Mormii Faransaay guutuu keessatti itti fufeen namoonni 1,000 to'ataman
Mormii Faransaay guutuu keessatti itti fufee Sambata waaree booda walitti bu'insallee dhale hordofee namoonni 1,000tti siqan to'atamuu aanga'oonni himan.
Mormii naga qabeessa namoonni kuma dhibbaan irratti hirmaataa oolaniin bood, magaalaa guddoo biyyattii Paaris dabalatee poolisiin namoota bakka gara garaatti hiriira bahan irratti aara imimmaanessuu fi bishaan itti biifeera. Kun ammoo magaalaa Maarseel keessatti dallaa/goommoo ofirraa ittisuuf tolfame cabsuu dabalatee suuqii Boordoo keessa jiru boordii isaa tatarsaasaniiru.
Haata'u malee, hokkaraa fi saamicha sadarkaa torban darbe uumameetti akka hun mudanne to'achuun danda'amuu aanga'oonni himaniiru. Taateen torban darbe keessa mormii dhalate hordofee mul'ate seera-dhabdummaa seenaa Faransaay yeroo dhiyoo keessatti mul'atee hin beeknedha jedhameera.
Ministeerri dhimma biyya keessaa gaafa Sambataa namoonni 410,000 mormiif ba'aniiru yoo jedhu, yuuniyeeniin hojjetootaa garuu lakkoofsi namoota mormii bahanii kun 800,000 ni ta'a jedha.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Namoota qaala'insa jireenyaa fi haala badaa manneen barnootaa keessa jiru mormuuf bahan kana ittisuuf poolisoonni 70,000 magaalota baayyee keessatti bobbaafamanii, sochiinis kaa'ameera.
Kana kan godhameefis, mormii kana keessa akkuma torban darbee saamichi manneen daldalaa irratti akka hin raawwatamnee fi gomoowwan gara agaraa hin gubanneef ittisuuf jedhameeti.
Pirezidant Emaanu'eel Maakroon jalqaba torban kanaarra mormitoota karaa yuuniyeenii hojjetootaa beekamaan gurmaa'an qofatu mormii ba'uuf hayyamamaaf jedhee ture.
Namoonni dhibbaan lakkaa'aman qabeenya mancaasuu fi saamichaan wal qabatee kan hidhaman yoo ta'u, guyyoota dhiyoo kana keessa manni murtii dhimma isaanii saffisaan ilaalaa jira jedhameera.

Madda suuraa, EPA
Sambata darbe magaalaa Paaris keessatti yeroo namoonni hiriira bahan magaalattii Porte d'Italie irraa gara Porte de Vincennes'tti deemaa turanitti mormitootaa fi poolisoota kora bittinneessaa gidduutti walitti bu'iinis dhalateera.
Mormitoonni tokko tokko yeroo dunkaana dhaabbataniifi dallaa tolfatan kan mul'atan yoo ta'u, poolisoonni ammoo bittinneessuudhaaf yaalaniiru.
Akka AFPn gabaasetti taanaan, Ministirri dhimma biyya keessaa Faransaay Laawurant Nuunez, "finciltoota 500 ta'an dabalatee aktivistoonni finxaaleyyii ta'an hiriira kana duubaan walitti qabamaniiru," jedhan.

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kutaa kibba Maasel keessatti, kachoon kosii, akkasumas sibiiilonni daandii ittiin cufachuuf gargaaran abiddi itti qabsiifamu mul'ateera. Konkolaataawwan seera kabachiisuuf bahan yeroo dallaa boba'aa jiru keessa fiiganis mul'ateera magaalaa Faransaay keessatti guddnan lamaffaa taate kana keessatti.
Kun osoo kanaan jiruu, mormitoonni uffata gur'aacha uffata, akkasumas fuula isaanii haguuggatan tokko tokko yeroo gamoorraa boordii fuudhanii ittiin karaa cufanii kibbba magaalaa Boordoo kana keessatti mul'ataniiru.
Liyon keessatti ammoo poolisiin hiriirtota bittinneessuuf gaazii imimmaanessu dhukaasuun namoota walitti qabaman diigeera.
"Harki caalaan barattoota sadarkaa lamaffaa fi yunivarsiitii kan taane naannoo namoota 150 taanee turre. Battalumatti gaaziin nama imimaanessu nutti dhukaafame. Isaan booda waan daandii sanarra jiru hin argitu jechuun ni danda'ama," jedha namoota magaalaa guddinaa Faransaay keessatti sadarkaa sadaffaarra jirtu kana keessatti hiriira bahan keessaa tokko.
Nuunez Sambata gara waaree boodaa namoonni 1,000'tti siqan to'atamuu himuun, lakkoofsi kun dabaluu akka danda'ullee dubbataniiru.

Madda suuraa, Reuters
Dubartiin magaa ishee Zelii ofiin jette hiriira nagaa baate tokko BBCtti akka dubbattetti, erga Maakroon aangoo qabatee namoonni 'waan abdii kutataniif" akkasumas "waan rakkaachaa jiraniif" daandiitti ba'uun mormuuf dirqamaniiru.
"Akka calllisnu nu godhaniiru. Maallaqa keenya ni fudhatu, gibira baayyee nu kaffalchiisu, waa jechuu ammoo hin dandeenyu.
Har'a nuti daandiitti baanneerra sababiin isaas baayyee nutti dheerateera, baayyees nutti hammaateera," jetti dubartiin umuriin ishee waggaa 26 ta'e kun.
Mormitoonni ol adeemoo ta'an haguuggartan lamaa fi maqaa isaanii himuu hin barbaadnes, dhaloonni isaanii abdii akka kuatatanii fi mootummaatiin kan dagataman ta'uu dubbatu.
"Saamichi gaarii miti jedheen yaada," jedha mormitoota kanneen keessaa tokko. "Kun kan ta'a jiruuf garuu sababa iyyummaa fi hokkara poolisiin uumeefidha."
Itti dabaluu, mormitoonni kuuneen "waan barbaadnuuf deebii yoo arganne" ni dhaabu. Nuti Faransaay keessatti jijjiirama siirri barbaadna."
























