Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Israa'el hogganaa damee waraanaa Hamaas ajjeesuu ibsite

Israa'el ajajaa damee waraanaa Hamaas ajjeese jette. Israa'el haleellaa qilleensarraa kaleessa gaggeesiteen Mohaammed Odee ajjeesuu himte.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Giddugalli Aadaa Booranaa Magaalaa Yaaballootti ijaarame eebbifame

    Giddugalli Aadaa Booranaa Magaalaa Yaaballootti ijaarame eebbifame.

    Giddugalli Aadaa Giiftii Duree Zinaash Taayyaachewuutiin bara 2013 ALI dhagaan bu’uuraa kaa’amee turee fi har’a tajaajilaaf banaa ta’uu Ministirri Muummee Abiy Ahmad himan.

    Giddugalli kun galii gurgurtaa Kitaaba Ida’amuu irraa argameen lafa heektaara 57.6 irratti kan ijaaramedha jedhan ministirri muummee ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniirratti maxxansaniin.

    "Giddugalichi Sirna Gadaa agarsiisuuf haala addaatiin dizaayiniinsaa kan hojjetame yoo ta’u, galma walgahii si’a tokkotti namoota 2000 keessummeessuu danda’uufi godaambaa of keessatti qabatee kan ijaaramedha," jedhan.

    Giddugalichi aadaa, seenaafi falaasama Uummata Booranaa dhaloota egereetti dabarsuuf gahee ijoo ni qabaata jedhameera.

  2. Iraan 'wixineen marii' US qopheessite na qaqqabeera jetti, US garuu haalte

    Miidiyaaleen Iraan wixineen marii sadarkaa duraa irra jiruu fi ifa hintaane Ameerikaan qophaaye na qaqqabeera jettus, Waayit Haawus garuu dhimmicha haalee jira.

    Dubbii Himtuun Waayit Haawus Oliviyaa Weels, "Akkuma Pireezidanti Tiraamp jedhan mariin biyyoota lamaanii abdii agarsiisaa jira, Pireezidantiichi sarara diimaa kan jedhan sararaniiru" jette.

    Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, Teehraan ji'a tokko keessatti hamma imala geejjibaa Ulaa Hormuz bakka waraanan dura turetti ni deebisti.

    Ameerikaan kanarratti hundaawuun loltoota ishee daangaa Iraan keessaa ni baafti, humna galaanaa biyyattiirra qoqqobbii keesses ni kaafti.

    Bulchiinsa geejjiba dooniiwwanii kan murteessanis Iraanii fi Omaan akka ta'an ibsameera.

    Haa ta'u malee, Oliviyaa Weels "Pireezidant Tiraamp waliigaltee uummata Ameerikaaf fayyaduu fi Iraan tasuma niwukilarii akka hin hidhanne dhowwu qofa fudhatu" jette.

    Daarektarri Dhimma Alaa fi Nageenyaa Idil-Addunyaa Mana Maree Nageenya Biyoolessaa Iraan Alii Baagirii, Teehraan dhimma yuraaniyemii mariif hin akka hin dhiyeessine himan.

    Geejjiba dooniiwwanii Ulaa Hormuz bulchuu irratti Iraan fi Omaan shoora akka qabaatan irratti mari'atamaa jiraachuus mirkaneessaniiru.

    "Haalli fi imalli Ulaa Hormuz keessaa, haala waraanni Iraan eegalamee dura ture irraa guutummaatti adda ta'a" jedhaniiru.

    Itti dabaluudhaan, "Qabxiilee hunduma irratti yoo waliigalle malee, waliigaltee irra geenyeerra jennee hin amannus" jedhanii jiru.

  3. Iraan yuraaniyemii ishee mariif akka hin dhiyeessine himte

    Daarektarri itti aanaan dhimmoota alaa fi nageenya idil-addunyaa Mana Maree Olaanaa Nageenya Biyyoolessaa Iraan Alii Baagheerii, dhimmi yuuraaniyamii marii Iraan fi US jidduutti godhamurratti ajandaa akka hin taane dubbatan.

    Aangawaan kun yaada kana kan kennan gaaffii walgahii 14ffaa hoggantoota olaanaa nageenyaa magaalaa guddoo Raashiyaa Moskootti adeemsifamaa jiru irratti ka'eef deebii yeroo kennanitti.

