Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan humnoota Sudaan wal waraanan walitti araarsuu akka feetu MM Abiyyi waamicha godhan
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad humnoota siyaasaa, waraanaa fi siviilii Sudaan keessaaf waamicha nagaa dhiyeessan.
Ministirri Muumee Abiyyi Ahmad ergaa qaamolee Sudaan kanneeniif gama miidiyaa hawaasaa isaaniin Afaan Arabaatiin dabarsaniin gaaga'ama Sudaan keessatti xumura gochuuf mootummaan Itoophiyaa waltajjii marii nagaa humnoota Sudaan walitti fide baasii ofiisaatiin qopheessuuf fedhii akka qabu ibsanii jiru.
Waamichi MM Abiyyi Ahmad kun kan dhagahame, waraaanni Sudaan keessaa waggoota afur yeroo lakkoofsisee jiruu fi gaaga'amani namoomaa guddaan Sudaan wayita hammaatee jirutti mul'achaa jirutti dha.
Kanamalees mootummaan Itoophiyaa garee RSF tumsaa jira jechuun wayita Sudaan mootummaa Itoophiyaa himataa jirtutti dha.
Mootummaan Itoophiyaa himata dhimma kana ilaalchisee Sudaan dhiyeessitu haalaa tureeera.
Itoophiyaa fi Sudaan hariiroo seenaa dheeraa bu'uura cimaa qabu qabu kan jedhan MM Abiyyi, hariiroon kunis hariiroo obbolumaa namoomaa, hidhata hawaasummaa fi dhaloota dhalootatti cehu kan daangaa teessuma lafaa fi siyaasaa cehu akka ta'e ibsan. jedhan Abiyyi Ahmad.
Hariiroon biyyoota lamaanii ollummaa bu'uura jabaa, tumsaa fi hiree waloo irratti ka ijaarame, qormaatawwan naannicha mudataniin osoo hin raafamin kan ture ta'uu ibsan.
Hariiroo seenaa kanarraa ka'uun, mootummaa fi ummanni Itoophiyaa rakkinni Sudaan keessaa ni yaaddessa gaafatamummaas ni qabna jedhan.
"Waraana, badii fi dararaa namoomaa Sudaan keessatti mul'achaa jiru akka taatee siyaasaa ykn nageenyaa biyya ollaa tokko keessatti uumame qofaatti ilaaluu hin dandeenyu.
Nagaa, nageenya, tokkummaa fi tasgabbii Sudaaniif dirqama keenya bahuu qabna jedhan.
Sababa ollummaa, dantaan keenya walkeessa jiruu fi hariiroo namoomaa qabnuu gaaga'mnii fi jijjiiramoonni biyyoota lamaanii wal hin hanqatu kan jedhan Abiyyi Ahmad, daafiin rakkina Sudaan keessaas biyyoota naannichaa akka dhaqqabu ibsan.
Itoophiyaan erguma waraanni Sudaan Ebla 2023 ka'e kaasee jijjiiramoota jiran yaaddoo hordofaa turuu fi rakkinni kun furmaata siyaasaa akka argatu carraaqqii gochaa turuu eeran.
Kunis tokkummaa daangaa, birmadummaa fi tasgabbii Sudaaniif ejjennoo seena-qabeessa qabdu irraa kan madde jedhan.
Ejjennoo haaraa dhalate osoo hin taane tasgabbiin Sudaan utubaa tasgabbii naannichaa guutuu ta'uu durumaa ejjennoo qabnurraayi jedhan MM Abiyyi.
Amma, wayita waraanni kun waggaa afraffaa isaa seene, badiinsaa isaa babal'atee dhumaatiin lubbuu namaa sadarkaa mula'tee hin beeknetti hammaate kanatti akka obbolaatti callisnee ilaaluun fudhatama hin qabu jechuun waamicha nagaa dhiyeessan MM Abiyi Ahmad.
"Mootummaan Itoophiyaa qaamolee Sudaan hunda, humnoota waraanaa, qaamolee siyaasaa fi hawaasa siiviilii dabalatee marii nagaa Sudaan kan hunda hammatee fi banaa ta'e, kan Itoophiyaan keessummeessituu fi deeggartu irratti akka hirmaatan waamicha garaa irraa fi amanamaa dhiyeessa."
