaf haaraa akka ture hima.
"Adeemsa haaraadha gaafuma nuti eegallullee. Kan jalqabaati. Hakiimota Hospitaala Mikaappaa amananiiti kan waldhaansa kana godhatan. Meeshaalee murteessoo dha jedhaman, dhimma baha, garaagarummaan tures guddaa dha" jedha.
Diidiin namootni kaanis yaalaman jechuun kolfaa dubbata.
"Isinillee isinan gorsa... maaliif jennaan haati warraa koo baay'ee gammaddeerti."
Haati warraasaa garuu jalqaba sodaa keessa akka turte. Sababa duraan yaalii hedduu godhee milkaawuu dideef jechuu dha.
Yaalli qunxurroo bakka buusuu akkamiin milkaaye?

Madda suuraa, Dr. Remigius Rugakingira
Waayeen quunxurroo bakka buusuu yoo himamu namni gariin qunxurroon citee bu'ee bakka bu'uu ykn kan nama biraatiin bakka buusuu jedhee yaaduu danda'a.
Garuu akkas miti. Dr. Remigius Rugakingira, ispeeshaalistii afuuffee fincaanii Hospitaala Benjaamin Mikaappaati. Qunxurrooma jiru keessa meeshaa yaalaa addaa galchuudha (implants) jedha.
"Baqaqsanii yaaluu booda wantoota medikaalaa lama (implants) qunxurroo keessa galchina, iddoo qaba, dhukkubsataan bara isaa guutuu isa waliin jiraata jechuu dha," jedhu Dr. Rugakingira
Akkataa gosa implaantichaa irratti hundaa'uun, meeshaaleen kun yommuu dhiirri tokko qunnamtii saalaa raawwachuu barbaadutti qaamni saalaa akka dhangoogu gargaaru. Gosootni garii sistama pampii fayyadamanii dhiibuun kan ka'an yoo ta'u, gosootni kaan ammoo ujummoo yoomiyyuu jabaatanii turan garuu kan dacha'uu danda'an qabu.
Waldhaansi kun baay'ee dhiirota rakkoon isaanii cimaa ta'ee fi yaaliiwwan biroo kan akka qorichaa ykn mala biroo kan qaamni saalaa akka dhangoogu argaaran isaan hin fayyadin ykn isaaniif hin taane irratti raawwatama.
Implaantotni kaayamanii dhiyaatan kunneen miidhaa kan hin qabne, dhukkubbii kan hin uumne, akkasumas namichi wayita fedhe qunnamtii saalaa keessa akka turuu fi jaalallee isaa waliin akka walii galu dandeessisani," jedhu Dr. Rugakingira.
Yaala fayyaa booda, namni yaalame sun gara hojiiwwan idilee isaatti deebi'uuf yeroo bayyanannaa ni barbaada. Hakiimonni Hospitaala Benjaamiin Mkaapaa akka jedhanitti, tajaajilamtoonni erga yaalli godhameefii booda gara torban jahatti qunnamtii saalaa raawwachuu jalqabuu ni danda'u.

Madda suuraa, Benjamin Mkapa Hospital, Dodoma
Rakkoon dhangooguu dhabuu rakkoo jabaa dha
Rakkoon dhangooguu dadhabuu waan himamu caalaa baay'ee bal'aadha.
Tilmaama jiruun addunyaarratti, rakkoon kun dhiirota ga'eessota ta'an dhibbeentaa guddaa irratti miidhaa fiduu danda'a; carraan rakkoo kanaan qabamuu ammoo umriin dabalaa yeroo deemu dabalaa deema.
Rakkoon kun dhibeewwan fayyaa adda addaa, kan akka dhibee sukkaaraa, dhibee onnee, fi dhiibbaa dhiigaa ol'aanaa waliin walqabachuu danda'a.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kanaan dura bal'ina rakkoo kanaa addunyaa irratti ibsee kan ture yoo ta'u, tilmaamni addunyaa akka agarsiisutti dhiirota keessaa 20% hanga 50% rakkoon kana ni mudata.
Ta'us, hammi isaa kun umrii dhiirotaa fi akkaataa rakkoon kun itti shallagamu irratti hundaa'ee garaagarummaa qaba. Dhiironni ganna 40 fi isaa ol ta'an immoo baay'ee kan saaxilamoo dha. Rakkoo kanan himachuuf sodaa fi saalfachuun immoo waan barame.
Yaalli baqaqsanii yaaluu immoo gaarii fi filannoo isa dhumaati. Namoota rakkoo dhangooguu qaban hundaaf immoo yaalli baqaqsanii hin godhamu.
Tajaajilli kun dhiirotni baay'een argachuu danda'uu?
Hospitaala Benjaamin Mikaappaatti waggota sadi keessatti dhiironni 14 tajaajila argataniiru.
Gatiin isaa garuu baay'ee qaalii dha. Yaalii waldhaansi tokko dolaara 2, 300 hanga 3,800 ta'a. Hakiimonni fi aangawoonni fayyaa biyyattiis akkaataa tajaajila kana gatii wayyoo qabuun kennuun danda'amurratti fuulleffachaa jiru.
Waayee baasii isaarratti Dr. Rugakingira yaada kennaniin; "Altokko altokko namni rakkoo dhangooguu qabu rakkoolee biroo kan akka dhiphina sammuu, dhibee sukkaaraa, fi dhiibbaa dhiigaa ol'aanaa horachuu danda'a; namni akkasii waan hunda kanaan qorama, rakkooleen kunis ni yaalamu. Yoo isaan yaaluu baatte, guutuu yaalaa fi qorannoo keenya irratti dhiibbaa fiduu danda'a."
Diidii fi Tiitiin erga yaaddoo fi sodaa obbaafatanii amma waggaa sadi guutan. Har'a waayee garaagarummaa arganii dubbatu.
Hospitaala Mikaappaafi Taanzaaniyaafis milkaa'inni yaala kanarratti argatan fayyaa namootaa bakkatti deebisuu qofa miti, jijjiirama damee fayyaa ti.
"Dhaadannoon fayyummaa abbaa, abbaan warraa fi haati warraa isaa akka waliin gammadan," kan jedha.
Hakiimonnii fi ogeeyyiin fayyaa kun muuxannoo guddaa dha jedhu.














![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)