    Preezidantiin Ameerikaa Doonaald TIraamp garuu kuusaan yuuraaniyamii gabbifamee Iraan waliigaltee kanaan gara Ameerikaatti akka geeffamu ykn bakka biraatti akka dhabamsiifamu dubbatanii turan.

    Aangawoonni Ameerikaa mariin baatiiwwan hedduu fudhatee fi erga dhukaasa dhaabbate booda Iraanii fi Ameerikaa gidduutti godhamaa jiru waliigalteetti dhiyaachuu hima turan.

    Sagantaan niwukileeraa Iraan dhimma ijoo wal dura dhaabbannaa ta'us, Iraan harka kennachuu akka hin barbaadnee fi kun marii keessatti sarara diimaa ishee akka ta'e irra deddeebiin ibsaa turte.

    Pireezidant TIraamp garuu, Iraan yoo yaada sagantaa niwukileeraa ishee irratti dhiyaate fudhachuu baatte, qoqqobbiin dinagdee hamaan akka ishee mudatu akeekkachisaa jiru.

  4. Siidaan Liyooneel Meesii meetira 21 dheeratu qilleensi raasnaan buqqaafamuufi

    Hindiitti Siidaan Liyooneel Meesii meetira 21 dheeratu ''qilleesni asiifi achi yeroo raasu mul'annaan'' buqqifamee gad buufamuufi.

    Siidaan guddichi magaalaa Kaalkaataa keessatti argamu Mudde darbe yeroo Meesiin imala GOAT' tour taasisaa ture kan dhaabame ture.

    Akka miidiyaan biyya keessaa gabaasetti injinarooti Waajira Hojii Uummataa eeruu hawaasa naannoorraa isaan qaqqabeen Wiixata darbe sakatta'insa taasise.

    Sakatta'insi taasifamuun booda caasaan siidaa kanaa rakkoo waan qabaatee argameef hatattamaan akka ka'uufi iddoo biraa akka geeffamu ajajamera.

    ''Siidaan taphataa kubbaa miilaa lammii Arjantiinaa balaa qaqqabsiisuu danda'a,'' jedha miseensi paarlaamaa bulchiinsa Lixa Beengaal, Shaardwaat Muukiheerjee

    ''Siidaa kana qilleensi yeroo raasu argine,siidaan kuni daandii namni itti baay'aturra waan jiruuf yeroo kamiyyuu kaasuun salphaa ture garuu ''dursanii siidaa kana kaasuuf,'' murteessan.

    Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti siidaan kuni funyoodaawwiitii qabuufi sibiila gurguddaa irraa ijaaramee iddoo namni arguu danda'utti dhaabame.

    Qondaaloti iddoo biraatti siidaa kana dhaabuuf haala ilaalaa kan jiran yoo tahu, kanaan dura siidaa kana tolchuuf guyyaa 27 kan fudhate yoo tahu garee namoota 45'nin ijaarame.

    Meesiin taphataa kubbaa miilaa collee jedhaman keessaa yoo tahu, fagoorraa taheti siidaa kana viidiyoodhaan eebbise. Yeroo inni Hindii daawwate garuu hokkora jabaatu ture.

  5. 'Koongotti waraanni sochii Iboolaa to'achuu danqe' - Dr Teedroos Adhaanom

    Walitti bu'iinsi Rippabliika Demokraatawa Koongoo keessaa tattaafii tatamsa’iisa vaayirasii Ibolaa to’achuuf taasifamu irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Teedros Adhaanom akeekkachiisan.

    Biyyattii keessatti "waraanaa fi dhukkubni sodaachisaan" walitti dhufuu isaanii kan dubbatan Dr. Teedros; naannoo Ituuriitti carraaqqiin dhukkubicha ittisuuf taasifamu gufachuusaa ibsan.

    Dr. Teedros ergaa fuula X ofii irratti baasaniin, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa "boombiin utuu roobu amantaa hawaasaa argachuu ykn namoota dhukkubsattoota adda baasuu hin danda'u" jedhan.

    Dr. Teedros tattaafii vaayirasicha to'achuuf taasifamu geggeessuuf har'a Koongoo akka gahan.

    Aangawoonni damee fayyaa DRC akka jedhanitti, namoonni 1,000 ta'an mallattoo dhibee Iboolaa argisiisaniiru, garuu hamma ammaatti kutaalee qorannoo yaalaa (laboratory) keessatti kan mirkanaa'e namoota 105 qofa jedhame.

