Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Itoophiyaatti Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa gaggeeffamaa jira

Itoophiyaatti Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa ganama bariin gaggeeffamuu eegaleera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Har'a uumatni bahee akka hin filanneef diinni waan hin goone hin qabu...'

    Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waa'ee filannoo marsaa torbaffaa har'aa irratti yaada kennaniin ''uummati aarsaa guddaa kaffale,'' jedhan.

    Yaada miidiyaa biyya keessaa EBC dhaaf kennaniin ''aadaan filannoo akka jabaatuufi bu'aa qabeessa akka tahuuf uummati aarsaa olaanaa kaffale,'' jedhan.

    Filannoon baranaanis galmeerraa qabee ''humnooti Itoophiyaa diiguu barbaadan bitaa mirgaa dhiibbaa jabaa taasisaafi tarkaanfii fudhataa turan,'' jechuun ''uummati dhiibbaa kana hunda dandamatee galmaa'eera,'' jedhan.

    Dabaluunis ''har'a immoo uummati bahee akka hin filanneef diinni waan hin goone hin qabu. Uummati keenyi kana hunda dandamatee bahee filataa jira,'' jedhan.

    Kanaanis ijaarsa aadaa demookiraasiif ''uummati hangam aarsaa akka kaffalu,'' agasriisa jedhan.

    Uummati waan irraa eegamu raawwachuu himuun booda, itti gaafatmummaan kan dorgomtootaa akka tahe himaniiru.

    ''...kutannoo uummata keenyaa hubannee aangoon kan argamu karaa demokiraasiin qofa, kaardii uummataan qofa tahuu hubannee karaan humnaa hundi dhaabbatee, hundi karaa demookiraasii kana keessa seenee carraa argachuufi, yeroo carraa argatu ammoo waan kaffalamu hunda kaffalee, karaa ittiin hojii bu'aa qabeessa tahe hojjetu uumuu qaba,'' jedhaniiru.

  2. Bu'aan filannoo mirkanaa'aan yoom ibsama?

    Sagantaan Boordiin Filannoo Itoophiyaa baase bu'aan filannoo waliigalaa marsaa torbaffaa ALI Waxabajjii 2, 2018 ni ibsama jedha.

    Akkaataa sagantaa boordii filannootti bu'aan filannoo Caamsaa 27 hanga Waxabajjii 2 ibsamee ni xumurama.

    Bu'aan filannoo waliigalaa mirkanaa'aan (inni xumuraa) ibsamuu dura Kibxata borii (Caamsaa 25, 2018) irraa eegalee buufataalee filannootti ibsamuu eegala.

    Buufataalee filannootti bu'aan filannoo Caamsaa 25 hanga 29 akka ibsamu sagantaan boordii filannoo ni mul'isa.

    Boordichi bu'aalee filannoo buufataalee filannoorraa kan walitti qabatu ammoo Caamsaa 26 hanga Waxabajjii 1 gidduutti.

    Boordiin filannoo kun yeroon komii itti dhiheessan Caamsaa 24 hanga Waxabajjii 2 gidduutti ta'uu ibseera.

  3. US fi Iraan haleellaa walirratti raawwatan

    Ameerikaan wiirtuuwwan humna waraanaa Iraan haleeluu yoo himtu, Iraanis buufataalee US irratti haleellaa raawwachuun haaloo ba'uu ibsite.

    Kun qoccolloo Ulaa Hormuuziin walqabatee deemaa jiru ilaalchisee torban keessatti yeroo sadaffaaf haleellaa raawwatamedha.

    Giddugalli ajaja waraanaa US weerarri humni waraanaa Iraan irratti raawwate ofirraa ittisuuf akka haleellaa raawwate ibse.

    US Iraan diroonii ishee haleeluun naannwa Ulaa Hormuuzitti kuffisuu himatte.

    Jaarmiyaan Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) kibba biyyattiitti buufata humnoonni Ameerikaa itti fayyadaman irratti haleellaa raawwachuu hime.

    Gama kaaniin Kuweet haleellaa misaa'elootaa fi dirooniiwwan ofirraa qolachuu ibsite.

    Ministeerri dhimma alaa biyyattii haleellaa Iraan irra deddeebiin raawwattu kana balaaleffachuun ibsa baaseera.

    Pirezidanti Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti kanneen isa qeeqan 'tasgabbiin murtee isaa akka eegan'' gaafateera.

    ''Dhumarratti waan gaariitti baana. Iraan waliigaluu barbaaddi. Kunimmoo Ameerikaaf gaariidha,'' jedhe.

    Biyyoonni lameen [US fi Iraan] erga dhukaasa dhaabuun mari'achuuf waliigalanii haleellaan walirratti raawwatan kun isa cimaadha.

    Biyyoonni lameen dhukaasa dhaabuu labsan dhimma Ulaa Hormuuz irratti walqoccoluu fi darbanii darbanii wal haleeluu hin dhaabne.

  4. Naannolee haaraa sadii barana yeroo jalqabaaf filannoorratti hirmaatan

    Murtii uummataatiin of danda’anii naannoo kan ta’an naannoleen sadii yeroo jalqabaatiif filannoo marsaa 7ffaa filachiisaa jiru.

    Naannoo duraan saboota, sablammootaa fi uummattoota Kibba jedhamu beekaman adda bahuun naannoo of danda’e ta’an naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa, Giddugaleessa Itoophiyaa fi Naannoo Uummattoota Kibba Itoophiyaati.

    Naannoleen kunneen yaa’ii hundeeffama isaanii irratti manneen marii kan hundeeffatan yoo ta’u, filannoo miilanaa kanaan miseensa mana marii isaanii dabalaniiru.

    Haaluma kanaaN naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa teessoowwan mana marii 105 qabaachaa kan ture teessoowwan 70 dabaluun filannoo baranaatiin mana mariitif teessoowwan 175 filachiisaa jira.

    Murtii uummataatiin godinni hedduun irraa foxxoquun qofaatti kan hafeefi haala teessuma lafasaarraa ka’uun naannoo uummattoota Kibba Itoophiyaa kan jedhamees baayina teessoo mana mariisaa 95 ture dabaleera.

    Haaluma kanaan baayina miseensota mana mariisaa gara teessoo 229tti guddise.

    Kunis naannoo teessoo mana marii baayyee qabu 4ffaa isa taasisa.

    Naannoo Sidaamaatti aanuun naannoo of danda’e 11ffaa ta’ee federesshinitti kan makame Naannoon Kibba Lixa Itoophiyaa baayina teessoo mana marii amman dura qabu 52 irratti teessoo 119 dabalee filannoo gaggeessaa jira.

    Kunimmoo ibsa boordiin filannoo baranaa irratti baayyini teessoo manneen marii dabaleera jechuun Finfinnee fi naannolee ja’a eeraman keessaa naannoo teessoo mana marii hedduu dabale isa taasisa.

  5. Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa buufata filannoo muraasatti sababa rakkoo nageenyaan filannoon adda cituu Boordiin beeksise

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa filannoo ilaalchisee ibsa kenneera.

    FBC'n ibsa walitti-qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Melatework Hayiluu miidiyaaleef kennite eeruun buufataaleen filannoo 50,188 barii sa'aatii 12:00 irraa kaasee banamuu himuun, kanneen keessaa buufataaleen filannoo 143 sababa nageenyaan kan hin banamne ta'uu gabaaseera.

    Walitti qabduun Boordichaa kun buufataleen filannoo gara 695 ta'an sa'aatii karoorfametti osoo hin banamiin hafanii, daqiiqaa 30 hanga sa'aatii tokkoo turanii banamaniiru jette.

    Filannoon kun bilisaa fi amanamaa ta'uu tajjabdoonni buufata filannoo kuma 39 ol ta'uu keessatti argamuun tajjabuus walitti-qabduun Boordii Filannoo kun kan eeraan.

    Boordiin filannoo kun buufataalee filannoo muraasa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti sababa rakkoo nageenyaan adeemsi sagalee kennuu adda citeerus ibseera.

    Naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti buufataalee filannoo erga sagaleen kennamuu jalqabee sababa rakkoo nageenyaan adda cituu Walitti qabduun Boordichaa ibsiteetti.

