Ameerikaa fi Iraan naannoo Ulaa Hormuzitti dhukaasa walitti banan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ameerikaa fi Iraan Sanbata kaleessaa dooniiwwan Galoo Galaana Parshiyaa keessa socho'an irratti haleellaa raawwachuu isaanii beeksisan

Ameerikaan dooniiwwan boba'aa Iraan waliin walqabatan sadii rukutuu beeksiste.

Iraan immoo dooniiwwan boba'aa sadii Ulaa Hormuz keessa "hayyamaa utuu hin qabaanne" socho'aa turan jette irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo bahuu ibsite.

Ajajni Waraanaa Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) Ameerikaan dooniiwwaan Iraan waliin hidhata qaban sadii osoo hin haleelin dura dooniiwwan waraanaa Ameerikaa lama Iraan irratti qiyyaafatamuu ibseera.

Akka Ameerikaan jettutti, dooniiwwan keessaa tokko naannoo odoola Kaarg ture.

Odolli Kaarg bakka ijoo Iraan boba'aa ishee gara biyya alaa itti ergitu keessaa isa guddaadha. Miidiyaan mootummaa Iraan, IRIB, haleellaa Ameerikaa doonii naannoo Kaargitti argamu irratti raawwatameen namni tokkollee akka hin duune ykn hin miidhamne gabaase.

Humni Eegdota Warraaqsa Iraan, IRGC, dooniiwwan "karaa hayyama Iraan hin qabnee" jette keessa akka hin sochoone akeekkachiisan.

IRGC'n dooniiwwan boba'aa sadii karaa akkasii fayyadamuun imalaa turan irratti tarkaanfii fudhachuus ibse. Akkasumas, dooniiwwan Ameerikaa waliin walqabatan biroo sadii irratti haleellaa raawwachuu hime.

Iraan, dooniiwwan tokko tokko karaa galaanaa Iraan hin hayyamne fayyadamuun socho'aa turan jechuun tarkaanfii haleellaa fudhatteef akka sababatti ibsite.

Ameerikaan garuu haleellaan ishee dooniiwwan Iraan waliin walqabatan irratti raawwatame kun kan sochii waraanaa fi maallaqa IRGC deeggaru keessatti gahee qabaniidha jechuun himatte.

Haleellaan dooniiwwanii kun yeroo Ameerikaa fi Iraan gidduutti rakkoon waraanaa fi siyaasaa hammaachaa jirutti ta'e

Ameerikaan akka jettutti, Iraan tibbana dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessa socho'an irratti haleellaa taasisaa turte yoo itti fufte, Ameerikaan tarkaanfii waraanaa haaraa fudhachuu ishee ibsite.

Iraan immoo haleellaa Ameerikaa irratti deebii kennuuf qophii ta'uu ibsaa turte.

Ulaan Hormuz karaa bishaanii addunyaa keessatti baay'ee barbaachisaa, wayita nagaa, boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20tti dhihaatu irra geejjibsiifamuudha.

Rakkoon naannoo Hormuzitti uumamaa jiru kun gabaa boba'aa addunyaa irratti dhiibbaa geessisaa jira.

Iraan yeroo waraana kana dura boba'aa ishee keessaa gara dhibbeentaa 90 ta'u Odoola Khargiin alatti ergaa turte.

Kanaaf, yoo lolli naannoo Hormuzitti itti fufe, geejjiba boba'aa addunyaa irratti dhiibbaa dabalataa uumamuun waan hin oolle ta'a

Ameerikaa fi Iraan gidduutti waliigalteen yeroo gabaabaa Waxabajjii 17 irratti waraana dhaabuufi ulaa Hormuz deebisanii banaa gochuuf taasifame ture.

Haa ta'u malee, waliigalteen sun yeroo gabaabaa keessatti diigame.

Amma immoo haleellaa dooniiwwanii fi deebii waraanaa lamaan gidduu jiru, rakkoo ulaaHormuzitti uumame caalaatti hammeessaa jira.