Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa buufata filannoo muraasatti sababa rakkoo nageenyaan filannoon adda cituu Boordiin beeksise

Madda suuraa, National Election Board of Ethiopia
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa filannoo ilaalchisee ibsa kenneera.
FBC'n ibsa walitti-qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Melatework Hayiluu miidiyaaleef kennite eeruun buufataaleen filannoo 50,188 barii sa'aatii 12:00 irraa kaasee banamuu himuun, kanneen keessaa buufataaleen filannoo 143 sababa nageenyaan kan hin banamne ta'uu gabaaseera.
Walitti qabduun Boordichaa kun buufataleen filannoo gara 695 ta'an sa'aatii karoorfametti osoo hin banamiin hafanii, daqiiqaa 30 hanga sa'aatii tokkoo turanii banamaniiru jette.
Filannoon kun bilisaa fi amanamaa ta'uu tajjabdoonni buufata filannoo kuma 39 ol ta'uu keessatti argamuun tajjabuus walitti-qabduun Boordii Filannoo kun kan eeraan.
Boordiin filannoo kun buufataalee filannoo muraasa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti sababa rakkoo nageenyaan adeemsi sagalee kennuu adda citeerus ibseera.
Naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti buufataalee filannoo erga sagaleen kennamuu jalqabee sababa rakkoo nageenyaan adda cituu Walitti qabduun Boordichaa ibsiteetti.
Kana malees, miseensi Boordii Filannoo tokko ganamarraa ka'ee motorsaayikiliin haala filannichaa hordofaa turerra balaa ga'een lubbuun isaa darbuu beeksisteetti.
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa har'a gaggeeffamaa jiru yeroo yaaddoon nageenyaa naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessatti ababii sochiin hidhattootaan mul'achaa jiru keessatti gaggeefamaa jira.
Hidhattoonni naannolee lamaan keessa sosso'an, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi hidhattoonni 'Faannoo', sochiin geejibaa akka hin jiraanne fi filannoo akka danqan dhaadataniiru.
Mootummaa garuu yaaddoo kana qolachuuf qophaa'uu Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dubbataniiru.
