    Tamsa'inni dhibee kanaa yaaddoo guddaa uumaa kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii 223 akka gahe gabaafameera.

    Aangawoonni damee fayyaa dhukkubsattoota Iboolaa waliin wal argan ykn walitti dhiheenya qaban hordoffii dabalataatiif qorataa fi barbaadaa jiru.

    Dhibee kana to'achuuf ji'oota jaha akka fudhatu aangawoonni DRC himan.

    Tamsa'inni dhibee Iboolaa kutaalee Ituurii, Kibba Kiivuu fi Kaaba Kiivuutti akka mul'ate gabaafameera.

  6. 'UAE'n loltoota qaxaramanii Sudaanitti ergamaniif akka cehumsaatti tajaajilaa jirti'-HRW

    Loltoonni Kolombiyaa kaampaanii Yunaayitiid Arab Imireetis jiruun qaxaramanii fi loltoota garee RSF Sudaan gargaaruuf buufata waraanaa Imireetis keessa akka deeman gareen mirga namootaaf falmu Hiyumaan Raayits Waach gabaase.

    Akka gabaasa Hiyumaan Raayit Waach kanatti, odeessi kun Yunaayitiid Arab Imireetis garee hidhattootaa RSF tumsaa jiraachuuf ragaa dabalataati.

    Gareen RSF kun walwaraansa Sudaan keessatti yakka waraanaa dalaguun himatama.

    Yuunaayitiid Arab Imireetis (UAE) loltoota alagaa naannoo ishee keessatti qaxartee fi leenjiste himata jedhu kana haaltee jirti.

    "Yuunaayitiid Arab Imireetis lafa isheerratti kan lola Sudaan dabalatee, loltoota alagaa qaxaruuf, leenjisuuf, maallaqaan gargaaruuf ykn akka ceumsaatti akka tajaajilu hin heeyyamtu," jedhe ministeerri dhimma alaa biyyattii.

    Qorannoon HRW kun gaaffii fi deebii loltoota Kolombiyaa qaxaraman waliin Bitootessaa fi Fulbaana 2025 gidduutti taasifameen, akkasumas xiinxala maxxansaalee miidiyaa hawaasummaa kan iddoowwan ijoo fi meeshaalee waraanaa viidiyoo fi suuraa of keessaa qabu adda baasu qabuun raawwatame.

    Waraanni Sudaan keessatti Ebla 15, 2023 erga dhalatee, muddamnii garee RSF fi waraana Sudaan gidduutti uumame.

    Ergasii namootni 150,000 ol ta'an waraana kanaan akka du'an kan amanamu yoo ta'u, namoonni miliyoona 12.9 ol immoo qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa'aniiru.

  7. Israa'el hogganaa damee waraanaa Hamaas ajjeesuu ibsite

    Israa'el ajajaa damee waraanaa Hamaas ajjeese jette. Israa'el haleellaa qilleensarraa kaleessa gaggeesiteen Mohaammed Odee ajjeesuu himte.

    Israa'el hogganaa waraanaa Hamaas torban darbe ajjeestee ture. Inni ammoo isa bakka bu'uun gaggeessaa ture.

    Haleellicha keessatti lammiileen Filisxeem sadii ajjeefamaniiru. Israa'el gamoo mana jireenyaa naannoo gabaa Gaazaa keessaa yeroo haleeltu miidhaan kun dhaqabe.

    Humni waraanaa Israa'el fi tajaajilli Tikaa Biin Sheet hogganaa Hamaas kana bakka inni dhokate ji'ootaaf hordofaa turuu ibse.

    Sochii isaa hordofaa turuu kan hime humni waraanaa Israa'el kana ilaalee haleeluu ibse.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu erga ji'a Onkoloolessaa jiraatus Israa'el ammayyuu haleellaa gaggeessa jirti.

    Ibsa waloo IDF fi Biin Sheet kennan irratti magaalaa Gaazaa keessaa gamoowwan hedduun haleelamaniiru. Isaan Mohaammad Odee bakak dhokataa ture waan taheef isaafi gargaartota isaa haleeluuf jecha irratti xiyyeeffatan.

