Karra eegaa michichilli Deeviid Raayaa miidhamuun Arsenaal hangam miidha?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Miidhamni taphataa kilaba kamiifuu oduu gaarii miti; garuu karra eegaan Arsenaal akka agartuu ijaatti ilaalu miidhamuun kilabichaaf qormaata guddaadha.

Karra eegaan ganna 31 kun dorgommii Sambata Arsenaal 2-2 Niwukaasil wal-qixa gargar galan irratti daqiiqaa 70ffaa irratti jifataa Niwukaasiil Wiiliyaam Osuulaa wajjin walitti bu'uun miidhamaaf saaxilamee dirree keessaa bahuuf dirqameera.

Arsenaal bakka hundumaatti yoo xiqqaate taphattoota lamaafi isaa ol qabaachuun liigicha keessaa kilaba garee cimaa qabuudha.

Karra eegaa irratti garuu filannoon inni qabu garuu baay'ee xiqqaadha.

Arsenaal bara darbe Shaampiyoonaa akka ta'uusaa keessatti gaheen Deeviid Raayaa salphaa hin turre.

Bakka Raayyaa bu'ee jijjiiramee kan gale Keeppaa Arizaabalaagaa bara 2018 Atileetik Bilbaawoo irraa gatii rikardii jijjiirraa karra eegaa kan ta'e paawundii miliyeena 72 Cheelsiin gara Cheelsii erga imale; boodarra Arsenaal seenus gahuumsa hanga Raayyaa hin qabu.

Raayaan dandeettii kubbaa qabachuufi dabarsee kennuusaa, ittisa Arsenaal duubatti taphataa murteessaa akka ta'u isa taasiseera.

Dorgommii Pirimeerliigii baranaatiin hanga ammaa Arsenaal galchii torba qofaatu itti gale; Biraayitanis galchii torba qofaatu hanga ammaa itti gale.

Arsenaal karra eegaa duraanii Liids kan ture Ilaan Meesilar jijjiirraa bilisaan ganna darbe fudhatus, bara kana dorgommii Karabaayoo Kaap qofaarratti hirmaate.

Isayyuu Arsenaal kilba liigii 2ffaa kan ta'e Filiitwuudin bifa qaanessaan mo'amee keessaa gale.

Mikeel Arteettaa waa'ee miidhamni Deeviid Daayaa hammam cimaa akka ta'e gaafatamee homaa akka hin beekne dubbate.

Miidhamuunsaa "nuuf oduu gaarii miti" kan jedhe Arteettaan qorannoon akka godhamuuf ibse.

"Akkamitti miidhamichi akka mudate fi sadarkaa miidhama isaatii amma hin beeku, bori kan ilaallu ta'a," jedhe akkuma taphichi xumuramuun yeroo gaafatame.

'Raayaan Arsenaaliif taphataa dhabuu hin qabneedha'

Arsenaal Raayaa waliinis ta'ee Raayaa malee yeroo dorgommiiwwan ciccimaan isa eeggatan keessa seenee jira.

Torbanoota ittaanan arfan keessatti, kilaboota jajjaboo afur irraa morkii cimaatu isa eeggata: Boorsiyaa Doortimund, Manchestar Siitii, Bireentfoord, masaanuu isaa kan ta'e Tootenhaam Hotispariifi Riyaal Maadiriidi.

"Taphataan Arsenaal dhabuu hin qabne tokko yoo jiraate Deeviid Raayadha," jedhe taphataan duraanii garee biyyaalessaa Ingilaand Alan Shiirar.

Bara 2023 Bireentifoord irraa Arsenaalitti erga makamee as "garaa garummaa kana hin jedhamne uumee" jira jechuun Arsenaal isa dhabuusaatti qormaata guddaa keessa akka galu hime Alan Shiirar.

"Bakka hundumaatti [taphataan tokko yoo miidhame] kan biraa kan jijjiiran taphattoota cocollee heddu qabu, Mikeel Arteettaan isa malee yeroo dheeraaf taphachuu hin dandeenyu kan jedhee yaadda'u yoo jiraate Raayadha," karra eegaan kun kilabichaaf taphataa bakka bu'aa hin qabne ta'uu ibsa.

Raayaan kontiraanni isaa waggaa lama hafee yeroo jirutti Arsenaal wajjin kontiraata haaraa mallatteessuf qophiitti yeroo jiruttiidha miidhamni kan isa mudate.

Taphataan duraanii sarara gidduu Ingilaand Jeemii Redknaap, Raayaan "nama bakkasaa bu'u kan hin argamneedha" jechuun jaje.

"Keeppaan sadarkaa isaa [Raayaatiin] kan taphatuu miti. Pirimeerliigii irratti ni qorama jedheen yaada. Bara darbe Karabaa'oo Kaappii irratti argineera," jechuun Arsenaal Deeviid Raayaa dhabuusaatti qormaanni guddaan durasaa akka jiru ibse.