Artistiin beekamaan Filisxeem Silimaan Mansuur du'aan boqote eenyudha?

Madda suuraa, Palestinian Museum
Silimaan Mansuur Filisxeemota biratti artistii akkaan beekamaadha. Fakkiiwwan kaasuun qabsoo Filisxeemotaa keessatti heddu jaalatama. Waa'ee aadaa, diddaa, eenyummaafi qabeenya Filisxeem fakkii kaasuun beekama.
Artistiin kun ganna 79tti Hagayya 24 addunyaa kanarraa du'aan kan boqote yoo ta'u, Weest Baank magaalaa Ramaalatti sirni awwaalcha isaa gaggeeffame.
Keessumaa haala teessuma Filisxeem: gaarren, laggeenifi, mukkeen ejersaa waan Filisixeemonni ittiin beekaman kaasuun beekama.
Suurawwan fincila, diddaafi qabsoo Filisxeemotaa kaasunis qabsoo Filisxeem keessatti heddu nama yaadatamuudha.
Keessumaa fakkii bara 1973 kaase, Camel of Hardship jedhuun heddu beekama. Hiikaan isaas obsa, diddaafi kaayyoof cichoomuu [Filisxeemotaa] kan agarsiisudha.
Fakkiin beekamaan beekamaan inni bara 1973 kaase namni umuriin dulloomaa tokko magaalaa Yerusaalemifi Masjiida al-Aqsaa dugdatti baatee mul'ata.
"Silimaan Mansuur artistii beekamaa Filisxeem qabdu, biyya keessattis ta'ee idiladdunyaatti beekamaadha," jetti hiriyaansaa artistii taate Veeraa Tamaarii.
Artist SilimaanMansuur "Filisxeem bareedinashee waliin addunyaatti beeksise," kan jettu Veeraan fakkiiwwan eenyummaa, diddaafi qabsoo Filisxeemotaa agarsiisan heddu kaasuu ibsite.
"Nuti [Filisxeemonni] bu'uurri keenya as ta'uu namoonni akka baran barbaada ture."

Madda suuraa, Alamy
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Silimaan Mansuur magaalaa Ramaalatti dhiyoo mandara Birzeyit jedhamtu keessatti bara 1947, osoo Israa'el biyya hin ta'in waggaa tokko dura, dhalate.
Inni dhalatee waggaa tokko booda bara 1947tti yeroo Israa'el hundooftu, waraana Israa'elifi Araboota gidduutti ka'een Filisxeemonni 700,000 ol ta'an qe'eesaanirraa buqqa'anii turan. Kuni seenaa Filisxeemotaa keessatti 'Naqba' jedhamuun beekama.
Umurii dargaggummaatti magaalaa Yerusaalemitti ogummaa fakkii kaasuu kan barate yoo ta'u, boodarra ogummaasaa guddisuun fakkiiwwan garaa garaa kaasuun beekamtii guddaa horataa deeme.
Filisxeemonni ogummaa kanaan eenyummaa, aadaafi qabsoo isaanii akka ibsaniif namoota kaanis ogummaa fakkii kaasuu barsiisuun dhaabbata League of Palestinian Artists akkasumas the International Academy of Art jedhaman hundeesse.
Fakkiiwwan Silimaan Mansuur kaase gabaa addunyaaf dhiyaachuun muuziyeemiiwwan idiladdunyaa heddu keessatti kanneen akka: Abu Daabitti kan argamu Muuziyeemii Guggenheim, Dohaatti kan argamu Muuziyeemii Arabaa Aartii Ammayyaa, akkasumas Muuziyeemii Biriitish kan magaalaa Landanitti argamu keessatti hambaalee ta'uun agarsiisaaf dhiyaataa jira.

Madda suuraa, Alamy
Keessumaa yeroo Warraaqsa Arabaa Jalaqabaa (First Intifada) artistoota biroo walitti fiduun Niwu Viizhiin hundeesse. Kunis mala Filsixeemonni aartiifi bobboca fayyadamuun Israa'el dura dhaabbataniifi diddaa agarsiisaniidha.
Suphee, qalamaafi meeshaalee garaa garaa fayyadamuun fakkiifi bobboca garaa garaa hojjachuun qabsoo Filisxeemotaa aartidhaan agarsiisaa ture.
Nama tasgabbaa'aa, dubbiif kan hin jarjarre, yaada ulfaataa ta'e salphisee aartidhaan mul'isuu danda'u akka ta'e himu hiriyoonni isaa.



















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)