    Kana malees, miseensi Boordii Filannoo tokko ganamarraa ka'ee motorsaayikiliin haala filannichaa hordofaa turerra balaa ga'een lubbuun isaa darbuu beeksisteetti.

    Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa har'a gaggeeffamaa jiru yeroo yaaddoon nageenyaa naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessatti ababii sochiin hidhattootaan mul'achaa jiru keessatti gaggeefamaa jira.

    Hidhattoonni naannolee lamaan keessa sosso'an, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi hidhattoonni 'Faannoo', sochiin geejibaa akka hin jiraanne fi filannoo akka danqan dhaadataniiru.

    Mootummaa garuu yaaddoo kana qolachuuf qophaa'uu Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dubbataniiru.

  6. Gaazexeessitoonni filannoo gabaasuuf socho'an dhorkamuu Boordiin Filannoo beeksise

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa miidiyaaleen Boordichaan galmaa’anii filannoo gabaasaa turan naannoolee muraasa keessatti hojii isaaniirraa akka dhorkaman beeksise.

    Kaleessa Dilbata, gaazexessitoota muraasa qophii filannoo hordofuuf buufataalee filannootti yeroo socho’an hojjettoota filannoo fi humnoota nageenyaan dhorkamuu Boordichi ibseera.

    Kutaa Magaalaa Lidata Aanaa 7 keessatti namoonni taajjabdoota Paartii Badhaadhinaa bakka bu’uu isaanii ibsan lama, “ajajni qaamaa mootummaa ol’aanaarraa hanga kennamutti” jechuun gaazexessitootni hojii isaanii irraa akka hin hojjanne dhorkuun himameera.

    Hayyamni boodarra kan kenname ta’us, suuraa kaasuufi viidiyoo waraabuun garuu akka hin hayyamamne ibsameera.

    Kutaa Magaalaa Yekkaa Aanaa 6 keessatti buufata filannoo tokko irratti humnoonni nageenyaa uggura wal fakkaataa raawwachuu isaanii 'Ethiopia Insider' gabaaseera.

    Kutaa Magaalaa Qirqoos keessatti ammoo poolisoonni eegumsaaf bobba’an, gaazexessitoonni ragaa eenyummaa Boordii Filannoo irraa argatan agarsiisanillee, bakka sanatti gabaasa hojjachuu fi suuraa kaasuu dhorkamaniiru.

    'Ethiopia Insider' Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa keessattis rakkoon wal fakkaataan isa mudachuu beeksiseera.

    BBC dabalatee miidiyaaleen walabaa biroos filannoo kana biyya keessaa gabaasuuf hayyama akka hin arganne ibsameera.

    Boordiin Filannoo miidiyaaleen naannoolee adda addaa keessatti gabaasuuf “xalayaa qaama mootummaa dabalataa” akka dhiyeeffatan gaafatamuu isaanii eeruun, gaazexessitoota hojii isaanii irraa dhorkuun “dogoggora” ta’uu isaa ibseera.

    Boordiin Filannoo, filannoo kana gabaasuuf miidiyaalee 68 fi gaazexessitoota 1,815 hayyama kennuu isaas eerera.

  7. Waa'ee Filannoo Itoophiyaa MM Abiy maal jedhu?

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Jimma Magaalaa Bashaashaa buufata Filannoo Harootti argamuun sagalee kennaniiru.

    Filannoo kana ilaalchisuun yaada miidiyaaleef kennaniin ummatni biyyattii qophaa'ina sirna isaaf ta'u ummachuu mul'isaa jiru dinqisiifataniiru.

    Yeroo diinotni Itoophiyaa filachuu hin dandeessan jedhanii ololaa gaggeessa jiranitti ummatni bifa kanaan bahee hirmannaa taasisuun filachuu fi sirna ofii dhaabbachuun akka danda'amu kan itti mul'iseedha jedha.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad bu’aa filannoo kana fudhachuuf qophii ta’uus ibsan.

    Kun jalqabbii gaarii ta'uu fi cimee akka itti fufullee dubbatan.

