Waraanni US Iraanirratti haleellaa gaggeesuu beeksise
Humni Waraanaa US magaalaa buufata doonii Iraan taate Baandar Abbaas irratti haleellaa gaggeessuu beeksise.
Ajaji Giddugaleessaa US buufata waraanaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu ibsuun, dirooniwwan afur Iraanirraa dhukaafaman erga rukutee booda dirooniin shanaffaan dhukaafamuuf yeroo jedhutti bakka dirooniin irraa dhukaafamu haleeluu beeksise.
Miidiyaalen Iraanis magaalaa Baandar Abbaas keessatti sagaleen dhohiinsaa dhagahamuu gabaasan.
Haleellaan kun guyyaa sadi keessatti si'a lammaffaa kan gaggeeffame yoo ta'u, yeroo mariin biyyoota lamaan gidduutti gaggeeffamu akkuma itti fufetti jiruttidha.
US haleellaa kana waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuuf osoo hin taane of ittisuu qofaaf akka gaggeessitu ibsiteetti.
Iraan ammoo haleellaan akkanaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan cabseedha jechuun himatti.
Ajaji Giddugalaa US tarkaanfii waraanaa kana haleellaa "murtaa'aa of ittisuu qofaa gaggeeffame" jechuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu kabajaa akka jiru beekise.