Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa tarkaanfii godaantota seeraan alaa irratti fudhatamu himan
Pireezidnatiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa haasaa uummataaf taasisaniin godaansa seeraan alaa irratti tarkaanfii akka fudhatan beeksisaniiru.
Haasaan isaanii kunis hiriira mormii farra godaantotaafi hojii dhabdummaa olaanaa irratti godhameen booda dhagahame.
Tarkaanfii fudhatama jedhame keessaa hojjechiiftooti hojjetaa sanada hin qabne qacaran akka hidhaman, dhaddacha saffisaa godaantota seeraan alaa biyyaa baasuu akkasumas odeeffannoo baayomeetrikiin galmaa'uun eenyummaa 'hatanii' fayyadamuurraa oolcha jedhan.
Tahus lammiileen Afrikaa Kibbaa seera harka ofiin akka hin raawwchiisfne akeekkachiisan.
Torban muraasa darban biyyooti Afrikaa sababa hokkora jabaateen lammiilee isaanii Afrikaa Kibbaatii baasaa jiru.
Hiriirtonni farra godaantotaa godaantonni sanada hin qabne biyyaa akka bahan gaafachuun hamma Waxabajjii 30 daangaa guyyaa kaa'aniiru.
Sambbattan darbe qofa godaantonni Afrikaa dhibbaan lakkaa'aman manaa manatti doorsisni irra geenyaan mana isaanii Ovaarbarg jiru dhiisanii bahaa turan. Kana malees lammiileen Mozaambiik iddoo Moozeel Beey jedhamutti ajjeefamaniiru.
Namoonni baayyeen galma uummataa keessatti baqatan. Gariin namaa gara biyyaatti deebi'uuf dirqame.
Sambbattan kana ammoo gareen namootaa 140 tahan gara Maalaawwiifi Mozaambiik deebi'uuf konkolaataa qabatan.
Magaalaa Darban keessatti lammiileen biyya alaa waajira dhimma biyya keessaa fuuldura torbanootaaf taa'uun lubbuu isaaniif akka sodaatan himan.
Raamaafoosaan godaansi seeraan alaa tajaajila uummataa Afrikaa Kibbaa irratti dhiibbaa ''hin malle'' kaa'eera jechuun dhimma furamuu qabu akka tahes ibsaniiru.
Kanaafis qabxiilee furmaataa shan kaa'aniiru.
Seeronni kunneen: Warreen seera godaantotaa cabsan irratti tarkaanfii fudhachuu, eegumsa daangaa jabeessuu, malaammaltummaa sirna godaansaa keessa jiru baasuu, seera godaansaa irratti qaawwa jiru cufuu, rakkoo kana furuuf biyyoota Afrikaa kaan waliin hojjechuu, jedhu.
Tahus harka ofiin tarkaanfii fudhachuu irratti akeekkachiisan: ''Yeroo seerri cabu kan tarkaanfii fudhachuu danda'u qaama mootummaa eeyyama qabu qofa dha, kuni seera godaansaa dabalata,'' jedhan.
''Namni biraa kamiyyuu eeyyama hin qabu, fakkeenyaaf karaa irratti nama qabanii lammummaa akka agarsiisu gaafachuu dabalata,'' jedhan.
Xiinxaltoonni gariin akka jedhanitti faarri farra godaantota tahe filannoo biyyaalessaa Sadaasa dhufuuf karoorfame waliin hidhata qabaachuu mala jedhu.
Pireezidantichi qondaaloti gareeleen komii qaban hokkara uumuun biyya ''tasgabbii'' akka dhorkan eeyyamuu hin qaban jedhan.
''Humnoota komii uummati keenyi waa'ee godaantota seeraan alaa fayyadamuun siyaasa, hajaa ofiifi ajandaa yakkaa oofan irratti tarkaanfii fudhanna,'' jedhan. Miidiyaa hawaasaa irratti oduu sobaa waa'ee lammiilee biyya alaa odeeffamu irrattis akeekkachiisaniiru.
Dabaluunis lammiilee Afrikaa Kibbaatti ''jibba namaa haaraa,sanyummaa, saalaan looguufi lammiilee Afrikaa jibbuun iddoon hin qabnu,'' jedhan.
''Biyyi keenya- akkuma biyyoota biroo seenaa keessa jiranii-bu'aa godaantotaati. Kunis sababa danoomaafi aadaa dadammaqaa keenyaati,'' jedhan.
Afrikaa Kibbaa keessa namoota biyyaa alaa miiliyoona sadii tahantu jira. Kunis %5 uummata waliigalaati jedha ragaan ifaa mootummaa garuu kanneen sanada hin qabne baayyeen akka jiran amanama.
Pireezidantichi haasaa daqiiqaa 30f taasiseen, pireezidantichi rakkoon kuni jabaa akka tahe ibsuuf ''karaan godaantonni seeraan alaa irra deeamn karaa yakki qindaa'e itti raawwatamusi dha,'' jedhu.
''Bara darbe qofa Qondaaloti Daangaa Eegan namoota 450,000 ol seeraan al Afrikaa Kibbaa seenuuf yaalan dhaabsisaniiru jedhu.
Raamaafoosaan hojjechiftoonni haqaan hin hojjenne godaantota sanada hin qabne kaffaltii gad-aanaa isaaniif kaffaluurraan dabalataan yeroo qabamanillee kaffalanii isaan hin baasan jedhan.
Daldaloota akkasii dhaabsisuudhaaf gareen hordoffii 10,000 kan bobbaafaman yoo tahu warri kanaan balleessaa tahanii argaman adabbiin akka isaan eeggatu himaniiru.
Godaansi seeraan alaa malaammaltummaan yeroo itti dabalamu akka hammaatu qondaaloti sanada akka gurguran fa'a himaniiru.
Waraqaan green ID books jedhamu godaantonni seeraan alaa eenyummaa namaa hatanii akka fayyadaman waan taasiseef sichi ID'n dijitaalaa nama hundaaf akka qophaa'u himaniiru.
Buufataaleen baqattoonni itti simataman wiirtuu irraa agra daangaa biyyaatti akka siqu taasifamuun akka hin oolle himan.
Raamaafoosaan waa'ee suuqiin godaantotaa magaala keessatti Spaza shops jedhamuun beekaman irratti haleellaan jibba namoota haaraa irratti raawwachuu eeraniiru.
Raamaafoosaan suuqiiwwaan xixiqqoo hundi haala idilee taheen akka galmaa'an taasifama jedhan.
''Seektara diinagdee kam keessattiyyuu lammiilee biyya alaa qacaruuf kootaan ni kennama,'' jedhan.
Afrikaan Kibbaa biyya hojii dhabdummaa akka addunyaatti olaanaa tahe qabdi. Hojii dhabdummaa %33 tahe kuni dargaggoota irra miidha.
Raamaafoosaan biyyoota Afrikaa birootti bakka buutota erguun tarkaanfii haaraa nagaafi guddina diinagdee irratti akkatt hojjetamu akka qajeelchan himaniiru.
Dhumarrattis jijjiiramni fidnu biyya ''nagaa, seeraan bultu, namaa hiltufi badhaate,'' akka ijaaruuf abdatan himan.
''Afrikaan Kibbaa danqaalee kana caalan baayyee irra aanteetti. Wal qooduu irraa aanneerra. Lola irra aanneerra. Haqa dhabuu irraa aanneerra. Kanas bira ni tarra,'' jedhan pireezidantichi.