Barattuu maqaasheen manni kitaabaa moggaafame dubartoota keessaa qabxii kutaa 12ffaa olaanaa galmeessite

Madda suuraa, Injibara University
Bara 2018 A.L.I qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa barattoota fudhatan kuma 550 ol keessaa dhibbeentaan 12.8 qabxii isaan dabarsu argachuu ministeerri barnootaa beeksiseera.
Qormaata baranaan qabxiin olaanaa akka waliigalaatti kan galmaa'e 591 yeroo tahu, barataa Waldaa Misooma Oromiyaa Jaalal Girmaatu galmeesse.
Dubartoota keessaa qabxii olaanaa kan galmeessite Naannoo Amaaraa bulchiinsa hawaasa Aawwii magaala Injibaaraatti barattuu mana barumsaa Aagaw Midir Hiddaasee Zamanuu dha. Qabxiin galmeessites 583.03 dha.
Barattuun kuni achuma magaalaa Injibaaraatti kan dhalatte yoo tahu barnoota sadarkaa duraafi lammataas achumatti xumuruu dubbatti.
Qabxiin Hiddaasee baranaa kan jalqabaa miti. Yeroo kutaa 11ffaa barattu qabxii olaanaa 99.67 fiduun maqaasheetiin manni kitaabaa moggaafameera.

Madda suuraa, Awi communication
Manni barumsaa Aagaw Midir waggaa 28 dura kan hundeeffame yoo tahu mana barumsaa olaanaa keessatti barattoota qabxii olaanaa fidaniin amaleeffannaa mana kitaabaa moggaasuu qaba.
Hiddaaseen maqaasheen manni kitaabaa akka mogga'u kan godhe seenaa kutaa 11ffaa keessatti qabxii galmaa'ee hin beekne fiduusheetiini. Manni barumsaashee beekamtii kana isheef kennuun takkaa waan hin eegne akka tahe himteetti.
Qabxii kutaa 12ffaas dubartoota keessaa isa olaanaa tahe fiduushee gaafa dhageessu naasuufi gammachuun guutamuu himteetti.
Hiddaaseen Finfinneetti leenjii saayinsii, teeknolojii fi injiinariingiin kennamu xumurtee yeroo gara Injibaaraa otoo deebituu hiriyyoonnishee bilbilanii qabxiisee itti himuu dubbatti.
''Qabxii gaarii akkaan fidu eegeera garuu dubartoota keessaa qabxii isa olaanaa nan galmeessa jedhee hin yaadne,'' jechuun BBCtti himteetti. Miirashee imimmaaniin ibsaa turte.
Hiddaaseen qabxii kana galmeessuuf dhimmi ijoo mala qo'annooshee akka tahe himti. Keesumaa baayolojii fi keemistirii viidiyoo ilaaluun barachuun akka ishee qana'u himti.
Dabalataanis barnoota waggaa keessatti xumuruu qabdu torbeefi guyyaadhaan hirtee akka qophooftu himti.

Madda suuraa, Injibara University
Rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraa waggaa sadaffaa qabateen haalli baruufi barsiisuu naaannichaa dhiibbaa keessa jira. Bulchiinsa Hawaasa Aawwii keessattis ''manneen barmusaa baayyee'' cufamanii turuu bulchiinsi naannichaa torbeema kana beeksisee ture.
Haalli kuni Hiddaasee biras hin dabarre. Sababa rakkoo nageenyaan barnootashee guutummaan guutuutti mana barumsaarraa hordofuun rakkoo akka ture himti. Keesumaa yeroo kutaa 10ffaa turte guyyaan mana barumsaa itti hin deemne baayyee akka ture himti.
''Gaaf gaafii manni barumsaa ni cufama,'' jechuun haala yeroosa ture yaadachiifti. Yeroo kutaa 11ffaa fi 12ffaa barattus ''yaaddooma keessa'' akka tahe himti.
Manni kitaabaa maqaasheen moggaafamus isheen garuu ''dhugaa dubbachuuf nama baayyee mana kitaabaa fayyadamu miti. Maatiin koo mana keessatti haala mijataa naa uumaniiru,'' jetti.

Madda suuraa, awi communication
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Abbaanshee barsiisaan fiiziksii Yunivarsiitii Injibaaraa Dr Zamanuu ''ijoollummaasheerraa qabee, of qabduufi umriishee ol nama naamusa qabdu dha,'' jechuun mucaasaanii ibsu.
Namoota karaa garagaraan deeggaruuf fedhii akka qabdu abbaan dubbatu.
Abbaanshee qabxiin Hiddaasee naannoosheefi mana barumsaashee maqaa kan dhoofsise tahuun ''gammachuu koo dachaa godhe,'' jedhan.
Deeggarsa isheef tahu manattis tahe manaa alatti ishee kennaa dhiibbaan otoo irra hin jiraatiin barnootashee akka hordoftu gochaa turuusaanii dubbataniiru.
Hiddaaseen barnootashee olaanaa saayinsii kompiitaraa hordofuu akka barbaaddu himteetti.
Leenjii kanaan dura dameelee saayinsii, teeknolojii fi injinariingiin fudhatteen fedhii barnootashee adda baasuu himte.
Carraa barnoota bilisaa barbaaduuf qophiirra akka jirtu himteetti. Iyyata barnoota bilisaaf sanadoota ishee barbaachisaniifi xalayaa deeggarsaa akkamiin barreessuu akka qabduufi odeeffannoo biraa walitti qabaa akka turte himte.

Madda suuraa, Injibara University
Yeroo boqonnaasheetti hubannoo namtolchee, saayinsii daataa fi piroogiraamiing of barsiisaa akka turte himti.
Kana malees sagantaa STEM dhaan ganna lamaan barnoota argatteen teeknolojii qo'achuuf akka murteessite himti.
Bara 2018 A.L.I qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf kanneen galmaa'an kuma 564 keessaa, 550,210 qormaatarra akka taa'an ministeerri barnootaa beeksiseera.
Kanneen qoraman keessaa 70, 544 qabxii dhibbeentaa 50 ol galmeessuun %12 darbuu ministeerichi ibseera.
Lakkoofsi kuni isa bara darbe galmaa'e %8.2 irraa hamma tahe fooyya'insa agarsiiseera. Kanneen qabxii darbinsaa galmeessanis kan bara darberraa 20,000 caalaniiru.
Qormaata baranaan saayinsii uumamaan 16.58 saayinsii hawaasaan ammoo 8.33 barattoonni qabxii isaan dabarsu galmeessaniiru.
Manneen barnootaa barattoonni isaanii guutummaan guutuutti darabn 88 dha. Faallaa kanaan manneen barnootaa 565 barataa tokkollee dabarsuu hin dandeenye. Bara darbe manneen barnootaa barataa tokkollee hin dabarsine 1,232 turan.
















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)