  8. Gareen taajjabduu filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaatan durfamu Finfinnee gale

    Filannoo Waliigalaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa Wixata gaggeeffamu taajjabuuf gareen Gamtaa Afrikaa pirezidantii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan durfamu Finfinnee galuu beeksiseera.

    Gareen Gamtaa Afrikaa kun miseensota 73 biyyoota 37 keessaa bahan of keessaa qaba.

    Bakka bu’uuta ambaasaaddarootaa, dhaabbileen waldaa hawaasaa, ogeessota filannoo, mirga namoomaa, warra dhimma koornayaarra hojjetan, dargaggootaa fi sabaa-himaalee kan hammate ta’uun ibsameera.

    Filannoo Waliigalaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa Wixata gaggeeffamu taajjabuuf gareen Gamtaa Afrikaa pirezidantii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan durfamu Finfinnee galuu beeksiseera.

    Gareen Gamtaa Afrikaa kun miseensota 73 biyyoota 37 keessaa bahan of keessaa qaba.

    Bakka bu’uuta ambaasaaddarootaa, dhaabbileen waldaa hawaasaa, ogeessota filannoo, mirga namoomaa, warra dhimma koornayaarra hojjetan, dargaggootaa fi sabaa-himaalee kan hammate ta’uun ibsameera.

    Taajjabdoonni filannoo Gamtaa Afrikaa fi IGAD gara Itoophiyaa kan dhufan hafeerraa mootummaan Itoophiyaa taasiseefiin ta’uu Boordiin Filannoo fi Gamtichi beeksisaniiru.

    Gareen taajjabdootaa kun bu’uura seera filannoo Itoophiyaa, Gamtaa Afrkaa, akkasumas ulaagaalee barbaachisoo filannoo dimokiraatawaa naannichaafi idil-addunyaa jiruun akka gamagamu ibseera.

    Taajjabdoonni kunneen Boordii Filannoo, paartilee siyaasaa, kaadhimamtoota, sabaa-himaalee, akkasumas taajjabdoota filannoo biro waliin ta’uun akka hojjetan eereera.

    Gareen taajjabdootaa kun gabaasa isaa sadarkaa tokkoffaa A L I Caamsaa 26, 2018 Finfinneetti ifa kan godhu yoo ta’u, gabaasa isaa dhumaa garuu filannoo booda ji’a lama keessatti baasa jedhameera.

    Waldaan Sivikii Itoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa taajjabuuf taajjabdoota yeroo dheeraa dhimma kanarratti hojjetan 500 ol babbaasuu isaa beeksiseera.

  9. Haleellaa Israa’el Libaanositti raawwatteen hedduun ajjeefaman

    Haleellaa Israa’el kibbaafi baha Libaanositti raawwatteen namoonni hedduu ajjeefaman.

    Haleellaan kuni erga Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahu Hezbollaa irratti haleellaa akka cimsan dubbatan booda dhagahame.

    Haleellaa teellanaan daa’imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni 31 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Libaanos dubbateera.

    Waraanni Israa’el akka jedhetti, bu’uuraalee Hezboollaa 100 ol rukuteera.

    Kuni, eega jaarsummaa Ameerikaan dhukaasi dhaabateeti haleellaawwan cimaa jedhaman keessaati.

  10. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Roobii eegale.

    Hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga Ayyaana Iid Al Adahaa geessan.

    Asumaan WhatsApp, TikTok, YouTube, Facebook fi marsariitiiBBC Afaan Oromoo hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  11. Iraan keessatti ji'oota booda interneetiin deebi'e

    Uggura ji'oota sadi booda Iraanitti interneetiin deebi'uu pireezdantii itti aanaan biyyattii beeksisan.

    "Tarkaanfiin jalqabaa tajaajila saayibarii walabaa fi to'atamaa ta'e bakkatti deebisuu fudhatameera," jedhan Mohammad Reezaa Aref Kibxata fuula X isaaniirratti ergaa qoodaniin.

    Jaarmiyaaleen Intarneetii hordofan Netblocks fi Kentik biyyattiitti intarneetiin ganama 01:00 akka lakkoofsa GMT'tti walakkaadhaan deebi'uu hime. Garuu immoo saffisa intarneetii ammallee gad aanaa dha jedhe.

    Mootummaan Iraan interneetii kan adda kute waraaana Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala 28 Iraanirratti banan hordofeeti.

    Aangawoonni sababa isaa yoo ibsan, basaasamuu hanqisuu, hordofamuu fi haleellaa saayibarii hambisuufi jedhan. Akka addunyaattuu uggurri interneetii yeroo dheeraa isa Iraan uggurte kana.

    Iraan irraa namni qabiyyee miidiyaa hawaasummaa dalagu Kibxata tajaajila interneetii WiFi argachuu hime.,

    "Wanni guddaan, galiiwwan koo amma naa galu," jedhe.

    Netblocks, tajaajilli interneetii baname kun itti fufuu isaa irratti wanti mirkanaaye hin jiru jedhe.

    "Iraan keessatti muuxannoo tana duraatiin interneetii uggurame bakkatti deebisuun sa'aatiiwwan dheeraa akka fudhatu" hime Netblocks. Kutaalee tokko tokko qaqqabuufis "torbaanota" akka fudhatu eere..

  12. Israa'el ganda baadiyyaa Libaanos keessatti nama 11 ajjeefte

    Waraanni Israa'el haleellaa irra deddeebii qiyyaafannoo Hezboolaati jedhuun kibbaa fi baha Libaanositti raawwate.

    Waraanni Israa'el haleellaan galgala buufataalee Hezboolaa 1000 fi hidhattoota isaaniirratti raawwate isa hamaa dha jedhame.

    Jaarsummaa Ameerikaatiin Libaanosii fi Israa'el walakkeessa Ebla darbee waliigaltee dhukaasa dhaabuu raawwachuun isaanii ni yaadatama.

    Haleellaa sulula Bekaa ganda Mashghara keessatti raawwatameen namoonni 11 ajjeefaman jedhe ministeerri fayyaa Libaanos. Waraanichi buufatni rukutame maandhee "sochii shororkeessitootaa" ti jedhe.

    Tarkaanfiin kun Ministirri Muummee Beenjaamin Neetaniyaahuu "haleellaa hamaan Hezboolaarraatti qiyyaafate akka fudhatamu" ajajuu hordofee tarkaanfii fudhatame.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu gam-lachiinuu sarbamaa tureera. Keessumaa kibba Libaanos keessatti haleellaan fudhatamaa ture. Kun immoo marii Iraanii fi US jidduu akka hin danqine sodaa uumeera.

    Humni qilleensaa fi meeshaaleen waraanaa jajjaboon Israa'el Kibba Libaanos yoo haleelu, Hezboolaan immoo rokkeettotaa fi diroonota iddoo jireenyaa hawaasa Israa'elii fi qubsuma loltoota Israa'el kibba Libaanos irratti haleellaa raawwachaa ture.

  13. Iraan haleellaan haaraa US raawwattee waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsa jette

    Ameerikaan ofirraa ittisuu sababa jedhuun haleellaa haaraa Kibba Iraanitti erga raawwatteen booda Teehraan Waashingitan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsite jechuun komatte.

    Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo gama isaaniin waraana biyyoota lameen gidduu adeemu dhaabuuf mariin taasifamu "guyyoota muraasa fudhachuu mala," jedhan.

    Ministarri Haajaa Alaa Iraan Ameerikaan kibba Iraan naannoo Hormuuzigaan jedhamutti haleellaa raawwchuu beeksisuun sarbaa "waliigaltee dhukaasa dhaabuu," ifa tahe dha jedhan.

    Biyyootni lamaan hamma kaleessaatti waligaltee wal hubannoo irratti mariin taasifamu faara qabaachuu himaa turan.

    Ameerikaafi Iraan mariin taasisan waliigalteen yoo goolabame waraana baatii sadiif adeemaa ture dhaaba, Ulaa Hormuz bansiisa akkaumas dhukaasa dhaabuun guyyoota 60tti dheerata jedhamee ture.

    Waraanni Ameerikaa kuusaa misaayelaa fi bidruuwwan fanjii dhukaasan kan kibba Iraanitti argaman irratti qiyyaafachuun haleellaa marsaa haaraa banuu beeksisaniiru.

    Waraanni US ''ofirraa ittisuuf'' akka raawwate beeksiseera. Kaayyoonsaas loltoota ''humna Iraaniin balaa dura dhaabbatee jiru tiksuufi,'' jedheera.

