Pirezidaantiin Somaaliyaa UAE himatan, UAE'nis deebii kennite

Hasan Sheek Mohaammad fi Mohaamed Biin Zayed
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad, Yunaayitid Arab Emireetsi (UAE) dhimma keessoo biyyattii keessa harka galfachuu fi qoqqoodinsa siyaasaa deeggarun himatan.

Kibxata, Sadaasa 17 haasaa miidiyaan dabarsaniin, UAE'n mootummaa federaalaa Somaaliyaa mormuun, abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa irratti dhibbaa uumaa jirti jechuun akeekkachiisan.

Itti dabaluunis, UAE heyyama Mootummaa Federaalaa Mogadishuu jiru malee bulchiinsa naannolee waliin waliigalteewwan mallatteessuun amantaa dippilomaasii waggootaaf biyyoota lamaan gidduu ture diigde jedhan.

Pireezidaantichi Emireetonni naannoo buufata doonii Berberaa, Boosaasoo fi Kisiimaayoo irratti waliigalteewwan mallatteessuu, bakka waraanaa hundeessuun, humnoota nageenyaa waraana Biyyoolessaa Somaaleetiin alatti socho'an deeggaruun himatan.

"Amantaan waliin qabnu sun cabee jira," jechuun biyyattiin dhimma siyaasaa, waraanaa fi dinagdee Somaaliyaa keessatti harka galfachuu cimsanii qeeqan

Akka Hassan Sheekh jedhanitti, tarkaanfiiwwan kun yeroo Somaaliyaan garee hidhataa Al-Shabaab waliin waraana keessa jirtutti dhaabbilee nageenyaa biyyattii laaffisaniiru.

UAE'n bulchiinsa naannolee tokko tokkoof deeggarsa siyaasaa fi maallaqaa kennuun mootummaa federaalaa akka morman jajjabeessaa jirti jechuunis himatan.

Gama biraan gorsaan mootummaa UAE Anwar Gargash, himannaa Pirezidaantii Somaaliyaatiin dhiyaateef deebii kennan

Pirezidaantiin Somaaliyaa kun UAE'n abbaa biyyummaa fi walabummaa Somaaliyaa laaffisuuf hojjechaa jira jechuun himatanii turaniif toora marsariitii hawaasaa X irratti yoo deebii kennan, Hasan Sheek Mohaammad "Pirezidaantii aangoo gadhiisuuf jiru" jedhan.

Pirezidaantichi ''fedhii dhuunfaa fi dantaa siyaasaa isaanii dantaa biyya isaanii caalchisu'' jechuun himan.

Itti dabaluunis UAE'n yeroo Somaaliyaan rakkoo hamaa keessa turte keessatti cinaa dhaabbachaa turuu ibsuun, falmiin aangoo keessaa biyyattii gara walitti bu'iinsa naannawaatti harkifamaa jiraachuuf nan gaddaa jedhan.

"Walitti dhufeenyi nuti ummata Somaaliyaa waliin qabnu, garaagarummaa siyaasaa yeroo gabaabaa, shallaggii dhuunfaa fi hawwii aangoo siyaasaa yeroo muraasa booda darbu caalaa gadi fagoo fi cimaa ta'ee itti fufa," jechuun Gargash ibsaniiru.

Israa'el Somaalilaandif beekamtii kennuu irratti himata dhiyaate

Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad,
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Israa'el Somaalilaandi akka biyya of dandeessetti beekamtii kennuu keessattis UAE'n gahee guddaa qabdis jedhan pirezidaantiin Somaaliyaa.

Somaalilaandi bara 1991 Somaaliyaa irraa adda baatee ofiin of bulchaa kan jirtu yoo ta'u, mootummaa Somaaliyaa garuu kutaa biyya ishee akka taatetti ibsiti.

Israa'el Muddee 2025 Somaalilaandif beekamtii mootummaa kennuun ishee mormii cimaa Mogaadishuu irraa kaaseera.

Hasan Sheekh, UAE'n ibsa biyyoonni Arabaa fi Musliimaa beekamtii Israa'el kana balaaleffachuuf baasan keessatti hirmaachuu diduu ishee ragaa himannaa isaanii keessaa tokko gochuun dhiyeessaniiru.

Akkasumas, UAE'n Amajjii keessa hogganaa garee adda ba'uu, Yaman keessaa baqataa ture tokko, mootummaa Mogadishu osoo hin beeksisin yookaan hayyama isaa osoo hin gaafatin karaa Berbera akka darbu gargaartes jedhan.

"Somaaliyaan karaa waanti seeraan alaa ittiin darbuuf oolu miti," jedhan.

Himannaan kun kan dhiyaate, Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa Amajjii 12 bara 2026 waliigalteewwan tumsa nageenyaa fi ittisaa akkasumas kanneen buufata doonii Berberaa, Boosaasoo fi Kisiimaayoo waliin walqabatan dabalatee waliigalteewwan UAE waliin qabu hunda erga haqee ji'oota muraasa booda.

Akka isaan jedhanitti, mootummaan isaanii xiyyaarota waraanaa fi fe'umsaa UAE qilleensa Somaaliyaa keessa akka hin balali'ne dhorkeera. Tarkaanfiiwwan kun birmadummaa biyyattii eeguuf barbaachisaa turan jedhan.

Pirezidaantichi, tarkaanfiiwwan kana fudhachuu dura mootummaan isaanii karaa dipilomaasii UAE waliin mari'achuuf irra deddeebiin yaalii akka taasisan ibsan.

Garuu murtiin waliigalteewwan haquu booda illee, UAE'n gareewwan nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaa balaadhaaf saaxilan waliin hariiroo seeraan alaa itti fufteetti jedhu.

Harka galfannaan kun itti fufe, Somaaliyaan daangaa fi birmadummaa ishee eeguuf tarkaanfii dabalataa fudhachuu akka dandeessu akeekkachiisan.

"Somaaliyaan har'aa Somaaliyaa kaleessaa mitis," jedhan.

Biyyattiin heera mootummaa, mootummaa seera qabeessa ta'ee fi uummata walabummaa isaa eeguuf murannoo qabu akka qabdu ibsan.

Haa ta'u malee, UAE'n birmadummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa yoo kabajje, mariin biyyoota lamaan gidduu jiru deebi'ee jalqabamuu akka danda'u ibsuun balballi dipilomaasii ammallee banaa ta'uu ibsan.

Hasan Sheek, UAE'n Liibiyaa fi Yaman keessatti qoqqoodinsa uumameef gumaacha qabaachuu eeruun, imaammanni walfakkaataan Sudaanii fi Somaaliyaa keessattis raawwatamaa jira jedhan.

Pirezidaantichi uummata Somaliland, Puntland fi Jubaland garaagarummaa siyaasaa isaanii karaa marii Somaaliyaa keessatti gaggeeffamuun akka furatanis waamicha dhiyeessaniiru.