Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp maaliif Turkiin 'Waliigaltee Abrhaam'tti akka makamtuuf dhiibbaa gochaa jiraa?
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan waliin waliigalteerra ga'uudhaaf biyyoonni ta'an warra akka Turkii dabalatee Waliigaltee Abrahaam (Abraham Accords) kan jedhame kanatti makamuu qabu jedhe.
Doonaald Tiraamp barbaachisummaa biyyoonni warri akka Sa'ud Arabiyaa, Qaataar, Paakistaan, Turkii, Masirii, akkasumas Yordaanos Waliigaltee Abrahaam kana mallatteessuun cimsee dubbata.
Waliigaklteen Abrahaam kun bara dhuma aangoo Tiraamp kan marsaa duraa kan wixineeffame yoo ta'u, hariiroo dippilomaasii Israa'el fi biyyoota Arabaa tokko tokko waliin sirreessuu kan kaayyeffatedha. Waliigaltee kana kan gidduu deemee jaarsummaan hojjetu ammoo Ameerikaadha.
Jalqaba waliigalteen gamlamee Israa'el fi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE), akkasumas Baahireen gidduutti Fulbaana 2020 ture kan mallatteeffame.
Sana hordofee ammoo SUdaan Onkoloolessa 2020 hariirooshee Israa'el waliin bakkatti deebifachuuf fedhii akka qabdu beeksiftee turte, garuu sababa wal waraansi biyyattii keessatti dhalateef adeemsi mallatteessuu osoo galma hin ga'iin hafe.
Morookoon ammoo Mudde 2020 faana warra kaanii bu'uun Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii uummatte.
Bara 1992 irraa kaasee Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii kan qabdu Kaazaakistaanis, Sadaasa 2025 Waliigaltee Abrahaam kanatti makamteetti.
Somaaliilaand, kan Israa'el beekamtii biyyummaa kenniteef Mudde 2025 Waliigaltee Abrahaamitti makamuuf fedhii akka qabdu beeksifteetti.
Biyyi Somaaliilaand kan Somaaliyaarraa walaba akka baatetti labsatteef beekamtii biyyummaa kennite Israa'el qofaadha.
Somaaliilaand hariiroo siyaasaafi dippilomaasii biyyoota baayyee waliin uummatteetti.
Waliigalteen Abirahaam maaj jedha?
Bara 2020 Ameerikaan jaarsummaan gidduu seentee biyyoonni Baha Giddugalaa afur Israa'el waliin hariiroo dippilomasii akka raawwatan goteetti.
Bara 2020 Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu karoora kana ''carraa jaarraa kanaa'' jechuun ibsanii marii Filisxeemota waliin raawwachuuf akka bu'uuraatti akka fayyadu dubbataniiru.
Pirezidantiin Filisxeem Maahimud Abbaad immoo karoora kana mormuun ''kaballaa jaarraa kanaa'' jechuun ibsan.
''Tiraamp fi Netaaniyaahuutin Jerusaalem gabaaf hin dhihaattu, mirgi keenyi hundi gabaaf hin dhihaatu nan jedha,'' jechuun dubbatan.
Waliigalteen kuni hooggansa Iraaniinis balaaleeffatameera.
Biyyoonni Waliiglatee kana mallatteessan "amantaawwan gidduutti wal danda'uun akka jiraatuusi aadaa irratti waliin mariyachuun akka jiraatu" jabeessuutu irraa eegama. Kana gochuun ammoo biyyoonni hariiroo dippilomaasii isaanii jabeeffataa akka deeman taasisa.
"Nama hundaaf obsaa fi kabaja qabaachuun addunyaan kun bakka namoonni sanyii kamirraayyu ykn saba kamirraayyu ta'an qal kabajanii waliin jiraatan akka taatuuf waamicha goona," jedha labsiin Waliigaltee kanaa.
"Nuti Baha Giddugaleessaafi guutummaa addunyaatiif mul'ata nagaa, tasgabbii, akkasumas badhaadhinni" haa jiraatu jenna.
Maqaan "Waliigaltee Abrahaam" jedhamu kun kan filatameef maddi amanaalee gurguddoo sadii Yihudii, Kiristaanaa fi Islaamaa kan "amantaawwan Abrahaam" jedhamiif ka'umsa ta'uuu agarsiisuufidha.
Biyyoonni baayyeen waliigaltee kana malleetteessan naannoo amantaaleen kunneen maddanirraati.
Xiinxaltoonni tokko tokko akka jedhanitti, Israa'el fi biyyoonni Arabaa Sunnii ta'an Waliigaltee Abrahaam kana mallatteessan, naannicha keessatti warra biyya hordoftoota Shi'aa taate Iraan waliin wal dura dhaabbatanidha jedhu.
Kana keessatti dabalamuun Turkii ammoo Waliigaltee kanaaf hiika guddaa ni qabaata jedhu. Sababiin isaas Turkiin naannicha keessatti dhageettii murteessaa ta'e waan qabduuf.
Waliigalteen kuni maal buuse?
Bara 2020 aangawoonni Israa'el akka tilmaamanitti daldalli UAE waliin qaban waggoota muraasa keessatti wagga waggaan dolaara biliyoona 4 ni gaha.
Akka ragaa Biiroo Istaatistiksii Giddugaleessaa Israa'elitti daldalli Israa'el fi biyyoota Waliigaltee Abirahaam mallatteessan bara 2023 keessa dolaara biliyoona 4 caaleera.
UAE'f waliigalteen kuni hariiroo daldalaafi waraanaa ishee akka cimsattu ishee gargaareera.
UAE fi Baahireen biyyoota addunyaa seektara tekinolojii ammayyaa qaban keessaa tokko kan taate Israa'el waliin ifatti daldalu.
Morookoon hariiroo dippilomasii ishee kan foyyeessite yoo ta'u bu'aa dinagdee muraasas argatteetti.
Hirmaannaan Sudaan garuu gara caalu danqameera.
Haleellaan Hamaas Israa'el irratti raawwateefi Israa'el Gaazaatti ceetee haleellaa banuun hariiroo dippilomasii Giddugala Bahaa keessatti jijjiirama guddaa fide.
Hariiroo diinagdee kan laaffise yoo ta'u Israa'el fi biyyoota naannichaa gidduu hariiroo jiru hammesseera.