  14. 'Galoon Galaanaa kana booda buufata waraanaa US hin ta'u'- Hogganaa Olaanaa Iraan

    Hogganaan Olaanaan Iraan Mojtaabaa Kaamenii, Israa'eliin"balaafamtuu" jedhanii, kanaa booda naannoon Galoogalaana Faarsi buufata waraanaa Ameerikaa akka hin taane beeeksisan.

    Hogganaan Olaanaan kun ergaa barreeffamaan dabarsanii fi televijiinii mootummaatiin dhiyaate kanaan Israa'eliin "naannichatti dhibee balaafamtuu fi humna ajjeechaa" jechuun "baduu qabdi" jedhuu isaanii maddi oduu Iraan Tasniim gabaaseera.

    Mojtaabaan erga ajjeefamuu abbaa isaanii hordofee aangoo hoggansa olaanaa dhaalanii booda hanga ammaatti ifatti uummatatti kan hin mul'anne yoo ta'u, ergaa isaanii barreeffamaan dabarsaa turaniiru.

    Ergaa isaanii ammaa kanaan waraana Iraan irratti banamee booda wantoonni jijjiiramaa akka jiran kaasuun, buufanni waraana Ameerikaa biyyoota Galoo Galaanaa keessatti bakka akka hin qabaanne ibsaniiru.

    Hogganaan Olaanaan kun, "akkuma yeroo gara duubatti deebisuun hin danda'amne, biyyoonni fi lafti naannichaa kanaan booda dawoo buufata waraana Ameerikaa hin ta'an" jechuun gaheen Ameerikaa naannicha keessatti akka hin jiraanne akeekaniiru.

    Dabalataanis, "naannichatti buufatni waraanaa gocha hammeenyaatiif tajaajilan , akkasumas buufataaleen waraanaa dabalataa hin hundeeffaman" jedhan. "Ameerikaan guyyaa gara guyyaatti sadarkaa kanaan dura irra turte irraa gadi bu'aa jirtis" jedhaniiru.

    Hogganaan Olaanaan kun waraana baatiiwwan darban keessa gaggeeffameen Ameerikaa fi Israa'el irra miidhaan guddaan akka gahe eeruun, "tarkaanfii hamaan Iraan irratti fudhatteen Israa'el dandeettii dhabuu" fi Ameerikaanis "kaballaa hamaa akka dhandhamte" ibsaniiru.

  15. 'Gaaga'ama hambisuuf weerara Iboolaaf deebii jabaan kennamuu qaba'- Aangawaa DRC

    Rippaablika Dimookirataawaa Kongootti bulchaan kutaa Ituurii, bulchiinsa wiirtuu weerara Iboolaa taatee, weerara vaayirasichaa waraana wal fakkeessanii ofii immoo weerara dhibichaa to'achuuf hidhannoo gahaa akka hin qabne himan.

    "Namoonni naannolee dhibee kanaan qabaman keessa jiran nyaata gahaa argachaa hin jiran," jedhan Joonii Luboyaa Nikaashamaa miidiyaa Faransaay RFItti yoo himan,

    Dabalataanis "dhibeewwan biroo fi rukkinni uummataa" rakkoolee biroo ta'uu isaanii ibsaniiru. Bulchaan kun haalli kun gara balaa hammaataatti akka hin seenne" ittisuuf, dandeettii hojjettootaa cimsuu dabalatee, "deebii ariifachiisaan" akka kennamu gaafataniiru.

    Tamsa'amni dhibee kanaa Caamsaa 15 erga labsamee as, dhibee Ibolaatiin namoonni qabamuun isaanii shakkaman 900 ol ta'uu fi kanneen du'an immoo 223 ta'uu aangawoonni dubbatan.

    Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa dhibeen kun hanga jalqaba irratti yaadame caalaa saffisaan tamsa'aa jiraachuu akka danda'uu fi yaaddoo fayyaa hawaasaa idil-addunyaa ta'uu ibsan.

    Wiixata har'aa, Daayirektarri Olaanaan WHO Teedros Adhaanom, gara Rippabilika Dimookraatawa Koongootti imaluuf jiru, tamsa'amni dhibee Iboolaa carraaqqii ittisuuf godhamu caalaa saffisaa akka jiru dubbataniiru.

    Dabalataanis hojjettoonni saffisa tatamsa'ina isaarraa "booddeetti hafanii dhaqqabaa" akka jiran ibsan.

