Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN , Mariin Iraan waliin taasifamaa jiru "haala gaariin deemaa" jiraachuu Tiraamp ibse

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin taasifamaa jiru "haala gaariin deemaa akka jiru" dubbate. Tiraamp itti dabaluun "haata'u malee, amanamoo miti; waliigalteerra gahanii deebiyanii waadaa galan diigu" jechuun Teehraaniin qeeqeera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan waraanni haaraan ka'ee jennaan qaxanicha keessatti akka hin daangeffamne akeekkachiifte

    Dubbi himaan Waraanni Eegduu Warraaqsa Islaamaa Iraan Mahaammad Akiramiinaay waraanni haaraa ka'ee jennaan, "qxanaa lixa Eeshiyaa keessatti qofa kan daangeeffamu" akka hin taane akeekkachiise.

    Dhaabbileen, meeshaalee fi humnoonni Ameerikaa bira gahuun danda'amu walumaa galatti irratti akka xiyyeeffataman ibseera.

    Qophii waraanaa Iraan qabdu kan ibse dubbi himaan kun, waraanni haaraan kan ka'u taanaan kan kanaan dura ture caalaa "kan dheeratu" akka ta'us dubbateera.

    "Eegduu Warraaqsa Islaamaa Iraan ofirraa ittisuu irraa gara haleeluutti adeemsi ceesisuu jalqabameera. Waraana kanaanis hojiitti akka hiikamus agarsiiseera," jedhe.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin taasifamu "haala gaariin deemaa jiraachu" ibsuun "haata'u malee, amanamoo miti; waloogalteerra ga'anii waadaa galan diigu" jechuun Teehraaniin qeeqeera.

    Hogganaan waliigalaa Iraan Mojtaabaa Kameenii, wal ga'ii ajajoota waraanaa biyyattii waliin taasisaniin, waraanni biyyattii saaddoo haleellaa diina irraa dhufu kamiyyu " saffisaa fi osoo ji'oogiraafiin isa hin daangessiin" deebii akka kennu ajaja dabarsaniiru.

  2. Binance dolaara Biliyoona 6.3 saamame keessaa dhibbentaa 90 ofumaan deebisee bakka buusuu ibse

    Addunyaarratti bittaafi gurgurtaa Kiriptookaarensii guddicha kan ta'e Binance [Baayinaans] qabeenya dolaara Biliyoona 6.3 baasu saamame keessaa %90 kan ta'u ofiima isaa deebisee akka bakka buusu (haguugu) ifa godheera.

    Kan hafe %10 haguuguuf ammoo yeroo akka gaafatu beeksiseera.

    Kamisa darbe Onkoloolessa 29, 2026 saamichi Kiriptookaarensii addunyaa irratti isa olaadha jedhame irratti raawwatamuun erga butamee (hack godhamee) booda ture.

    Binance qabeenya %100 saamichaan dhabe akka deebisiisu ibsuun isaa ni yaadatama.

    Dhaabbanni kun ibsa Sambata Onkoloolessa 31, 2026 baaseen, "qabeenya saamame Binance ni haguuga [bakka buusa]" jedheera.

    Waajirri qorannoo yakkaa Ameerikaa (FBI) saamichi kun kan raawwatame saamtota Kooriyaa Kaabaatiin ta'uu beeksiseera.

    Saamicha hanga har'aatti mudate keessaa isa ol aanaadha jedhame kanaan gareen mootummaa Kooriyaa Kaabaatiin deeggaramu itti gaafatamaa ta'uu ibseera.

    Gareen saamtotaa Kooriyaa Kaabaa 'Laazaarus Giruup' ykn 'Tireedertireeter' maqaa jedhuun beekaman shakkamoodha jedheera.

    Binance qabeenya saamame kan bakka buuse fandiiwwan gara garaa fi karaa kuusaa qabeenyaa isaatiin ta'uus ibseera.

    Odeeffannoo dabaltaa:

  3. Hoganaan waliigalaa Iraan waraanni biyattii "ji'oogiraafiin osoo isa hin daangessiin" yaaddoo haleellaa kamiifiyyu deebii akka kennu ajajan

    Hoganaan waliigalaa Iraan Mojtaabaa kamenii walga'ii ajajoota waraanaa biyyattii waliin taasisaniin yaaddoo haleellaa diina irraa dhufu kamiyyu "saffisaa fi osoo ji'oogiraafiin isa hin daangessiin" deebii akka kennu waraana biyyattiif ajaja dabarsan.

    Dabalataanis, waraanni biyyattii qabeenya Ameerikaa fi Israa'el "meeshaa [mi'aa] fi kanneen qabatamoo hin taane" akka bira gahu gochuudhaaf sanadiin ibsa xiyyeeffannoowwan waraanaa akka keessa deebiyamee ilaalamuufis ajajaniiru.

    Waraana Iraan isa jalqabaan kan ajjeefaman abbaa isaa Ayaatolaa Alii Kameenii bakka bu'uun hogganaa kan ta'e Mojtaabaan ifatti mul'atee hin beeku. Ajaja kana kan dabarsan ammoo waraanni waashingiteen fi Teehraan gidduutti ture erga xiqqoo qabbanaa'ee booda irra deebiyee ka'a jedhamee wayita sodaatamaa jiruttidha.

    Filannoo walakkeessaa Ameerikaa guyyoota muraasaan booda gaggeeffamu keessa darbee bulchiinsi pirezidant Tiraamp Iraan irratti haleellaa gaggeessuu akka danda'u gabaasaaleen akeekan bahaniiru.

    Hogganaan waliigalaa Iraan irra deebiin "haleellwwan waraanaa ykn shororkeessuu" raawwatamuu kan jalqaban taanaan, "yeroo waraanichi itti goolabamuu fi haal dureewwan" kan murteessitu Iraan akka taatu dubbataniiru.

    Walga'ii ajaji kun irratti darberratti Itaamaajor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa Iraan Jeneraal alii Abdollaahii fi ajajoonni waraanaa ol aanaa akka argaman ibsameera.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  4. Mariin Iraan waliin taasifamaa jiru "haala gaariin deemaa" jiraachuu Tiraamp ibse

    Pirezidantiin ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin taasifamaa jiru "haala gaariin deemaa akka jiru" dubbate.

    Tiraamp itti dabaluun "haata'u malee, amanamoo miti; waliigalteerra gahanii deebiyanii waadaa galan diigu" jechuun Teehraaniin qeeqeera.

    Mootummaan Iraan bulchiisni Tiraamp waliigalteewwan cabseera jechuun irra deddeebiin qeeqeera.

    Osoo mariirra jiramuus Iraan irratti haleellaa gaggeessiteetti jechuunis Ameerikaa himateera.

    Tiraamp mana jireenyaa isaa qananii Filooriidaa keessatti argamurraa dubbii gaazexeessitoota waliin taasiseen "dhaabbileen nukilaraa barbadeessineerra," jedheera.

    "Dhaabbileen nu hafan tokko [ykn] lama jiru. Daqiiqaa 10 keessatti isaan barbadeessuu ni dandeenya" jedheera.

    Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo haasaa dhiyeenya kana taasiseen, Tiraamp Iraan irratti haleellaa raawwachuudhaaf ammallee hin murteessiin akka jiru eereera.

    Aanga'oonni Iraan gama isaaniitiin, Ameerikaan haleellaa raawwanaan deebii hamaa ta'e akka kennan akeekkachiisaniiru.

    Odeeffanoo biroo kana waliin deeman: