Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Iraaniifi Ameerikaan booda maaltu tahe?

Madda suuraa, Kevin Dietsch via Getty Images
Ameerikaafi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan hojiirra oolchan gaafa Ebla 8 ture. Israa’el waliigalticha deeggartus Libaanos hin dabalatu jette.
Mootummaan Warraaqsaa Iraan yoo Libaanos haleelamte otoo ‘’gaabbuu’’ deebii akka kennu hime.
Ergasii waliigalteen dhukaasa dhaabuu laaffataa tahe kuni qoramaa bahe. Ameerikaa fi Iraan waraana kana dhaabuurratti ergaa wal make dabarsaa bahan.
Ergasii dhimmoota mudachaa turan kunooti
Ebla 8: Guyyaama waliigalteen dhukaasa dhaabuu jalqabe Israa’el Libaanos keessatti iddoowwan qiyyaafannoo 100 daqiiqaa 10 keessatti haleeluu himte. Kanaanis namoonni 300 lubbuu dhaban. Qondaaloti biyyattii guyyaa balaafamaa waggoota kurna keessatti mul’ate jedhan. Ministarri Iraan ‘’sarbama waliigaltee dhukaasa dhaabuu guddaa,’’ jedhe.
Ebla 13: Marii Paakistaanitti taasifameen Iraaniifi Ameerikaan walligaluu didnaan US buufataalee doonii Iraan ugguruu jalqabde.
Ebla 16: Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Libaanoosiifi Israa’el Tiraamp labsan guyyaa kudhaniif akka ture barame.
Ebla 17: Ulaan Hormuuz-daandii ijoo boba’aan itti geejibamu, yeroo waraanaa Iraaniin uggurame ture dooniiwwan daldalaaf banaa tahe.
Kuni hamma Ebla 18 qofa kan ture yoo tahu Teeharaan sababa humni galaanaa US uggura kaa’aa jiruuf ulaa kana akka hin banne himte.
Ebla 23:Mariin marsaa lammataa Israa’eliifi Libaanos Waashingitanitti qabame. Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’eliifi Libaanos baatii sadiin dheerate jedhe.
Ebla 24: Ergamaan addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof fi Jaareed Kuushnar mariidhaaf gara Iraan deemuuf turan garuu Tiraamp imala kana haqe. Ameerikaan ‘’kaardii hunda of harkaa qabdi’’ jedhe.
Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii ‘’Ameerikaan dippiloomaasii akka waan maayibaasutti ilaalaa hin jirtu,’’ jedhan.
Caamsaa 3: Tiraamp waan Project Freedom jedhamu labsan. Kunis dooniiwwan Ulaa Hormuuz cufameen danqaman kan qajeelchu dha. Gaafa Caamsaa 5 deebisee pirojektichi yeroo dhaabbateera jechuun kunis US fi Iraan akka waliigalan argauufi jedhe.
Caamsaa 12: Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ameerikaafi Iraan sadarkaa ‘’lubbuu baraaruu’’ irra jira jedhe. Af-yaa’iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Gaaliibaaf hidhattoonni Iraan ‘’weerartootaaf deebii kennuufi gatii isaanii isaan barsiisuuf qophii dha,’’ jedhan.
Caamsaa 24: Iraan waliin dhimmi waliigaltee ‘’bal’inaan marii’atameera,’’ odeeffannoon dabalataa dhihootti baha jedhe Tiraamp. Dubbihimaan ministeera hajaa alaa Iraan dhimmoota muraasa irratti walgahuun, dhimmoota ijoo irrattti waliigalteen jira jechuu miti jechuun akeekkachiisan.
Waxabajjii 6: Ameerikaafi Iraan Galoo-galaana irratti wal haleelana. Humnooti Ameerikaa dirooniiwwan fi naannolee raadaarii Iraan yoo haleelan, Iraan buufataalee Ameerikaatti misaayela dhukaafte.
Waxabajjii 7: Iraan Israa’el irratti misaayela danuu dhukaafate mootummaan warraaqsaa ‘’jalqabbii haleellaa torbee guutuuti,’’ jedhe. Haleellaan Iraan erga Israa’el qiyyaafannoo Hezboollaa kibba Beeruut keessatti haleeluu ibsuun booda dhagahame.

