Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hanqinni dhiyeessii aannanii Keeniyaatti muufii uume akkamiin mudate?
Lammiilee Keeniyaa hedduuf cireen aannan malee dhiyaate akkuma biddeen ittoo malee dhiyaateeti. Kanaaf cireen aannan hinqabne ciree guutuu miti jedhu.
Lammiileen Keeniyaa heddu ganama ganama dhugaatii isaan chaayi jechuun waaman, kan shaayiifi aannan walitti makuun qophaa'u unatu. Yoo chaayin jiraate cireen sifaa'a.
Biyyattii keessatti chaayiin sa'aa cireen cinatti taateelee hawaasummaa garagaraarrattis sirriitti dhugama.
Haa ta'u malee dukkaanawwan biyyattii yeroo kaan aannan qaruuraan guutame tarreessanii maamila eeggatan amma akka kaleessaa hinjiran. Daldaltoonnis gatii aannanii dabaluun cinatti hamma aannanii namni tokko bituu danda'u daangessaniiru.
Hanqinni aannanii lammiilee Keeniyaa heddu biratti rifaatuu uume kun sababa gogiinsaan kan uumame ta'uu mootummaan biyyattii hima. Gogiinsi kunis hanqina margaafi biqiloota biroo loowwan sooratan akka uumeefi horsiise bultoonni aannan omishuuf rakkachuunsaanis himameera.
Haa ta'u malee hanqinni dhiyeessii aannanii Keeniyaa mudate kun kana dura kan barame miti. Qaamni mootummaa dhimmicha to'atullee guutuu biyyattiitti "hanqinni dhiyeessii" jiraachuusaafi "kuufamni aannanii xiqqaan" jiraachuu amaneera.
Magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti mana nyaataa kan qaban Mutoonii Maachaariyaa, gaafa nagaa guyya guyyaan aannan paakkettii 70 bituun maamiltootasaaniif dhiyeessaa akka turan himu.
Haa ta'u malee hanqinni dhiyeessii aannanii tibbana mudate gaafii itti uumee jira. Dheebuu maamiltootasaanii baasuuf aannan bittaa barbaacharra osoo jiranuu BBC walin af-gaafii kan taasisan Mutooniin, " Afachu! Aannan eessa deeme?" jechuun gaafatan.
Hanqinni dhiyeessii aannanii kun erga mudatee torbee tokko lakkoofsisuu kan himan harmeen tun, maamiltoonnisaanii dhimmichaan muufachuusaanii, kaan immoo shaayee duwwaa dhuguuf dirqamuusaanii himaniiru.
"Maamiltoonni gareedhaan yemmuu dhufanitti shaayee aannan qabu dhiyeessuu hindanda'u taanaan kuni anaaf kasaaraadha" jedhan.
Keeniyaan biyyoota Afrikaa aannan baay'inaan omishan keessaa ishee tokko. Lammiileen biyyattiis lammiilee biyyoota Afrikaa aannan baay'inaan dhuguun tarree jalqabaarra jiran keessaa tokko.
Kanaafis biyyattii keesatti keessattuu magaalota keessatti aannan warshaaleen omishamee saamsamee gurguramu baay'ee baramaadha. Kana malees aannan dheedhiifi itittuun baadiyaawwan Keeniyaa keessatti akkaan jaalatamu.
Hanqinni dhiyeessii aannanii mudates oduuwwan dhugummaan isaanii hinmirkanoofne akka babal'ataniif sababa ta'eera. Kunneen keessaa tokkommoo dukkaanawwan (suparmaarkeettiiwwan) bu'aasaanii guddisuuf jecha aannan dhoksaa jiru kan jedhudha.
Qaamni mootummaa damee aannanii to'atufi Boordii Aannanii Keeniyaa (KDB) jedhamu, aannan ji'a Waxabajjii keessa dhaabbilee aannan qopheessaniif dhiyaate liitira miliyoona 84.4 yemmuu ta'u, ji'a Adoolessaa keessaa gara miliyoona 81.3'tti gadi bu'uusaa himeera. Kunis dhiyeessiin aannanii garagarummaa ji'a tokkoo keessatti dhibbeentaa 3.7'n hir'achuusaa agarsiisa.
Kana malees qorannoowwan dursaa taasifan dhiyeessiin aannanii ji'a Hagayyaa keessas itti fufuun gadi bu'uusaa agarsiisaniiru.
Federeeshiniin Fayyadamtootaa Keeniyaa (Cofek) immoo dhiyeessiin aannanii jalqaba bara 2026 irraa eegalee xiqqaachaa dhufuu himeera.
Kanaaf sababnimmoo roobni waqtiisaa eeggatee roobuu dhabuusaafi gatiin nyaata loonii dhibbeentaa 45'niin dabaluu akka ta'an beeksiseera.
Gatiin aannan liitira tokkoo shilingii 80 irraa gara 90'tti guddachuusaatiinfi namoonni aannan hamma murtaa'e qofa akka bitan taasifamuusaatiin yaadda'uusaas dhaabbatichi himeera.
Dabalataan dhaabbanni mootummaa aannan omishu "Niwu KCC' jedhamufi KDB'n bara darbe keessa aannan hamma barbaadamuu ol omishamee ture walitti osoo hinqabin hafuusaanii kan himu 'Cofek', silaa aannan sun walitti qabamee gara daakutti jijiirameera osoo ta'ee rakkoo amma mudate kana furuun akka danda'amu himeera.
Dhaabbatichi gaaga'ama aannanii uumame kana furuuf karoorri dandamannaa qonnaan bultootaaf nyaata loonii dhiyeessuufi deeggarsa maallaqaa taasisuu ofkeessatti qabate akka qophaa'u gaafateera.
Qaraxawwan galteewwan nyaata looniirratti kaayaman akka ka'an gochuufi "daldaltoonni gatii aannanii akka hindaballefi hamma namoonni bituu dandaan akka hindaangessineef gatii gurgurtaa aannanii to'achuun" akka barbaachisus himeera.
Gama biraatiin daayrektara boordii aannanii kan ta'an Wiiliyaam Maaritim, "yeroof hanqinni dhiyeessii" jiraatuus aannan gabaaf dhiyaachuu akka itti fufu miidiyaaletti himaniiru.
Kamisa darbemmoo angawoonni ministeera qonnaa biyyattii waldaa omishtoota aannanii walin marii kan taasisan yemmuu ta'u, ministeerichis dhiyeessii aannanii tasgabbeessuufi fayyadamtoonni akka hinmiidhamne gochuuf qonnaan bultootaaf deggarrasa akka taasisu beeksiseera.
Dabalataan mootummaan biyyattii hanqina aannanii mudate kana furuuf yeroodhaaf aannan biyyoota ollaarraa galchuuf yaadaa jira.
Kunis lammiilee Keeniyaa jaalala chaayiin rakkataniif haara galfii kan uumu ta'uu danda'a.