Dargaggoo damee muuziqaa Itoophiyaatti hedduu hin beekamneen beekamuuf dhama'aa jiru

 Dargaggoo Sikkeet Dassaaleny
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Dargaggoo Sikkeet Dassaaleny jedhama. Naannoo Sidaamaa Magaala Hawaasaatti barataa kutaa 9ffaati. Dargaggoon kuni waggootaaf gosa muuziqaa Itoophiyaa keessatti hedduu hin baratamneen mul'achuuf dhamaatii guddaa taasisuurratti argama.

Gosti Muuziqaa inni beekamtii ittiin argachaa jiru Biitbooksi (Beatbox) kan jedhamu.

Biitbooksiin Damee muuziqaa meeshaalee muuziqaatiin ala sagaleewwan meeshaaleen muuziqaa adda addaa baasan fakkeessanii hojjechuudha.

Rukuttaawwan, sagalee fi 'iffeektiiwwwan' Muuziqaa qaamota namaa akka Afaan, hidhii, arraba fi sagalee fayyadamuun kan ittiin hojjetamu. Bakka meeshaalee muuziqaa qaama namaatu meeshaa muuziqaa ta'ee hojjeta akka jechuuti.

Sikkeet waggootaan dura gosa muuziqaa amma ittiin booji'ame Kanaan kan walbare eeruu hiriyaa isaarraa dhagaheen ta'uu hima.

"Biitbooksii waliin kanin walbare karaa mucaa hiriyaa kiyya tokkootini. Eenyummaan isaa akka ibsamu hin barbaadu inni. Isa waliin kutaa 6ffaa yeroo barannu inni biitbooksii niyaala ture. Maalinni jedhee gaafadheen booda isa waliin shaakaluu jalqabe" jedha.

Eegasii deeggarsa hiriyaasaa Kanaan cinaatti vidiyoowwan biitbooksii hojjetaman Yuutuubii irraa ilaaluun shaakala itti fufe.

"Addunyaarra dorgommiiwwan biitbooksii adda addaatu jira. Isa ilaaleen biitbooksii baayyee jaalachaa dhufe. Eegasii ofii kiyyaafuu dorgommii biyya keessaa 'Ayidoolii Itoophiyaa' irratti dorgomee ittiin badhaafameera"

"Biyya alaatti ammoo dorgommii Biitbooksii GBB jedhamu kan umrii waggaa 15 gadii irratti karaa onlaayinii hirmaadheera.dorgommii sanarratti afrikaa irraa ana waliin nama saditu hirmaate. Dorgomtoonni kaan haala mijataa keessa ta'anii sagalee qulqullina qabu waraabanii dorgoman. Ani bilbiluma kiyyaan waraabeen dorgomee shanaffaa bahe"jedha.

 Dargaggoo Sikkeet Dassaaleny

Itoophiyaa keessatti Biitbooksera ta'uun ulfaataadha

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka dargaggoon kuni jedhutti, dameen muuziqaa Biitbooksi jedhamu kuni Itoophiyaa keessatti hedduu kan hin baratamnee fi namni baayyeen hin beekne waan ta'eef damee Kanaan hojjetanii beekamuun ulfaataadha.

"Itoophiyaa keessa dhiisii biyyoota guddatanittuu damee baayyee guddatee hin beekamne. Waan namni baayyeen hin barredha. Gaafa si argan 'Afaan keetiin maal goota?' jedhanii sigaafatu. Nama baayyeef hin galu . kuni ulfaataa taasisa" jedha.

Rukuttaawwan meeshaalee muuziqaa adda addaa fakkaatan hedduu afaan isaatiin uumuu akka danda'uu fi sagaleewwan rukuttaa kunneen bakka tokkotti hojjechuun akka meeshaa muuziqaa qindaa'ee hojjetamuu fakkeessa.

"Gosa muuziqaa biyya keenyaa keessaa rukuttaa biitbooksiitiin hojjechuuf kan mijatu sirba guraagee fi 'Iskistaadha'. Anis isaanin yaala" jedha Sikkeet.

Hojii muuziqaa Biitbooksii jedhamu kana yeroo duraaf shaakala yoo jalqabu maatiin isaa bitaa isaan galee gaafachaa akka turan yaadata.

Adeemsa keessa hojiiwwan biitbooksii addunyaarratti hojjetaman yuutuubii irraa ilaalchisuun erga hubachiiseen booda maatiin isaa hojii Kanaan akka jabaatee itti fufuuf isa deeggaraa jiraachuu hima.

Hojiin Biitbooksii kuni shaakala kan gaafatu waan ta'eef irra hedduu manuma maatii isaa keessattti shaakala. Hojii Kanaan beekamtiin jalqabaa inni argate ammoo mana barumsaa isaa keessatti.

"Mana barumsaa keessati hoji minimiidiyaa irratti nan hirmaadha. Achirrattin dandeetii kiyya kana jalqabaaf dhiheesse. Barattoonni hedduun baayyee jaalatanii nadinqisiifatan. Beekamtiin jalaqaba biitbooksiin argadhe isa" jedha.

Sikkeet amma barnoota isaatiin cinaatti hojii biitbooksingii kana yeroo kennee hojjechuurratti argama. Damee namni hedduun hin beekne Kanaan beekamuuf karoora guddaa qabaachuus BBCtti himeera.

"Amma Biitbooksiidhaan Itoophiyaa keessatti kan beekaman namootni lama wayii jiru. Ogummaa kanaaf osoo carraa fi deeggarsi godhamee ijoollee hedduutu bahuu danda'a. karoorri kiyya duraa ijoollee dandeettii qaban akka dandeettii isaanii baran deggaruun barbaada" jedha.

Kana malees dorgommiiwwan biitbooksii addunyaa adda addaa keessatti taasifaman qaaman hirmaachuun dandeettiisaatiin biyya maqaa waamsisuunis mul'ata isaa ta'uu hima.

"Gara fuula duraatti Itoophiyaa keessatti akkaadaamii biitbooksii guddaa ta'e ijaaruu mul'atan qaba" jedha Sikkeet.

Hojii biitbooksii Kanaan alatti hojiiwwan aartii akka fiilmii irrattis hojjechaa akka jiruu fi waan sadarkaa isaa eegate uummataan gahuuf tattaaffiirra jiraachuu hima.