KALLATTIIN, Tiraamp dhootuuwwan hundi Ulaa Hormuuz keessaa qulqulleeffamaniiru jedhe

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Humnoonni Galaanaa US dhootuuwwan Iraan Ulaa Hormuuz keessa awwaalte hunda qulqulleessuu ibse.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kanaadaan omishaalee US irra taarifa %50 kaa'un Tiraamp haaloo baate

    Suura warshaa

    Madda suuraa, Reuters

    Kanaadaan meeshaaleefi omishaalee US irra gara daangaashee seenan irra taarifa %50 kaa'uu beeksiste.

    Biyyaattiin taarifa haaraa US kan keesse, torban darbe Tiraamp taarifa %50 omishaalee Kanaadaa irraa gabaa US seenan irra kaa'uu hordofeeti.

    Taarifa bulchiinsi Tiraamp omishaalee Kanaadarra kaa'e hordofee Ministiirri Muummee Maark Kaarnee fiTiraamp mariyatanis waliigalteerra hin gahin hafan.

    Maark Kaarnee "US waraana diinagdee nurratti bante" jechuun biyyisaaniis deebii akka kennitu ibsanii turan.

    Kanaadaan taarifa haaraa kana doolaaran kan US irra keesse yoo ta'u, omishaaleefi meeshaalee daldalaa US gabaa Kanaadaa seenan irra taarifa kan UStiin wal-gutu %50 kaa'uun Tiraampiif deebii kenniteetti.

    Taarifni Kanaadaan keesse kun omishaalee US gabaa Kanaadaaf dhiyaatan gatii dolaara biliyeena 20 baasu yoo ta'u, omishaalee akka qurxummii, huccuu, fi sibiila fa'aadha taarifa Kanaadaa kanaaf kan saaxilaman.

    Biyyoonni lamaanuu muddama taarifa diinagdee keessa kan galan, mariin dhimma taarifa Tiraamp kaa'e irratti torbee darbe taasifame waliigaltee malee xumuramuu hordofeeti.

    Biyyoonni lamaanuu marichi milkaa'uu dhabuusaaf quba walitti qaban.

    Kanaadaan biizinasiiwwan taarifa UStiin miidhamaniif dolaara Kanaadaa bililiyeena 7.5 bifa deggarsaan qopheessus beeksiste.

  2. Tiraamp dhootuuwwan hedduun Ulaa Hormuuz keessaa qulqulleeffamuu ibse

    Doonii Ulaa Hormuuz irra jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Humni Galaanaa Ameerikaa meeshaalee waraanaa balaafamoo Ulaa Hormuuz keessaa qulqulleessuu ibse.

    Iraan erga waraanni Baha Giddugaleessaa eegalee ulaa addunyaaf akkaan murteessaa ta'e kana cuftee jirti.

    ''Dooniin ykn bidiruun dhootuu ulaa kana keessa awwaaluuf yaalu yoo jiraate hatattamaan barbadeeffama,'' jechuun miidiyaa hawaasummaasaarratti ibse Tiraamp.

    Iraan dhimma kanarratti hanga yoonaa yaada hin kennine.

    Tiraamp yeroo inni Ulaan Hormuuz to'annaasaa jala jiraachuu hin ibsine hin jiru, garuu Iraan ammoo dooniiwwan eeyyama ishee malee ulaa kana keessa darban irratti haleellaa raawwataa turte.

    Iraan ulaa boba'aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 dabarsu kana cufuun alatti biyyoota Arabaa michuuwwan US akkasumas wiirtuuwwan waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdurrattis haleellaa raawwataa jirti.

    Waliigalteen wal hubannoo waraana kana dhaaba jedhamee abdatamee ture osoo bu'aa hin buusin yeroonsaa obba'eera.

    Amma biyyoonni lameen [US fi Iraan] darbanii darbanii haleellaa walirratti raawwataa jiru.

    Dabalataan Ameerikaan dhiibbaa diinagdees Iraan irratti gaggeessuu eegalteetti.

    Ministirri Maallaqaa US Iskot Besent qoqqobbii diinagdee cimaa seenaa keessatti mudatee hin beekne Iraan irratti labseera.

    Iraan gamasheen qoqqobbii kamuu qolachuuf dandeettii fi karoora akka qabdu ibsiteetti.

  3. Gaggeessaan CIA Raashiyaa waliin mariyachuuf Mooskotti imale

    John Ratcliffe

    Madda suuraa, Getty Images

    Gaggeessaan CIA Raashiyaa waliin marii taasisuuf gara Mooskoo imaluu miidiyaaleen US gabaasan.

    Kaleessa, Hagayya 25 xayyaarri waraanaa Ameerikaa C-17 jedhamu Mooskoo qubachuu hordofee ijoo dubbii ta'ee ture. Sababni ammoo qondaalli tikaa olaanaan US kun gara Mooskoo akka deeman odeeffannoon dursa uummataaf ibsame hin turre.

    Qondaalonni Raashiyaas waa'ee xayyaara waraanaa US achi qubatee ilaalchisee miidiyaarraa gaaffiin yoo dhiyaatuf,"odeeffannoo hin qabnu" jechuun deebisaa turan.

    Gabaasi CBS News akka ibsetti, daayirektarri CIA kun imala icciitii gara Mooskotti taasisan,.

    Waa'ee imala kanaa ilaalchisee Kirimiliinis ta'ee Waashingtan irraa waanti mirkanaa'e hin jiru.

    Xayyaarri waraanaa fe'iisaa US kan C-17 jedhamuufi daayireektarri CIA ittiin gara Mooskoo imalan, buufata waraanaa US kan Latviyaa jiru irraa ka'uun Mooskotti akka imaleedha ragaaleen imala xayyaaraa hordofan kan agarsiisan.

    Qondaalonni olaanoon USfi Raashiyaa yeroo heddu qaaman wal-arganii mariyachuunbaratamaa miti.

    Kaayyooon daayireektarri CIA Joon Raatkiliif gara Miiskoo imalaniif maal akka ta'e ifa miti.

  4. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Ameerikaan Ulaan Hormuuz meeshaalee waraanaa balaa uuman irraa qulqullaa'eera jetti.

    Dhimma kanaa fi odeeffannoo addunyaarra jiran karaa kanaan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii duraan ture asii banachuun odeessaalee hedduu argachuu dandeessu.

    Nagaan oolaa!