Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan buufataalee humna qilleensaa Israa'el lama haleelte, Israa'el deebii kennite

Iraan erga Israa'el handaara magaalaa Beeruut keessatti haleellaa raawwattee booda haaloo ba'uuf Israa'el haleelte. Israa'el ammoo haleellaa Iraan haaloo ba'uuf kutaalee lixaa fi giddugala Iraan haleelte. Pirezidant Tiraamp Israa'el haleellaa Iraan erga Ebala darbeetii yeroo jalqabaaf raawwatte kanaaf akka deebii hin kennine akeekkachiisee ture.

Guduunfaa

  • Israa'elii fi Iraan erga Ebla darbeetii yeroo jalqabaaf haleellaa walirratti raawwatan
  • Iraan haleellaa Israa'el kibba Beeruut keessatti raawwatte haaloo ba'uuf Israa'elirratti haleellaa raawwachuu ibsite
  • Iraan akka haleellaa haaloo ba'uu hin raawwanne akeekkachiisaa kan turte Israa'el, erga Iraan haleellaa raawwattee booda lixaa fi giddugala Iraan haleeluu himte
  • Pirezidant Doonaald Tiraamp erga Iraan haleellaa raawwattee booda Israa'el akka haaloo hin baane MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu akeekkachiisee ture
  • Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) misaa'eloota hedduu kaaba Israa'elitti dhukaasuu ibse, haleellaan kun torbaniif tura jedhe
  • Misaa'eloonni Iraan gara Israa'el dhukaaste hedduun qilleensarratti qolataman
  • Israa'el kibba Beeruut keessatti Hizboollaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa itti fufteetti, kun dhukaasa dhaabuu Ameerikaan labsite faallessa
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, WhatsApp, YouTube, Facebook fi TikTok keenya argachuu dandeessu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan buufataalee humna qilleensaa Israa'el lama haleelte, Israa'el wiirtuu oomisha boba'aa Iraan haleeluu himte

    Eegdonni Warraaqsaa Iraan (IRGC) buufataalee humna qilleensaa Israa'el lama- Nevatim fi Tel Nof keessatti argamanirratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuu hime.

    Miidiyaan Iraan Islamic Republic News Agency jedhamu akka gabaasetti IRGC haleellaa Israa'el buufataalee Iraan adda addaa sadirratti raawwatte haaloo ba'uuf oppireeshinii kana raawwachuu ibseera.

    TVn Iraan duratti haleellaa Israa'el raawwatteen walqabatee sagaleen dhohiinsaa guddaan magaalota Iraan sadi Tehraan, Tabriz fi Isfahaan keessatti dhagahamuu gabaasee ture.

    Kunis erga Israa'el humni qilleensaa ishee qiyyaafannoowwan Iraan irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu ibsee booda dhagahame.

    Humni waraanaa Israa'el wiirtuun oomisha boba'aa Iraan kiba-baha biyyattii, Mahshahr keessatti argamu xiyyeeffannaasaa akka ture ibseera.

    Miidyaan mootummaa Iraan haleellaan kun raawwatamuu fi miidhaan qaqqabuu gabaaseera.

    Miidhaan kan qaqqabe gamoorratti yoo ta'u lubbuun namaa darbuu fi dhiisuun wayita adda ba'u ibsama jedha gabaasi miidiyaa Iraan.

  2. Yaaddoon Tiraamp Israa'el marii US fi Iraan gufachiisuu dandeessi kan jedhuudha

    Israa'el osoo Tiraamp akka Beenjaamiin Neetaaniyaahuu tarkaanfii hin fudhanne itti himuu haleellaa raawwatte.

    Tiraamp duraanuu Israa'el Beeruut haleeluu isheetti mufii akka qabu ibsaa ture.

    Neetaaniyaahuun akeekkachiisa isaa tuffachuun akka tarkaanfii kana fudhatetti hubata Tiraamp.

    Yaadoon Tiraamp tarkaanfiin Israa'el kun marii nagaa US fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru gufachiisuu danda'a kan jedhuudha.