    Dhibeen Ibolaa kun kutaalee bulchiinsaa DRC kanneen akka Kiivuu Kaabaa fi Kiivuu Kibbaa keessattis kan gabaafame yoo ta'u, akkasumas biyya ollaa kan taate Yugaandaa keessattis namoonni torba dhibee kanaan qabamuun isaanii mirkanaa'eera.

    Kutaalee bulchiinsaa kunneen maal akka barbaadan bal’inaan yoo ibsan, Kaashamaan "hojjettootni dandeettii qaban" saffisaan ramadamuu akka qabanii fi "buufataalee yaalaa amansiisaa ykn nagummaan isaanii eegame" hundeeffamuu akka qabu gaafatan.

    Firoottan reeffa maatii isaanii kanneen dhibee Ibolaatiin du’an jedhamanii gabaafaman fudhachuuf yaalaa turan buufataalee yaalaa lama irratti haleellaa raawwataniiru.

    "Qabeenyi ykn meeshaan keenya inni jiru waraana duriif kan ramadame ture, waraanni lammaffaan amma nutti dhufe kun immoo qabeenya dabalataa hedduu gaafata," jedhan.

  16. Riyaal Maadiriid garee biyyaalessaa Ispeeniif taphataa tokkollee osoo hin gumaachin hafe

    Waancaa Addunyaa ganna kana gaggeeffamuuf kilabni Riyaal Maadriid taphataa tokkollee osoo hin gumaachin hafe.

    Faallaa kanaa Baarseloonaa irraa Laamiin Yaamaal dabalatee taphatoonni saddeet garee biyyaalessaaf filamaniiru.

    Taphattoonni ittisaa Riyaal Maadriid Diin Huijseen fi Daanii Carvajal garee biyyaalessaa Ispeen keessatti osoo hin dabalamin hafaniiru.

    Riyaal Maadiriid keessaa taphattoonni garee biyyaalessaaf osoo hin filamin hafuunsaa kun kan jalqabaati jedhame.

    "Ani kilaba sana ykn kana miti kanan ilaalu. Ilaalcha mandaraa tarii deeggartoonni qaban hin qabu ani," jechuun kilabarrati xiyyeeffatee xaphattoota akka hin filanne ibse leenjnisaan garee biyyaalessaa Ispeen Luwiis de la Foontee.

    Riyaal Maadriid bara kana waancaa homaa hin arganne. Dorgommii waancaa Laa Liigatiin qabxii saddeetin caalamee Baarseloonatti aanun lammaffaa xumure.

    Dorgommii Waancaa Addunyaa Waxabajjii 11 hanga Adoolessa 19tti gaggeeffamu kanarratti Ispeen kilaboota Piriimeerliigii Ingiliz keessa taphatan torba yoo waamtu, Baarseloonaa irraa ammoo taphattota saddeet filatteetti.

    Taphattoonni akka Deeviid Raayaa, Maartiin Zubimeendii, Peedroo Pooroo, Laamiin Yaamaal Roodrii, Maark Kukureellaa, Yereemii Piinoo kilaboota Ingilizii irraa filamaniiru.

  17. Iraanitti guyyoota 90 intarneetiin deebi'ee akka banamu Pirezidaantiin biyyattii ajajan

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan erga waraanni Iraan eegalee intarneetiin biyyattiitti guutummaan deebi'ee akka banamu ajaja dabarsuu isaanii Rooyitars gabaase.

    US fi Israa'el wal-ta'uun guyyaa Iraanirratti waraana labsanii kaasee Iraan guutummaatti intarneetii cufte.

    Erga waraanichi eegalee guyyoota 90 boodadha Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan intarneetiin deebi'ee akka banamuuf ajaja kan dabarsan.

    Lammiileen Iraan akkamiifi yoom intarneetiin akka banamuuf ifaa miti.

    Dhaabbanni addunyaarratti intarneetiin banamuufi cufamuu hordofu NetBlocks akka gabaasetti, lammiileen Iraan hedduun intarneetiin erga jalaa citee guyyoota 87 ta'eera.

    Akka gabaasa kanaatti lammiilee Iraan muraasa qofatu intarneetii gatii qaaliin argachuun danda'amu kan akka VPN fa'aa fayyadama.