Kaayyoon waamicha kanaas haala mijaawaa marii cimaadhaaf ta'u uumuu, waraana dhaabuu, walitti bu'iinsaa fi qoqqoodinsaatti xumura gochuu, akkasumas waliigaltee biyyaalessaa kan nagaa hunda hammate fi waaraa ta'eef bu'uura kaa'u irra gahuudha jedhan.
Kaka'umsi Itoophiyaa kunis ajandaa siyaasaa dhuunfaa, qaamolee Sudaan kamirraawuu dantaa ykn faayidaa kamuu barbaacha akka hin taanes ibsan bulchaan Itoophiyaa.
Michummaa fi naatoo qabnurraa akkasumas karaan uummanni Sudaan mo'ataa dhugaa itti ta'u waan ta'eefi jedhan.
Itoophiyaan, "qaamolee hundarraawuu fageenya walqixaarra dhaabbachuun gaaddisa marii ifaa, qabatamaa fi wal kabajaa qopheessuuf" qophii ta'uu ibsanii jiru.
Itoophiyaan hawaasa idil-addunyaa, biyyoota obbolaa fi michuuwwanii, akkasumas dhaabbilee naannoo fi idil-addunyaatti ummata Sudaan cinaa akka dhaabbatan, fedhii seera-qabeessa nagaa argachuuf qaban akka deeggaran, dararaa miidhamtootaa, buqqaatotaa fi baqattootaa salphisuuf carraaqqii deeggarsa namoomaa akka cimsanis waamicha godhaniiru Abiyyi Ahmad.
Itoophiyaan yaadni qaamoleen Sudaan gara gaaddisa mariitti fiduun waliigaltee faayidaa Sudaanii fi ummata ishee tajaajilu irra akka gahaniif hariiroo naannoo fi idil-addunyaa dandeettii dippiloomaasii ishee dabalatee fi tumsa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qabdu fayyadamuuf qophii ta'uu ishee ni mirkaneessiti jedhaniiru.
"Itoophiyaan nagaa Sudaan akka dantaa biyyaa ollaa qofaatti osoo hin taane, akka dhimma murteessaa nageenya, tasgabbiishee fi egeree naannichaa guutuutti ilaalti.
Nagaan Sudaan nagaa Itoophiyaati, nageenyi ishee nageenya Itoophiyaati, tasgabbiin ishees tasgabbii Gaanfa Afrikaa fi naannawa isheetiif dhagaa bu'uuraati."
Waamichi Itoophiyaa kunis kaka'umsa siyaasaa qofaaf osoo hin taane, waamicha obbolummaa fi namoomaa onneerraa madde, hariiroo bu'uura cimaa ummattoota lamaanii mul'isu, tumsa Itoophiyaan yeroo rakkina isaanii obboloota ishee Sudaaniif qabdu ibsu ta'uu hubachiisan MM Abiyyi Ahmad.
Waraanni Sudaan Ebla bara 2023 eegale.
Waldhibdeen Raayyaa Ittisaa Sudaan fi Humna Addaa RSF gidduutti bara 2023 eegale, kan biyyattii waraana waliiniitti galche, ammallee hin dhaabbanne.
Waraana kana keessatti hanga ammaa namoonni kuma 150 oli du'aniiru. Namoonni miiliyoona 12 ta'an immoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) rakkoon namoomaa addunyaa irratti akkaan hamaa ta'e yeroo ammaa Sudaan keessa akka jiru ibseera.
Bara 2025 keessa, Raayyaan Ittisaa Sudaan magaalota akka Kaartuum, Omdurmaan fi Bahrii deebi'ee to'achuun, humnoota RSF ammoo gara kutaalee lixaa fi kibba-lixa biyyattiitti baasee ture.
Sudaan mootummaan Itoophiyaa loltoota RSF deeggarti jechuun Manneen Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa fi UNtti himannaa dhiheessiteetti.
Sudaan fi Itoophiyaan daangaa kiilomeetira 750 dheeratu waliin qooddatu.