Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphattoonni kubba miilaa addunyaa qabeenyaa fi galii guddaan dursan eenyu fa'i?
Erga Kiristaanoo Roonaaldoo taphataa kubba miilaa jalqabaa qabeenyi isaa biliyeenera gale tahee waggaan 10 darbeera.
Yeroo inni Riyaal maadiridii bahee Juuvantas deeme qabeenyi isaa fiixee gahe. Biliyeenera jedhame.
Roonaadloo amma waggaatti doolara 300 caalu galii argata. Isatti aanee kan jiru taphattoota kubba miilaa ammaa fi duraanii keessaa Liyonel meesiidha.
Kaarim Beenzeemaa waggaatti doolaara 104 argata. Kiiliyaan Imbaappeen isatti aanuun doolara miliyoona 95 argata. Kun galii isaanii waggaa tokko keessaa qofa yoo tahu miindaa isaanii qofa osoo hin taane beeksisa adda addaa irraas galii argatan dabalata.
Garuu qabeenyaan taphataa kubba miilaa kamtu waliigalaan addunyaa irraa dursa?
1. Kiristaanoo Roonaaldoo
Kubba miilaa keessatti waan dhalli namaa tokko milkeessuu danda'u milkeesseera. Umurii isaa waggaa 41 tahe kanattiyyuu dheebuun injifachuuf qabu ajaa'iba.
Har'as yoo kilebni isaa mo'ame imimmaan boosee boo'a. Mo'amuu fi harka kennachuun eenyummaa Roonaaldoo miti.
Waancaa Addunyaa mo'achuu malee kubba miilee keessatti waan isa hafe hin jiru.
Isas tarii barana Waancaa Addunyaa Ameerikaa, Meeksiikoo fi Kanaadaan waliin qopheessan irratti biyya isaa Poorchugaal waliin tahuun milkeessuu danda'a.
Ijoollummaatti waan nyaatee bulu kan dhabe, piizaa kadhatee nyaatee bulee akka beeku kan yeroo hundaa dubbatu, abbaan isaa ijoollee isaaf waan barbaachisu guutuu dadhabuun dhiphina irraa kan ka'e dhugaatii alkoolii keessatti kan kufe boodas lubbuun isaa darbe.
Roonaaldoon har'a biliyeneroota addunyaa keessaa tokko.
Kileba Ispeen diviziyoona keessaa Almiiraa jedhamtus %25 bitatee abbaa kilebaa taheera.
Poorchugaal keessatti hoteelota qananii gurguddaa fi muuziyeemii addunyaan daawwattus Liisbanitti ijaaruun qabeenya guddaa horateera.
Jeettii dhuunfaa isaa, konkolaattota gatii qaaliin bitaman hedduu qaba. Erga gara Al Naasir deemee waggaatti paawondii miliyoona 200 argata. Ispoonsera Nike fi biraandii CR7 irraa galii guddaa argata.
Akka Foorbes baasetti, qabeenyi callaa Roonaaldoon qabu waliigalaan Doolaara biliyoona 1.4 taheera.
2- Deevid Beekam
Taphataan kubba miilaa duraanii Ingilaandii fi Maanchister Yuunaayitid, Deevid Beekam taphataa jalqabaa UK sadarkaa biliyeenerootaa keessa gale tahe.
Sunday Times Rich barruun jedhu akka gabaasetti, qabeenyi waliinii Beekamii fi Viiktooriyaa paawondii biliyoona 1.185 gahe.
Beekaam abbaa qabeenyaa Inter Miyaamii yoo tahu kilebichi paawondii biliyoona 1.45tti tilmaamama.
Ambaasadara Adidaasii fi Huugoo Bos tahuunis hojjetaa ture. Haati warraa isaa Viiktooriyaan ammoo madda galii guddaa kan qabdu faashinii irraati.
3. Liyoonel Meesii
Seenaa kubba miilaa keessatti taphataan akka isaa hin dhalatu jedhama. Waancaa Addunyaa dabalatee kan hin mo'anne hin qabu.
Baarseloonaa, PSG amma Inter Miyaamii kan jiru Meesiin liigicha keessattis rikardii hedduu cabseera. Taphoota 64 irratti hirmaatee goolii fi kubba gooliif tahu mijeessee kennuun 100 gaheera.
Taphataan tapha xiqqoo taphatee rikardii kana irra gahe Meejer Liig Sooker keessa hin jiru.
Bara kana doolaara miliyoona 28.3 kaffalameeraafii. Kileboonni Liigicha keessa jiran 28 haga kana hin qaban.