  8. Pirezidaantoonni naannolee Itoophiyaa sagalee kennaa jiru

    Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaan guyyaa har'aa gaggeeffamuu eegale irratti pirezdaantootnoi naannolee hirmaachuun sagalee isaanii kennuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Qondaaltota olaanoo hanga yoona sagalee kennan keessaa Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa Dooktar Nagash Wageeshoo , Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddamoo, Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Oordiin Badrii, Pirezidaantiin Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa obbo Indaashaawu Xaasoo fi Pirezidaantiin Naannoo Beniishaangul Gumuuz Obbo Ashaadilii Hasan kanneen buufata filannoo naannoo isaaniitti sagalee isaanii kennan ta’uun ibsameera.

    Qondaaltoti olaanoon naannolee kunneen lammiileen adeemsa filannoo keessatti dammaqinaan akka hirmaatanis waamicha dhiyeessaniiru

  9. Waa'ee Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qabxiilee ijoo shan

    Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaan guyyaa har'aa gaggeeffamuu eegaleera.

    Filannoo qophiin guddaa taasifamaafiif ture karaa nagaan akka xumuramu qaamoleen nageenyaa qophaa'uu ibsaniiru.

    Filannoon har'a taasifamu miseensota mana maree ummataafi miseensota mana maree naannootiifidha.

    Miseensonni filaman immoo adeemsa keessa mootummaa haaraa filatu jechuudha.

    Filannoo kanarratti paartii biyya bulchu dabalatee paartileen 40 ol ni dorgomu jedheera Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa.

    Mee filannoo kana ilaalchisee wantoota ijoo shan ka'aa jiran haa ilaallu.

  10. Adeemsi filannoo haala gaariin deemaa jira - Uhuruu Keniyaataa

    Adeemsi filannoo hanga ammaa haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu dursaan garee Gamtaa Afrikaa taajjabduu filannoo Uhuruu Keeniyaataa hime.

    FBCn akka gabaasetti, Uhuruu Keniyaataa adeemsa Filannoo Waliigalaa irra deemanii ilaaluu eeruun haala gaariin deemaa jira jedheera pirezidantii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa.

    Filannoon lammileen mirga dimokiraasii isaanii fayyadamuun gaggeessaa isaanii kan ittiin filatan ta'uu ibsuun, akka ardiitti kun akka milkaa'uuf Gamtaan Afrikaa cimsee hojjeta jedheera.

    Itoophiyaan teessoo ardii Afrikaa ta'uu isheerraa kan ka'een asitti filannoo milkaa'aa taasisuun guutummaa Afrikaatiif fakkeenyadhas jedheera.

    Itoophiyaanonnis mirga isaanii fayyadamuun akka filataniif hubachiisuun, filannichi haala gaariin akka xumuramu abdii qabaachuu ibseera.

  11. Ummanni bariin sagalee kennuuf buufataaleen filannootti argamuun sagalee kennaa jira

    Kutaalee Itoophiyaa gara garaa keessatti ummanni Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Marsaa 7ffaa irratti sagalee kennuuf ganamaan hiriira qabatee dabaree eeggachaature amma sagalee kennaa jiraachuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.

    Suuraawwan FBC irraa argame akka mul'isutti magaalota gurguddoo akka Finfinnee, Jimmaa, Maayaa, Hawaasaa, Aarbaa Mincii, Shaashamannee, Moojoo, akkasumas maagaalaawwan xixiqqaafi aanaalee keessatti namoonni buufataaleen filannootti dabaree eeggachaa yeroo jiran mul'isa.

    Kana malees, raawwachiiftonni filannoo wayita meeshaaleen filannoo wal harkaa fuudhinsa raawwatan ni mul'atu.

    Suuraan akkasitti qixeessineerra. Daawwadhaa!

  12. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora tamsaasa kallattiin oduu isin biraan ittiin geenyu kan har'aa jalqabneerra.

    Xiyyeeffannoon keenya waa'ee Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Marsaa 7ffaa irrattidha. Waa'ee Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qabxiilee ijoo shan.

    Itoophiyaan filannoo gaggeessaa jirti, garuu kan filatu hunda miti.

    Wayita hidhattoonni ''filannoo sobaa'' jechuun gufachiisuuf dhaadatanitti poolisiin qophiin hundi xumuramuu ibsuu.

    Kanneen jedhaniifi kan biroo hedduu isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.