Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bulchaan aanaa Dagam 'hidhattoota WBO'n' ajjeefaman eenyu?
Shawaa Kaabaatti Bulchaa aanaa Dagam kan tahan Obbo Tafarraa Dasee Dilbata kaleessaa waaree booda hidhattootaan ajjeefaman.
Maddeen BBC akka himanitti Obbo Tafarraan aanaa Dagam ganda Aannoo Qarree jedhamutti ajjeefaman.
Haleelaa kana kan raawwate hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) tahuu maddeen BBC himaniiru.
Dabalataan haleellaa hidhattoonni WBO geessisan jedhame kanaan bulchaan gandichaa Obbo Asfaawasan Hayilee fi namootni biroo miidhamanis hospitaalatti yaala argachaa jiru.
Namoonni miidhaman kunneen Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Yuunvarsiitii Salaaleetti yaalamaa jiraachuu maddeen BBC himaniiru.
Qaamoleen bulchiisa aanaa Dagamis ta'e godina Shawaa kaabaa waa'ee ajjeechaa bulchaa aanaa kanarratti hanga ammaa wanti jedhan hin jiru.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf gara bulchaa godinaatti bilbillee nuuf hin kaasan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo waa'ee ajjeechaa kanaa irratti ibsa hin kennine.
Kominikeeshiniin Aanaa Dagam fuula Facebook isaarratti ibsa gaddaa baaseen ajjeefamuu aanga'aa kana amirkaneessuun seenaa isaa himeera.
Obbo Tafarraa Dassee Dagaagaa eenyu?
Akka ibsa kanaatti, Obbo Tafarraa Dassee Dagaagaa A L I Amajjii 23/bara 1979 Aanaa Dagam Ganda Aannoo Dagam Iddoo addaa Ganda Shanoo jedhamuutti dhalatanii guddatan.
Bara1996 koollajjii Mogor Damee Fiichee seenuun Leenjii barsiisummaa fudhatanii ogummaa barsiisummaatiin ebbifaman.
Fulbaana 01/1998 qacaramuun hanga Guraandhala bara 2002tti Godina shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti Manneen Barnootaa aanichaa keessatti barsisuummaa tajaajilaa turee booda bara 2002 -2007tti Barnoota Digirii 1ffaa isanii Yuunivesiitii Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaatti Gosa barnootaa Educatoinal Planning & Manegment tiin (EDPM)Eebbifaman jedhe ibsi seenaa aanga'aa kanaa.
Aanaalee Shawaa Kaabaa Darraa, Dagam fi Giraar Jaarsoo keessatti itti gaafatama gara garaarra hojjechaa tureen, guddina, nageenyaafi misooma aanaalee kanaaf hedduu gumaachuu eera ibsi kun.
"A L I Hagayya 17/2018tti Nagenyummaa Hawaasa Aanaa Dagam Kabachiisuuf osoo socha'a jiranuu diina hidhatee bosona keessa socho'uun aanaa Dagam Ganda Aannoo Qarree iddoo addaa Shankooroo jedhamutti wareegamanii jiru," jedheera ibsii aanaa Dagam kun.
Obbo Tafarraan abbaa ijoollee sadii ta'uus ibsi kun eereera.
Ajjeechaan akkanaa Godina Shawaa Kaabaatti yoo raawwatu kun kan jalqabaa miti.
Bara 2025 keessa bulchaan aanaa Suluultaa Obbo Abbabaa Warquu ajjeefamuu mootummaan ibsee ture.
Ajjeechaa bulchaa Aanaa Sulultaa kanarratti raawwatameef mootummaan qaamolee hidhataniifi 'faallaa imala jijjiiramaa dhaabbatan' jedhe himate.
Aanaan Sulultaa ibsa Guraandhala 13 bara 2025 fuula miidiyaa hawaasaa irratti baasen, qondaalli mootummaa kun osoo hojiif imalaa jiranii qaamolee hidhataniin ajjeefamuu beeksise.
"Obbo Abbabaa Warquu … dirqama hojii isaanitti kenname bahachuuf imaanaa uummataa of harkaa qaban kabajanii gara hojiitti imaluuf wayita ka'anitti ajjeechaa gara jabinaa qaama hidhateen irratti raawwatameen addunyaa kanarraa du'aan boqataniiru," jedha ibsi aanichi baase.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) gamasaan ibsa Guraandhala 13, baaseen aanaa Sulultaatti haleellaa gaggeessuufi bulchaa aanichaa Obbo Abbabaa Warquu ajjeesuun qondaalota mootummaafi qaamolee nageenyaa biroo to'achuu beeksise.
Mootummaan 'ABO Shanee' jechuun waamu bal'inaan keessa socho'an keessaa isa tokko.
Aanaaleen akka Kuyyuu, Dagam, hidhabuu Abootee, Warra Jaarsoo, Giraar Jaarsoo, Darraa fi yaayyaa Gullallee ammoo erga sababa Kanaan hawaasni yaaddoo keessa jiraachuu eegalee waggoonni lakkaa'amaniiru.
Aanaalee kunneen keessatti ajjeechaan, buqqaatii fi namoota ukkaamsanii maallaqa ittiin gaafachuun oduu guyyuu dhagahamudha.
Magaalonni godinichaa sochii dinagdee hoo'aan beekaman akka Garba Gurraachaa abbootiin qabeenyaa keessaa godaananii sochiin dinagdee qabbanaa'eeera.
Bara 2024 keessa Jiraattonni godinichaa gaga'ama lubbuu, mancaatii qabeenyaa fi buqqaatii sababa rakkoo nageenyaatiin godinichatti qaqqabaa jiru dhuma dhabeera jechuun akka aadaatti meeshaa Ulfootiin bahanii araaraf waaqa yoo kadhatan mul'atan.
Kadhaan 'Araaraf Waaqatti boo'udha' jedhame kuni kutaalee godinichaa rakkoo nageenyaan raafamaa jiran hedduu keessatti gamtaan gaggeeffamaa ture.
Maanguddoon aanaa kuyyuu irraa BBC'n dubbisee fi namoota kadhannaa kana qindeessan keessaa tokko ta'uu himan "Salaale dur maqaa gaarii qaba. Abbootiin keenya fi Gootonni salaalee Kaleessa qabsoo gabrummaa sabarraa ittisuuf Oromoofuu bu'uura kaa'ani. Har'a wanti jiru faallaa kanaati. Sabuma tokko gidduu jaalalli dhabame" jedhan.
"Namni keenya wal ajjeesuu qofa miti kan ajjeefameyyuu awwaala dhabaatii jira. jireenyi uummataa baayyee miidhame. Uummanni buqqaatiirra jira" jedhan.