Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo walakkeessaa US: Maal argamsiisa, maal hanqisa? Gaafilee ijoo 7fi deebii
Dhimmoota ijoo 7 waa'ee filannoo walakkeessaa US beekuu qabdan
Filannoon walakkeessaa Yunaayitid Isteetis (US) adeemsifamuuf guyyota muraasa qofatu hafe. Bu'aan filannoo kanaas turtii pirezidaantummaa Doonald Tiraamp kanaan boodaarratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda'a.
Filannoon walakkeessaa maali?
Lammiileen Ameerikaa Sadaasa 3, 2026 miseensota Kongirasii biyyattii kan filatan yemmuu ta'u, kongirasiin kun Mana Maree Bakka Bu'ootaafi Seeneetii ofkeessatti qabata.
Filannoon kun marsaa waggaa lama lamaan adeemsifama. Yeroon itti adeemsifamus pirezidaantiin biyyattii waggoota afuriif filame waggoota lamaan jalqabaa erga tajaajileen boodadha.
Hojiin koongirasii inni ijoon seerota federaalaa baasuufi raggaasisuu yemmuu ta'u, seeronni kunis guutummaa biyyattiitti hojiirra kan oolanidha.
Kanaafis bu'aan filannoo walakkeessaa paartii Tiraamp kan ta'e Ripablikaaniimoo, morkataasaa Dimokiraatootatu koongirasii to'ata kan jedhu murteessa. Bu'aa kanarratti hundaa'unis pirezidaantichi karoorasaanii salphaatti hojiirra oolchuu danda'u yookinimmoo hojiirra oolchuuf rakkachuu danda'u.
Kana malees bu'aan filannichaa lammiileen US hojii pireezidaantiinsaanii waggoota lamaan darbaniif hojjetaniin hagam gammadoo akka ta'an kan ittiin madaalamu akka ta'ettis ilaalama.
Eenyutu filama?
Filannoo walakkeessaa US kanaan miseensonni Mana Maree Bakka Bu'ootaa 435 ni filamu. Miseensonni kun waggoota lamaaf qofa tajaajilu. Manni Maree kun kan wixineen seerotaa itti dhiyaatufi falmiin irratti gaggeeffamudha.
Kana malees teessoowwan Seeneetii 100 keessaa 35'nis filannoo walakkeessaa kanaan walmorkiin irratti gaggeeffama. Miseensonni Seeneetii kan Senaataroota jedhamuun beekaman waggoota jahaaf tajaajilu.
Hojiilee Senaatarootaa keessaa inni ijoonis wixinee seerotaa Mana Maree Bakka Bu'ootaarraa dhufan raggaasisuu yookiin kuffisuudha.
Gama biraatiin guyyaa filannoo walakkeessaatti filattoonni kutaalee Ameerikaa hedduu qondaalota siyaasaa sadarkaa naannoos ni filatu.
Haaluma kanaan walmorkiin Kaaliforniyaa, Filoriidaa, Joorjiyaafi Mishigaan keessatti bulchaa/bulchituu ta'uuf godhamu kunneen filannoo kanaan eegaman keessaati.
Dhimmoonni ijoon fillanichaa maalfaadha?
Qaala'uu gatii boba'aa, omishaalee tajaajila mana keessaa, manafi tajaajila fayyaan walqabatee diinagdeen US dhimma sammuu filattoota heddu keessa jirudha.
Qaala'insi gatii biyyattii keessaas hamma Baankiin Giddugaleessaa biyyattii karoorfatee ol erga ta'ee bubbuleera. Dhimmoota kanaaf gumaachan keessaa tokkommoo waraana US fi Israa'el ji'a Guraandhalaa darbe Iraan walin eegalanidha.
Kana malees sagantaan taarifa daldalaa Tiraamp hojiirra oolchan lammiilee Ameerikaarratti gatii omishaalee dabaluusaa Dimokiraatonni himu.
Godaansi dhimma isa biraa yemmuu ta'u, gama kanaan Tiraamp waadaa bara 2024 seenan hojiirra oolchuusaanii Ripablikaanonni himu. Pireezidaantichi eegumsa daangaa cimsuun cinatti godaantota seeran alaarratti duula bal'aa (yeroo baay'ee falmisiisaa ta'e) gaggeessuusaanii himu.
Filannichi maal argamsiisuu yookiin dhabmsiisuu danda'a?
Kongirasiin dameelee mootummaa sadeen keessaa tokko yemmuu ta'u, lamaan hafan pirezidaantiifi damee haqaati. Kanaafis paartii tokkoof kongirasii to'achuun seerota bahan akka fedha isaatti bocuuf isa gargaara.
Yeroo ammaatti Manni Maree Bakka Bu'ootaafi Seeneetiin olaantummaa Paartii Ripablikaaniin qabamanii jiru. Haa ta'u malee teessoon paartichi qabu kan dimokraatonni qabatanii jiran xiqquma caala.
Ripablikaanonni Mana Maree Bakka Bu'ootaa keessatti teessoo 218 kan qaban yemmuu ta'u, kunis lakkoofsa isa xiqqaa mana marichaa to'achuuf barbaachisudha. Dabalataanis namni miseensa paartichaa hintaanefi (wallaba ta'e) tokko kan isaan walin sagalee kennus ni jira.
Seeneetii keessattimmoo teessoo 53 qabu. Kanaafis olaantummaan Ripablikaanonni Seeneetii keessatti qaban jijjiiramuuf Dimokiraatonni teessoowwan 51 injifachuu qabu.
Akka seera biyyattiitti Ripablikaanonnifi Dimokiraatonni, Seeneetii keessatti tokkon tokkonsaanii teessoowwan 50 argachuun qixa yoo ta'an, itti aanaa pirezidaantiin sagalee kennuun paartiin inni tokko akka injifatu ta'a.
Kanaaf itti aanaan pirezidaantii yeroo ammaa JD Vaans miseensa paartii Ripablikaanii ta'uusaaniitiin, Dimokiraatonni Seeneetii to'achuuf dirqama teessoowwan 100 keessaa 51 injifachuu qabu.
Eenyutu injifachuu danda'a?
Yaadawwan uummataa dhiyeenya kana xiinxalaman fudhatamni pireezidaantichaa gadi bu'uusaa agarsiisu.
Waggoota lama dura yeroo lammaffaaf pireezidaantii US ta'uun kan filaman Doonaald Tiraamp, waqtii sanatti fudhatamnisaanii dhibbeentaa 50 ol akka ture marsariitiin Silvar Buletin jedhamu hima.
Haa ta'u malee ji'a Onkololeessaa kana garuu fudhatamni pireezidaantichaa naannoo dhibbeentaa 37 yemmuu ta'u, dhibbeentaa 61 immoo fudhatama isaan dhorkataniiru.
Haa ta'u malee filannoo walakkeessaa kanaan teessoowwan Seeneetii hundi walmorkiin cimaan irratti adeemsifama jechuu miti. Teessoowwan Ripablikaanonni akkasumas Dimokiraatonni salphumatti injifachuu danda'an ni jiru.
US'tti miidiyaan michuu BBC ta'e CBS News teessoowwan Seeneetii 10 fi teessoowwan Mana Maree Bakka Bu'ootaa 42 kan morkiiwwan cimaan itti adeemsifamuu danda'u adda baasee jira.
Filannichi Tiraampiif hiikaa akkamii qaba?
Filannoo walakkeessaa tibbanaan paartiin Dimokiraatotaa Mana Maree Bakka Bu'ootaa yookiin Seeneetii kan injifatu yoo ta'e, Tiraamp seera gama kongirasiin raggaasisuuf ni rakkatu.
Kanaafis karaan tumsa paartiisaanii malee aangoosaanitti fayyadaman jiraatus karoorrisaanii biyya keessaa garuu qoramuu danda'a.
Dimokiraatonni kutaalee kongirasii lamaan keessaa isa tokko to'atan jechuun koreewwanitti fayyadamuun dhimmoota pireezidaantummaa Tiraampin walqabatan qorachuuf carraa ni argatu.
Haaluma kanaan himannaawwan dhimma malaammaltummaa, ijaarsa galma Waayit Haawus fi maloota raawwachiistonni seera immigireeshinii (ICE) fayyadaman ilaalchisee dhiyaatan qoratamuu malu.
Kana malees Paartii Dimokiraatii keessa Tiraamp himachuu ilaalchisees mariiwwan adeemsifaman ni jiru.
Gama biraatiin immoo Paartiin Ripablikaanotaa olaantummaa Kongirasii keessatti qabu filannoo walakkeessaa kanaan kan itti fufsiisu yoo ta'e, Tiraamp yeroo aangoosaanii hafetti karoorasaanii akka yaadanitti hojiirra oolchuu ni danda'u.
Filannoon kun filannoo bara 2028'f hiikaa akkamii qaba?
Pireezidaant Doonaald Tiraamp filannoo walakkeessaa kanarratti kaadhimummaan hin hirmaatan.
Haata'u malee, miira filattootaa ka'umsa gochuun bulchiinsa Tiraamp jalatti biyyattiin garam deemaa jirti kan jedhu xiinxaluuf xinxaltoonni bu'aa filannoo kana akka galteetti fayyadamuunsaanii waan hin oolle.
Akka seera biyyattiitti Tiraamp marsaa sadaffaaf biyyattii bulchuuf pireezidaantummaaf dorgomuu hindanda'an.
Kanaafis filannoo walakkeessaa kana booda eenyutu Tiraamp booda paartii Ripablikaanii bakka bu'uun filannoo pireezidaantummaa 2028 irratti morkata kan jedhu tilmaamuun ni eegalama.
Dabalataan gama Dimokiraatotaanhoo eenyutu kaadhimaa pirezidaantii ta'ee dhiyaata kan jedhus filannoo walakkeessaa kana booda akkasuma tilmaamamuu ni eegala.