Gamtaan siiviilii Sudaan fi mootummaan ce'uumsa RSF waamicha marii Abiy simatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gamtaan Sivilii Humnoota Warraaqsaa Sudaan(Somoud) fi mootummaa ce'umsaa nagaa kan Humnoota RSF durfamu waamicha marii nagaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad simachuu beeksisan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad ergaa kaleessa Afaan Arabaan maxxansaniin, humnoonni waraanaa, siyaasaa fi sivilii Sudaan hundi marii irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessan.

Mootummaan Itoophiyaa baasii isaan mariicha keessummeessuu fi qindeessuuf fedhii akka qabu, kaayyoon isaas waraana dhaabuu fi nagaa waaraa buusuuf ta'uu ibsaniiru.

Gamtaan Sivilii Humnoota Warraaqsaa Sudaan(Somoud) fi mootummaa ce'umsaa nagaa kan Humnoota RSF durfamu ibsa baaseen waamicha kana kan simatan ta'uu miidiyaan mootummaa Sudaan Tribune gabaasera.

Waraana Sudaan dhaabuuf tattaaffiin araaraa naannoo fi idil-addunyaa hedduun taasifamaa tureera.

Haa ta'u malee, haala dhukaasa dhaabuu irratti waliigaluu dhabuu fi adeemsi siyaasaa biyyattii gara fuulduraa akkamitti ijaarama kan jedhu irratti garaagarummaan ilaalchaa jiraachuun, waliigaltee nagaa irra ga'uun gufuu guddaa ta'ee itti fufeera.

Akka ibsa kanaatti waamichi marii Itoophiyaan amma taasifte hariiroo seenaa dheeraa ummatoota Itoophiyaa fi Sudaan gidduu jiru, akkasumas tokkummaa fi tasgabbii Sudaan deeggaruuf fedhii Itoophiyaa agarsiisa jedhe.

Gamtaan kun biyyoonni naannoo fi qaamoleen idil-addunyaa carraa dhukaasa dhaabuu fi adeemsa nagaa Sudaaniin hoogganamu cimsuuf waliin hojjechuu akka qabanis gaafate.

Mootummaan Ce'umsaa Nagaa kan Humnoota Dafee Qaqqabaa (RSF) waliin hidhata qabu, gama isaan waamicha Abiy qaamoleen Sudaan hundi marii bal'aa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu irratti akka hirmaatan dhiyeessan simateera.

Dubbi-himaan mootummaa ce'umsaa kanaa, Khaalid Ahmad Dannaa, tumsi TASIS Itoophiyaan ummata Sudaan waliin dhaabbachuu fi tokkummaa akkasumas abbaa biyyummaa biyyattii kabajuuf kutannoo agarsiifte dinqisiifachuu ibseera.

Dannaan mootummaan isaanii yaada Itoophiyaan dhiyeessite irratti gaarii ta'een hirmaachuuf qophii ta'uu dubbateera.

Kaayyoon isaas haala waraana dhaabuuf mijataa ta'e uumuufi sababoota bu'uuraa waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru irratti mari'achuu akka ta'e ibseera.

Dubbi-himaan mootummaa kanaa, Kaalid Ahmad Dannaa, gareen isaanii marii

Haa ta'u malee, mootummaa Sudaan humnoota waraanaa biyyattii hoogganu irraa waamicha kanaaf deebiin ifaa hanga gabaasni kun qophaa'utti hin kennamne.

MM Abiy marii kun guyyaa ykn haala itti gaggeeffamu hin ibsine.

Waraanni Sudaan keessatti Ebla 15, 2023 eegale, humnoota waraanaa biyyattii fi RSF gidduutti gaggeeffamaa jira.

Lolli kun waggoota arfan darban keessa namoota miliyoonaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqisee, rakkoo namoomaa guddaa uumeera.

Waamichi Itoophiyaa kun yeroo hariiroon Finfinnee fi mootummaa Sudaan gidduu jiru muddama keessa seenaa dhufetti.

Mootummaan Sudaan Itoophiyaan RSF deeggaruu fi humnoonni kun daangaa Itoophiyaa irraa haleellaa diroonii raawwawwatamuu himataa ture.

Itoophiyaan garuu himannaa kana haalti.

Biyyoonni lamaan yeroo dhihoo kana muddamni hammachuun diplomaatota walirra ari'aniiru.

Abiy ibsa isaanii keessatti Itoophiyaan garee tokko kan deeggartu utuu hin taane qaamolee hundaaf walqixa marii bilisaa qopheessuu akka barbaaddu eeran.

Akkasumas, furmaanni alaa irraa dirqamaan kaa'amu nagaa waaraa fiduu waan hin dandeenyeef, egereen Sudaan ummata Sudaaniin murtaa'uu akka qabu ibsa isaaniin eeran.

Marii kanaan kaayyoon yeroo gabaabaa dhukaasa dhaabuu, akkasumas adeemsa siyaasaa bal'aa fi mootummaa tokkummaa biyyaalessaa bal'inaan fudhatama qabu hundeessuuf waliigaltee irra ga'uu ta'uus ibsan.

Haa ta'u malee, gareewwan mootummaa Sudan kan jeneraal Abdulfattan durfaman waamicha kana fudhatanii marii irratti hirmaachuuf waliigaluu isaanii hanga ammaatti waanti ibsame hin jiru.