    Miidiyaan US Axios jedhamu aanga'aa US wabeeffachuun akka gabaasetti Tiraamp ''waan gaariitti deemaa jirra, waliigaltee bu'a qabeessatti dhihaachaa jirra'' waan ta'eef ''harka kee sassaabbadhu'' akeekkachiisa jedhu Neetaaniyaahuuf dabarsee ture.

    Torbee darbe keessa Tiraamp fi Neetaaniyaahuun bilbilaan wayita walitti dubbatan baayyee walitti mufatanii turan.

    Tiraamp jechoota arrabsoo fi dubbii jajjabaa of keessaa qaban Neetaaniyaahuutti dubbachuu ilaalchisee odeeffannoo tamsa'aa ture hin haalle.

    Kan daran isa mufachiise ammoo Israa'el haleellaa Libaanos keessatti cimsuu isheeti.

    Sana dura Tiraamp Financial Times waliin turtii taasiseen Neetaaniyaahuun waliigaltee US Iraan faana taasistu kamuu fudhachuu qaba ''sababni isaa furmaata biraa hin qabu,'' jedhee ture.

    ''Carraa jiru hunda dhiheesseeraaf, inni carraa jiru hin eerre,'' jechuun waa'ee Neetaaniyaahuu dubbate Tiraamp.

    Tiraamp mariin Iraan waliin gaggeessaa jiru waliigalteen xumuramuutti dhihaachuu dubbata. Kun dhimma inni irra deddeebi'ee dubbatudha. Garuu bu'aa qabatamaan argame hin jiru.

  3. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Iraaniifi Ameerikaan booda maaltu tahe?

    Ameerikaafi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan hojiirra oolchan gaafa Ebla 8 ture. Israa’el waliigalticha deeggartus Libaanos hin dabalatu jette.

    Mootummaan Warraaqsaa Iraan yoo Libaanos haleelamte otoo ‘’gaabbuu’’ deebii akka kennu hime.

    Ergasii waliigalteen dhukaasa dhaabuu laaffataa tahe kuni qoramaa bahe. Ameerikaa fi Iraan waraana kana dhaabuurratti ergaa wal make dabarsaa bahan.

    Ergasii dhimmoota mudachaa turan kunooti

    Ebla 8: Guyyaama waliigalteen dhukaasa dhaabuu jalqabe Israa’el Libaanos keessatti iddoowwan qiyyaafannoo 100 daqiiqaa 10 keessatti haleeluu himte. Kanaanis namoonni 300 lubbuu dhaban. Qondaaloti biyyattii guyyaa balaafamaa waggoota kurna keessatti mul’ate jedhan. Ministarri Iraan ‘’sarbama waliigaltee dhukaasa dhaabuu guddaa,’’ jedhe.

    Ebla 13: Marii Paakistaanitti taasifameen Iraaniifi Ameerikaan walligaluu didnaan US buufataalee doonii Iraan ugguruu jalqabde.

    Ebla 16: Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Libaanoosiifi Israa’el Tiraamp labsan guyyaa kudhaniif akka ture barame.

    Ebla 17: Ulaan Hormuuz-daandii ijoo boba’aan itti geejibamu, yeroo waraanaa Iraaniin uggurame ture dooniiwwan daldalaaf banaa tahe.

    Kuni hamma Ebla 18 qofa kan ture yoo tahu Teeharaan sababa humni galaanaa US uggura kaa’aa jiruuf ulaa kana akka hin banne himte.

    Ebla 23:Mariin marsaa lammataa Israa’eliifi Libaanos Waashingitanitti qabame. Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’eliifi Libaanos baatii sadiin dheerate jedhe.

    Ebla 24: Ergamaan addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof fi Jaareed Kuushnar mariidhaaf gara Iraan deemuuf turan garuu Tiraamp imala kana haqe. Ameerikaan ‘’kaardii hunda of harkaa qabdi’’ jedhe.

    Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii ‘’Ameerikaan dippiloomaasii akka waan maayibaasutti ilaalaa hin jirtu,’’ jedhan.

    Caamsaa 3: Tiraamp waan Project Freedom jedhamu labsan. Kunis dooniiwwan Ulaa Hormuuz cufameen danqaman kan qajeelchu dha. Gaafa Caamsaa 5 deebisee pirojektichi yeroo dhaabbateera jechuun kunis US fi Iraan akka waliigalan argauufi jedhe.