Inter Miyaamiin erga hundaa'ee waggaa gabaabaa tahus waancaa akka injifatu gargaarera.
Xiyyaara dhuunfaa isaa, konkolaattota qananii [luxury] gatiin isaanii qaalii tahan hedduu qaba.
Meesiin miindaa qofa osoo hin taane galii ispoonseroota akka Adidaas fi Apple Tv irraa argaman qooddata. Malee silaa miindaa takkaa dhagahamee hin beekne Al Hilaal dhiyeesseefii ture. Dhiyeenya ammoo Baarseloonaa keessaa mana doolaara miliyoona 13 baasu bite.
Qabeenyi callaa Liyonel Meesii qabu doolaara biliyoona tokko [ 1bln] caala.
Hanga 2028tti Inter Miyaamii keessa turuufis waliigaltee mallatteesseera.
4- Neymar
Neeymaar baarseloonaa erga galee hedduu beekame. Ijoollummaan miliyenera tahe. Baarseloonaa keessatti dandeettii kubba miilaa qabuun Mesii fi Suwaarez cina hiriiruun addunyaa kubba miilaan bashannansiisaa kan ture Neeymaar gatii rikardii taheen PSG gale.
Inni carraa qabeessa. PSG keessaa yeroo bahus waggaatti paawondii miliyoona 400 tahuun kontiraata waggaa lamaan Al Hilaal gale.
Miidhaman yeroo dheeraa waan tureef kilebicha hedduu fayyaduu baatus karaa ispoonserootaas dabalatee miindaa isarraa miliyoona dhibbaan kan lakkaa'amu kaffalameeraafii.
Neeymaar irra caalaa ijaarsa manneen jireenyaa ykn Riil Isteet irratti bobba'eera. Kaampaanii isaa NR jedhamus hojii biizinasii hedduu irratti bobba'eera.
Puumaa wlaiin waliigaltee beeksisaa umurii guutuu doolara miliyoona 30 qaba. Kaampaanota akka Red Buul waliinis waliigaltee beeksisaa guddaa qaba.
Amma qabeenyi callaan qabu doolaara 350 ol akka tahe Foorbes ibseera.
5- Kiiliyaan Imbaappee
Imbaappeen maatii ispoortessitootaa irraa dhalate. Abbaa isaa lammii Kaameerunii fi haadha isaa lammii Aljeeriyaa taate kubba kaachoo taphattu irraa dhalate.
Imbaappeen erga umurii isaa waggaa 17'n Moonaakoo irraa PSG gatii gara paawondii miliyoona 180 gahuun mallatteessee miindaa olaanaas argataa ture.
Imbaappeen qabeenya dhaabbataa miliyoona hedduun tilmamamu qaba. Garuu maallaqa callaan qabu doolaara miliyoona 250 taha jedha gabaasni bahe. Kun ammoo taphattoota kubba miilaa keessaa sadarkaa jahaffaa irra isa kaa'a.
Imbaappeen PSG keessaa erga bahee ammas miindaa taphattoota hunda caaluun Riyaal Maadiridiif taphataa jira.
6- Karim Benzema
Kaarim Beenzeemaan akka gahumsa kubba miilaa qabuun hedduu hin faarfamne tahuu mala.
Garuu Riyaal Maadirid yeroo ture Roonaaldoo fi Gaarez Beel waan turaniif hagas mara hin faarfamne. Garuu gara dhumaatti haala gaariin lamaan isaanii bakka bu'ee Beenzeemaan taphataa akkamii akka tahe agarsiiseera.
Beenzeemaan Riyaal maadirid keessattis miindaa olaanaa argataa ture. Erga osoo hin eegamiin gara Al-Itihaad deemee miindaa guddaa argataa ture.
Al Itihaad keessatti waggaatti gara doolaara miliyoona 100 ol kaffalamaafii ture. Addatti ammoo kaampaanota urgooftuu akka Asaafii fi Riif kedjaman beeksisa.
Kun walumaagala qabeenya isaa doolaara 220 geessisa.
Ziilaataan Ibiraahimoovich gara doolaara miliyoona 190, Wayinii Ruunii gara doolaara miliyoona 170 akkasumas Erliing Haalaand gara doolaara miliyoona 100 kanneen qabanidha.
Mohaammad Saalaas taphataa Afrikaa amma miindaa guddaa argatu keessaa tokko yoo tahu qabeenyi isaa waliigalaa doolaara miliyoona 90 taha jedhamee tilmamama.