  18. Godaantonni Itoophiyaa 200 Jibuutiidhaa deebifaman

    Godaantonni Itoophiyaa 200 ta'an Jibuutiidhaa gara Itoophiyaa akka deebifaman taasifamuu Embasiin Itoophiyaa Jibuutiitti argamu beeksise.

    Embaasichi akka himetti, Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) waliin ta'uuni baaburaan gara Itoophiyaa kan deebise.

    Godaantota al-idilee jedhee ibse kana biyyatti deebisuu akka itti fufullee beeksiseera.

    Lammiileen Itoophiyaa jireenya wayyoo qabu barbaacha gara biyyoota giddugala bahaa deemuu barbaadan Jibuutii keessa qaxxaamuru.

    Haa ta'u malee, beela, dheebuufi dhibee garagaraaf akkasumas dallaalota waliin dhahan harkatti lubbuun isaaniillee darba.

  19. Lammiileen biyya alaafi dippilomaatonni magaalaa guddoo Yukireen gadhiisanii akka bahan Raashiyaan akeekkachiiste

    Raashiyaan haleellaa guddaa karoorsen jira jechuun lammiileen biyya alaa magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv gadhiisanii akka bahan akeekkachiiste.

    Mooskoon kana kan beeksiste haleellaa guddaa magaalattii irratti erga gaggeessitee booda yoo ta'u, haleellicha itti fufuuf karoora qabaachuu ibsite.

    Ministeerri dhimma alaa Raashiyaa akka beeksisetti, haleellaan haaraan karoorfame wiirtuuwwan omisha diroonii, ajaja waraanaa irratti kan xiyyeeffatu ta'uu ibsuun, namoonni naannoo waajjiraalee bulciinsa mootummaafi waajjiraalee waraanaa akkasumas wiirtuwwan waraanan wal-qabatan irraa akka fagaatan akeekkachiise.

    Lammiileen biyya alaafi dippilomaatonni "hatattamaan" magaalaa Kiiv gadhiisanii akka bahaniifi lammiileen Yukireen ammoo gamoowwan bulchiinsafi kan waraanaa irraa akka fagaatan beeksiste.

    Yukireen ammoo sodaachisi Raashiyaa mancaatii gaggeessun "sodaa uumuu" irra kan darbe waan addaa hin qabu jechuun michoonnishee Mooskoo irratti akka dhiibbaa godhaniif waamicha dhiyeessote.

    Yukireen daangaa Raashiyaan to'atte keessatti haleellaa cimaa gaggeessuun namoonni heddu du'uu hordofee Raashiyaan haaloo bahuuf akkuma dhaadatte, Sambata darbe haleellaa guddaa maaglota Yukireen irraatti gaggeessuun mancaatii guddaa qaqqabsiistetti.

    Haleellaa kanaan misaa'ela ammayyaa dhiyeenya ifa gootefi saffisa sagalee dachaa hedduun imalu Oreshinik jedhamus akka fayydamtetu himama.

  20. Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe

    Gabaasni haaraa Kongiresiin US baase waraana Iraan irratti waraanni US hangam akka miidhame mul'ise. Gabaasni kun waliigalatti xiyyaaronni US 42 yeroo waraana kanaa Iraaniin haleelamanii barbadaa'uus agarsiiseera.

    Gabaasni kun Tajaajila Qo'annoo Kongireeshinaalii US [US Congressional Research Service] kan qophaa'e yoo ta'u, odeeffannoo Ministeera Ittisaa US, Ajaja Giddugaleessaarraa, akkasumas miidyaaleerraa argamanirratti hundaa'uunidha.

    Gabaasni kun marsariitii Kongiresii US irratti maxxanfameera.

    Qajeelchi qo'annoo rakkoo kutaa karoora waraanaa mudatee ture ilaalchisee odeeffannoo kenneeraaf.

    Gabaasni kun meeshaaleen manca'an jeettiiwwan waraanaa, dirooniiwwan, helekooptara hidhannoo qaban, akkasumas xiyyaara oppereeshinii addaaf bobba'an hammata.

    Gabaasni kun aanga'aa Ministeera Ittisaa US, Juules W. Harsit jedhamu waabeffachuun Ameerikaan baasii xiyyaarota miidhaman suphuufi bakka buusuu dabalatee waraana kanarratti dolaara biliyoona 29 ol baasuu ishee agarsiiseera.