    Caamsaa 12: Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ameerikaafi Iraan sadarkaa ‘’lubbuu baraaruu’’ irra jira jedhe. Af-yaa’iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Gaaliibaaf hidhattoonni Iraan ‘’weerartootaaf deebii kennuufi gatii isaanii isaan barsiisuuf qophii dha,’’ jedhan.

    Caamsaa 24: Iraan waliin dhimmi waliigaltee ‘’bal’inaan marii’atameera,’’ odeeffannoon dabalataa dhihootti baha jedhe Tiraamp. Dubbihimaan ministeera hajaa alaa Iraan dhimmoota muraasa irratti walgahuun, dhimmoota ijoo irrattti waliigalteen jira jechuu miti jechuun akeekkachiisan.

    Waxabajjii 6: Ameerikaafi Iraan Galoo-galaana irratti wal haleelana. Humnooti Ameerikaa dirooniiwwan fi naannolee raadaarii Iraan yoo haleelan, Iraan buufataalee Ameerikaatti misaayela dhukaafte.

    Waxabajjii 7: Iraan Israa’el irratti misaayela danuu dhukaafate mootummaan warraaqsaa ‘’jalqabbii haleellaa torbee guutuuti,’’ jedhe. Haleellaan Iraan erga Israa’el qiyyaafannoo Hezboollaa kibba Beeruut keessatti haleeluu ibsuun booda dhagahame.

  4. Israa'el misaa'elli Yaman irraa itti dhukaafamuu himte

    Humni waraanaa Israa'el misaa'elli Yaman irraa gara daangaa Israa'elitti dhukaafamuu akka adda baase ibse.

    Sirni ittisa qilleensaa biyyattii ''haleellaa kana karaatti qolachuuf bobbaafamuus'' hime waraanni Israa'el.

    The Times of Israel akka gabaasetti naannoo Jerusaalam, Tel Aviv fi dhiheenya giddugala Israa'elitti sagaleen akeekkachiisaa kennamaa ture.

    Waraanni Israa'el ''taatee kana erga qoratee adda baasee booda'' lammiileen biyyattii ''iddoo itti dhaatan keessaa bahuun walabummaan socho'uu akka danda'an,'' ibsee ture.

  5. Israa'el fi Iraan erga Ebla darbe dhukaasi dhaabbatee yeroo jalqabaaf misaa'elaan wal haleelan

    Erga Ebla darbe waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan gidduutti jaarsummaa Paakistaaniin irra ga'amee Iraan yeroo jalqabaaf misaa'ela Israa'elitti dhukaaste.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu sana kan fudhatte Israa'elis haleellaa haaloo ba'uu Iraan irratti raawwatteetti.

    Waraanni Israa'el haleellaa Iraan hordofee kutaalee lixaa fi giddugala Iraan irratti haleellaa raawwachuu ibseera.

    Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellaan amma Israa'elirratti raawwate kun ''jalqabbii haleellaa torban guutuu itti fufuuti,'' jedhe.

    Israa'el haleellaan misaa'elaa Iraan kaaba biyyattiitti raawwatte fashaluu ibsuun, garuu hanga ammaatti miidhaa qaqqabe hin ibsine.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp erga Iraan haleellaa raawwattee booda Israa'el akka haaloo hin baane MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu akeekkachiisee ture.

    ''Ammas biyyoonni lameen haleellaa kana dhaabuu qabu. Haleellaan itti fufuu hin qabu. Lameenuu waan fedhan raawwataniiru. Asumarratti haa dhaabbatu,'' jedhe Tiraamp.

    Israa'el kibba Beeruut keessatti Hizboollaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa itti fufteetti, kun dhukaasa dhaabuu Ameerikaan labsite faallessa

  6. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Baga nagaan dhuftan.

    Israa'el fi Iraan erga Eblaatii yeroo jalqabaaf haleellaa walirratti raawwataniiru. Ameerikaan haleellaa Israa'el raawwattetti hin gammadne.

    Dhimma kanaa fi dhimmoota addunyaarratti raawwatan kaan hordofnee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!